'Wiiliyaam Ruutoo na filadhaa jedhee filannee, deebi'ee nu gane'

Keeniyaatti qaala'iinsa jireenyaafi daballii gibiraan wal-qabatee mormiin walitti fufiinsan gaggeeffamaa jira. Hiriira mormii kanarratti ji'oota muraasaa asitti namoonni 24 ajjeefamaniiru.

Jeems Waayinaayinaa magaalaa Naayiroobii keessatti konkolaachisaa taaksiti. Filannoo bara darbeerratti Wiiliyaam Ruutoo filate. Amma quban ittiin gaafa sana isa filadhen ciniinuu kajeela jedha.

Akka inni jedhutti gaafa sana Ruuton warra galii gadi aanaa qabaniifi tattaafatanii jiraatan (hustlers) jireenyasaanii jijjiiruf akka hojjatu waadaa galeefii ture.

Jeems amma miira ganamuutu itti dhagahama. Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo erga gara aangotti dhufanii gatiin meeshaalee dabaluu malee hin hir'anne. Dabalataan ammoo mootummaan Ruutoo gibirri akka dabalu godheera.

Sababni gibirri dabaleef idaa biyyattiirra jiru kaffaluufi hojii uumuf akka ta'e himu Ruuton, garuu gibirri ol-ka'uunsaa jireenya namootarratti dhiibbaa guddaa uumaa jira.

Waayinaayinaa amma obboleettiisaa kutaa 12 barattuuf kaffaltii mana baruumsaa waan kaffalu dhabee erga mana barumsaa dhaqxee torbee sadi guutera.

Dur taaksii oofurraa galgala gaafa manatti galu yoo xiqqaate guyyaatti Shilingii 4,000 kiisa kaawwatee gala; amma garuu 500 fa'aa akka argatu hima. Isheen ammoo borumtaasaa boba'aa konkolaataatti dhumti.

"Waanti jijjiiramu waan jiru hin fakkaatu, pirezidaantin nu sobe. Gidirfamaa jirra, waanti hunduu rakkisaa ta'aa jira. Gatiin boba'aa yeroo ol ka'u, gatii ibsaa dabalatee gatiin waan hundaatuu olka'a. Waanti hunduu hammaataa jira."

Warrumti mootummaa deeggaranuu haala amma jirutti baay'ee akka hin gammanne ibsa qorannoon dhiyeenya kana dhaabbata biyya keessaa Tifa jedhamuun gaggeeffame.

Akka qorannoo kanaatti namoonni %56 ta'an biyyattiin gara hin taanetti deemti jedhan. Kuni ammoo paartii mormituudhaf haala mijataa uumunsaa hin oolle jedhama.

Ragaan mootummaa akka agarsiisutti midhaan nyaataa kanneen akka boqqoolloo, daakuu dabalatee ruuziifi sukkaara fa'aarratti daballiin gatii guddaan mul'ateera.

Mootummaan gibira dabaluunsaa hojii uumudhaaf akka ta'e ibsus manni murtii yeroodhaaf dhorkeera. Mootummaan garuu biyyattiirra liqiin guddaan waan jiruuf gibira ol-kaasun dirqama akka ta'e ibsa.

Wiiliyaam Ruutoon bulchiinsa duraanitu liqii guddaa fudhatee idaan biyyattii akka guddatu godhe jechuun komatu.

Haa ta'u malee Ruuton mootummaa duraanii keessattis ittaanaa pirezidaantii ta'uun tajaajilaniiru.

Liqii biyyattiirra kuufame kaffaluufi hojii uumuf lammiileen biyyattii yeroo gabaabaaf "aarsaa kaffaluun" dirqama akka ta'e ibse mootummaan Wiiliyaam Ruutoo.

Namoonni akka Waayinaayinaa dubbiin kun hin liqimfamuuf.

Edwin Simiyu ammoo Kiyaambutti konkolaachisaa motorsaayikiliiti. Innis Wiiliyaam Ruutoo filachuusaatti baay'ee gaabba.

"[Pirezidaantin] waggaa tokko naa kennaatii jijjiirama agartuu nuun jedhe. Amma erga aangoo qabatee jijjiirama arguuf waggootaf akka eeguu qabnu dubbata. Rakkataa jirra, guutummaatti ni ganamne, dagatamneerra," jedha.

Chaarlas Kaayindoos achuma Kiyaambutti huccuu salbaajii gurguree of jiraachisa. Mootummaan waadaasaa akka cabse BBCtti hime.

Yeroon itti namoonni "gaheera" jedhan amma jedha. "Namooni dafqanii bulan yakkaafi wantota biroorratti bobba'uu malu, yeroo rakkinni hammaatu lubbuusaanituu balleessuu danda'u," jedha.

Jeen Njeerii dhaabbata dhuunfaatti ogummaa akkaawuntaantin hojjatti. Gibirri mootummaan dabale idaa biyyattiirra kaffaluufuu waan salphaa hin ta'u jechuun gatiin Shilingii Keeniyaa kan doolaraa biratti yeroo dhiyoo as baay'ee kufuu kaasti.

"Waan halkan tokkotti ta'uu miti. Bakka rakkisaarra jirra: gatiin shilingii kufuu, idaafi hoji dhabdummaa," si'a tokkotti biyyattii danqee akka jiru himti.

Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoon yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turan, wantoota isaan waadaa galan keessaa kanneen gali gadaanaa qabaniif gatiin jireenyaa akka hin qaalofne gochuufi carraa hojii uumuu ture.

Waanti yeroo sana dubbatameefi har'a qabatamaan mul'atu wal-fakkaachuu dinnaan baay'een fuulasaanii Wiiliyaam Ruutorraa waan garagalchatan fakkaatu.

Keen Gichingaa ogeessa diinagdeeti. Akka inni jedhutti mootummaan meeshaalerratti qaraxa dabaluurra seektaroota dhuunfaa karaa ittiin guddisurratti hojjachuu qaba.

Kaayyoon mootummaan gibirri akka dabalu godhe keessaa kan biraa ammoo rakkoo manneen jireenyaa furuuf manneen ijaaruu kan jedhudha.

Keen Gichingaa garuu kuni rakkoo mana jireenyaas ta'ee hoji dhabdummaa akka hin furre falma.

Seektaroota dhuunfaa jajjabeessuf, "dhala hir'isuu, qaraxa hir'isuufi seerota laaffisuu. Kana sadeen goonaan diinagdeen ofumasaa hojii uuma. Gabaan bilisaa bilisa ta'ee akka hojjatu gochuudha," jedha.

Ogeessi diinagdee kan biraa Odiyaambo Ramoogi ammoo yaanni pirezidaantichaa waan gaarii akka ta'e falma. Garuummoo akkaataansaa dogoggora qaba jedha.

Akka inni jedhutti mootummaan lammiilen Keeniyaa dabalataan akka kaffalan gaafachuu dura baasii hir'isuu qaba.

Walitti qabaa koree dhimma bajataa Keeniyaa kan ta'e Ndindi Nyoro kaayyoon mootummaan gibira dabaleef biyyattiin liqaa dabalataa keessa akka hin galleef akka ta'e BBCtti himan.