Japaanitti xiyyaarri walitti bu'ee namootni du'an

Madda suuraa, Reuters
Magaalaa guddoo Japaan Tookiyoo keessatti xiyyaarotni lama walitti bu'uu hordofee namootni shan du'an.
Balaan kun buufata xiyyaaraa Haneedaa jedhamutti kan qaqqabe yeroo ta'u, xiyyaara xiqqaa eegdota daangaa fi xiyyaara imaltoota 379 fe'atee turetu walitti bu'e.
Hojjettootni eegduu daangaa ta'an shan xiyyaara xiqqaa keessa jiran lubbuun yoo bahu, isaan keessaa tokko qofaatu lubbuun oole. Innuu miidhaa guddaatu irra gahe jedhameera.
Imaltootni 379 kan xiyyaara guddaa Airbus A 350 keessa turan garuu osoo xiyyaarotni lamaan ibiddaan gubbachuu hin eegaliin dura saffisaan keessaa baafamuu danda'aniiru.
Xiyyaarri xiqqaan eegdota daangaa gidduugala Jappaanitti balaa kirkira lafaafi sunaamii qaqqaberraa namoota bayyanachiisuuf meeshaale deeggarsaa qabatanii balali'utti ka'aa turan.
Buufataa xiyyaaraa Haneedaa keessaa suuraa fi viidiyoon gadhiifaman xiyyaarri lameen ibiddaan qabachuu kan agarsiisan yoo ta'u, san dura ammoo xiyyaara guddicha imaltoota qabatan keessaa namoota baraaruuf duula godhames ni agarsiisu.
Buuftni xiyyaaraa Hanedaa sababa balaa kanaan yeroof tajaajila adda kuteera. Ministirri Muummee Jappaan Fuumiyoo Kishiidaa yaada miidiyaaleef kennaniin eegdota daangaa baraarsa lubbuuf socho'aa turan jaha keessaa shan lubbuu dhabuu mirkaneessaniiru.
Balaan kun xiyyaarri imaltoota 379 fe'ee ture qubachuuf wayita jedhuufi kan hojjettoota eegduu daanga qabate ammoo wayita balaliitti ka'u mudate.












