Komii Livarpuul, 'salphina' Yunaayitiid fi 'bilchina' Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images
Tapha cimaa torban kanaan Arsenaal dirreen ala Livarpuul morkatee qabxii qooddachuun sadarkaa tokkoffaarratti cichee hafeera.
Arsenaal daqiiqaa afraffaarratti kubbaa Maartin Odigaardirraa qaari’ameef ittisaan isaanii Gabri’el galchuun dursa qabate.
Daqiiqaa 29ffaa irrattimmoo mohaammad Saalah kubbaa Tirent Aleeksaandar-Arnorlirraa fagoorraa qaari’ame ittisota Arsenaal jala bahuun kubbaafi saaphana wal simsiise.
Erga torban darbe Yunaayitid waliin qabxii qooddatee booda torban kanas Liivarpuul yeroo lammataaf qabxii qooddate.
Tapha kanaan lamaanuu injifachuu fedhanis dirree ofiirratti kan taphateefi carraa galchii ta’an bal’aa kan uumaa ture Liivarpuulidha.
Keessumaa carraawwan Alekisaandar Arnoold dhaabni galchii jalaa deebiseefi kan Harvii Eliyoot yaalan akka fakkeenyaatti kaasuun danda’ama.
Gama kaaniin, dursaan taphattoota Arsenaal Maartin Odigaard kubbaa harkaan deebisee ture. Kuni penaalitii ta’u qaba jechuun Yargan Kiloop komataniiru.
Tapha booda maaltu jedhame?
‘’Morkii tapha garee gubbaa jiru waliin taphanne kanarraa ofitti amanamummaa horanne,’’ jedhan leenjisaan Liiverpuul Yargan Kiloop yeroo Sky Ispoortitti dubbatan.
‘’Maan Siitii waliin tapha fokkisaa hin taphanne garuu akka isa kanaa bareedaa miti,’’ jedhan.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteetaa gama isaan ‘’tapha hin amanamne, liigii kana keessatti waggoota 20 keessa tapha muddama qabu arguu kiyya,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.
‘’Jifannee rakkoo isaan buusuuf jennee turre. Isaan garee haala nama jalaa balleessanidha,’’ jedhe.
Qabxiin tapha kanaa kan dirreen ala dhaqee morkatef, Arsenaaliif, gammachuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liivarpuul olaantummaa fudhatee dhiibbaa itti cimsuus taphattoonni Arsenaal tasgabbii agarsiisaniiru jedhe barreessan kubbaa miilaa BBC Fil Maakaltii.
Taphicha dura Yargan Kiloopp deeggartoonni Liivarpuul akka cookaniifi deeggarsa cimsan ajajanii turan. Mee ‘’waan Anfiild fakkaatu Arsenaalitti’’ agarsiisna jedhanii dhaadatan.
Arsenaal eega bara 2012 Anfiild dhaqee mo’atee hinbeeku. Dhiibbaafi qormaata deeggartoota kanaa garuu tasgabbaa’ee Arsenaal darbeera jedha Fil Maakaltii.
Arsenaal bara dorgommii darbe Anfiild dhufee waan agarsiise wal bira qabuun ‘’bilchaachaa’’ akka dhufe ibse.
Garee qajeelchuufi taphattoota Arsenaaliif kaka’umsa ta’un utubaa Ingilizii Deklaan Raayis raajeffate.
Kiloop taphattoota isaanii jajaniiru. Haa ta’u malee, wantoota gareen isaanii sirreessuu qabanis hin dhoksine.
‘’Keessumaa tapha injifannoon xumuruurratti sirreessuu qabna. Olaantummaa agarsiisnuun, taphoonni muraasni,’’ injifannoo isaaniin xumuramuu akka qabu himan.
'Penaalitii dhowwamne'
Dursaan taphattoota Arsenaal Maartin Odigaard kubbaa Saalah yeroo dabarsuuf ture harkaan deebise penaalitii kennamuu qaba ture jechuun Yargan Kiloopp komataniiru.
Ammoo penaalitiin hin kennamne. VAR murteessaan taphichaa viidiyoo waraabame dhaqee akka ilaaluus gorsa hin kennine.
Kunis Odigaard harka isaa ofitti deeffachaa jira jedhanii waan amananiifi. Kiloop kanaan wal hin galan.
‘’Murteessaan yoo arguu danda’e hin beeku. Akkamin penaalitii miti akka jedhame hinbeeku,’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
‘’Akkamiin akka penaalitii hin taane abbaan tokko dhufee naaf ibsuu qaba,’’ jechuunis Sky Ispoortitti dubbatan.
‘’Akkamiin namni waajjira keessa taa’u, osoo murteessaan ilaale jedhellee yaada hin kennine,’’ jedhanii gaafatan.
Jifataan duraanii Ingilizii Alan Shiirar ‘’Arsenaal carra qabeessa. Kuni[kubbaan] harkaan tuqameera. Si’a lama kubbaa tuqe [Odigaard],’’ jechuun BBC’f hime.
'Salphina Yunaayitid'
Maanchistar Yunaayitid qeeqni itti cimeera. Bara dorgommii baranaa walumaagala dorgommii hundarratti si’a 13 mo’amaniiru.
Kuni eega bara 1930 jalqabbii hamaa kilabichi agarsiisedha.
Yeroo ammaa qabxii 28’n gabatee Pirimiyeer Liigii irratti sadarkaa saddeettaffaarra taa’eera.
Guyyaa Sambataa gareen Erik ten Haag gara Westi Haam imalee 2fi 0’n mo’ameera. Galchiiwwan lamaanuu daqiiqaa 70 booda lakkaa’aman.
Utubaan duraanii Yunaayitid Pool Sikools Yunaayitid ‘’rakkoo guddaa’’ horateera jedheera.
Leenjisaan isaanii Erik tem Haag immoo ‘’’dandeettii gad-aanaa’’ agarsiisaa akka jiran himan.
Jifataan duraanii Ingilaand Alan Shiirar Kuni Yunaayitidiif salphinadha. Bara dorgommii baranaa 18 galchan. Isaan gadi kilabiin xiqqaa galche Shiifald qofaadha jedhee dubbate.
‘’Erik ten Haag ‘karooraan haa sochoonu‘ jedhu karoorri kuni maal akka ta’u hubachuu hin dandeenye. Wanti jabaan dabe jira,’’ jedheera BBC’tti yoo dubbatu.

Madda suuraa, Getty Images
Galchii galchaa hin jiran, tapha mo’aa hin jiran, taphattoonni miidhaman danuudha jetti barreessituun BBC Jeesi Andarsan.
Waa’een abbummaa kilabichaas furmaata argachuu dhabuun rakkoo biraati.
Yunaayitid keessa maaltu adeemaa jira?
Wanti ifa jiru taphattoonni isaanii ijoo kanneen akka Kaazimeroo, Haari Maaguweer, Lisaandiroo Martineez, Rafaa’el Vaaraan, Viktar Lindeloof fa’i miidhamaniiru.
Kiristaan Eriksan kalee xumurarra jijjiiramee seene.
Erik ten Haag ‘’mo’amuu keenyaaf taphattoota miidhaman danuutu jiru. Kanneen miidhaman yoo deebi’an gareen kuni ni fooyya’a,’’ jedhan.
Wanti Yunaayitidi yaaddesse biraa jifattooti kilabichaa waan galchii ta’u yaaluu dhabuu isaaniiti. Itisaan Yunaayidid Luuk Shoo garee isaa qeqeera.
‘’Inuma mo’amna, qabxii dhabna,’’ jechuun tarii rakkoon ofitti amanamummaa dhabuu ta’uu akka malu ibse.
Pool Iskoolsis kanuma cimse. ‘’Yunaayitid rakkoo hedduu qaba. Galchii galchuu dhabuun isa guddaadha. Waanuma galchii ta’u uumaa hin jiran’’
Dabalataan, fuulduratti bahaan waan morkataatti balaa ta’u yaalaa hin jiran. Ofitti amanamummaa dhabuu ta’uu mala jechuun hime.
‘’Taphattoota hedduurratti qarshii hedduu baafte waan baay’ee irraa eegda. Kana Maarkash Raashfordirraa argaa hin jiru.
‘’Kubbaa miilaa keessa inni salphaan akkatti ittisan leenjisuudha, inni cimaan akkatti galchan leenjisuudha. Kuni hanqataa jira. Kuni salphinadha.’’












