Baarak Obaman dokumentarii Netflix irratti seenessuun badhaasa 'Emmy Award' argate

Pirezidaantin US duraanii Baarak Obaaman dokumentarii Netflix irratti dhiyaatun seenessaa cimaa jedhamuun Fulbaana 3, 2022 badhaasa Emmy Award jedhamu injifate.

Obaaman Netflix irratti dokumentarii walitti fufinsan dhiyaatu kan ofii isaa Paarkiwwan Biyyoolessaa Keenya Gurguddoo (Our Great National Parks) jedhamu qaba.

Dookumetariiwwan shan walitti fufiinsan waa'ee paarkiwwan biyyoolessaa gurguddoo addunyaa irratti dhiyaatan duuba kan jiru dhaabbata Higher Ground jedhamuudha.

Dhaabbanni kun kan Baarak Obamaa yoo ta'u dookumentariiwwan qopheessa.

Baarak Obaaman badhaasa Emmy kanaan alatti kanaan duras badhaasawwan Grammy Awards lama argateera.

Seenaa pirezidaantummaa Ameerikaa keessatti badhaasa Emmy argachuudhan Baraak Obaamaa nama lammaffaadha.

Dookumetariin walitti fufiinsan dhiyaatee Obaaman itti badhaafame kun bareedina uumamaa fi teessuma lafaa ardiilee shan keessatti argaman kan of keessatti qabatu yoo ta'u garreewwan cabbii uffatanii fi miidhagoo biyya Chiilii fa'aa keessatti argamu.

Namoonni biroo seenessuudan cimoodha jedhamanii Obaamaa wajjin dorgommiif dhiyaatan Deevid Atenbooroo, Nupitaa Niyoongo fi Kareem Abdul-Jabbar fa'i.

Baarak Obaamaa bara 2017 bara aangoo isaa erga xumureen booda haadha warraa isaa Misheel Obaamaa waliin kunuunsa naannoo irratti hojjachuuf Netflix wajjin walii galan. Kanaan dura kitaabota isaa "The Audacity of Hope" fi "Dreams from My Father" jedhan bifa sagaleetin qophaa'aniif badhaasa Giraamii Awardis jedhamu argatee ture.

Amma immoo badhaasa Emii Awardis jedhu mo'atee jira.

Pirezidaantota hanga ammaa US bulchan keessaa badhaasa kan argate isaa fi bara 1956 tti pirezidaant Diwaayit Isenhower qofaadha.