Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa keessa sochoonee daran bilisoomsaa jirra- Hoogganaa Waaginar
Hoogganaan garee Waaginar erga fincila Raashiyaa keessatti gaggeessee milkaa'uu dhabee as yeroo jalqabaaf viidiyoodhaan as ba'ee wayita dubbatu Afrikaa keessa jiraachuu mirkaneesse.
BBCn viidiyoon kun eessatti akka waraabame mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Viidiyoon Telegiraamii garee mindeeffamuun hojjetan- Waaginar irratti maxxanfame Pirigoozhiin uffata waraanaa guutuu uffatee wayita dubbatu agarsiisa.
Gareensaa Afrikaa keessa socho'uun ''irruma caalaa bilisoomsaa jiru,'' wayita jedhu dhagahama.
Waaginar Afrikaa keessaa loltoota kumaan lakkaa'aman akka qabuu fi biyyoota dantaa diinagdee guddaa irraa qabu keessa maandheffatee jiraachuutu himama.
UN fi jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falman, gareen kun Maalii fi Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaa keessa buufatee yakka waraanaa raawwataa jira jechuun himatu.
UKn ji'a darbe dureewwan garee kanaa Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaa keessatti dararaa fi ajjeechaa dhala namaarratti raawwatan jettee himatte lamarra qoqqobbii kaa'uu ibsitee turte.
Ameerikaanis gareen Waaginar ardii Afrikaa keessaa qabeenya worqee fi albuuda kaan saamaa jira jechuun himatteetti.
Dursaan Waaginar, Pirigoozhiin, viidiyoo sana keessatti Afrikaa keessa socho'uun albuuda barbaadaa jiraachuu hin haalle, akkasumas garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhanii fi garee qindaa'anii yakka raawwatan kaan haleelaa jiraachuus dubbate.
''Hojiirra jirra. Akka fedha keenyaatti nuuf deemaa jira. Sochiin Waaginar Raashiyaan ardiilee addunyaa hunda keessatti olaantummaa akka argattuu fi Afrikaan ammoo daran akka bilisoomtu gochuudha,'' jedhe Pirigoozhiin.
Uummatoota Afrikaaf haqaa fi gammachuu, ISIS, Al-Qaeda fi garee baandaa kaan ammoo guyyaa itti dukkaneessaa jirra jedhe.
Gareen kun ammallee miseensota dabalataa akka jiruu fi hanga waan karoorfate bakkaan ga'utti duubatti akka hin deebine hime hoogganaan Waaginar.
Piriigoozhiin yaa'ii Afrikaa fi Raashiyaa ji'a darbe St Piitarsibarg keessatti gaggeeffamerratti, osoo gorsaa pireezidantii Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaa Ambaasaaddar Fireedii Mapuukaa harka fuudhuu mul'ateera.
Hoogganaan Waaginar sa'atii 24'f fonqolchaan Raashiyaa raasee addunyaarratti ijoo dubbii ta'e kun, ergasii mataa gadi qabatee riphee jiraachaa ture.
Yeroo sana loltoonni Waaginar 5,000 ta'an magaalaa seena-qabeettii Kibba Raashiyaa Rostov-on-Don jedhamtutti duulanii weeraranii turan.
Kaayyoonsaanii hoogganoota olaanaa humna waraanaa biyyattii aangoorraa buusuu ta'us, Piriigoozhiin garuu erga mootummaa Raashiyaa waliin dubbatanii booda sochii fincilaa kana of duuba deebiseera.
Akkaataa waliigaltee, Pireezidantiin Beelaarus Aleksaandar Lukaasheenkoo jaarsummaan gidduu turan kanaan balleessaa raawwateef himannaan Piriigoozhiin irraa ka'ee, gareesaa qabatee gara Beelaarus akka imalu murtaa'e.
Michuu Pireezidant Vilaadmiir Puutin kan ta'e, inumaa soorata bilcheessaafii kan ture, Piriigoozhiin garee kana bara 2014 akka hundeesse hima.
Gareen kun wayita Raashiyaan baha Yukireen irraa Kiriimiyaa fottoqfattu loltoota Raashiyaa akkaan gargaareera.
Waraana Yukireen dura loltoonni Waaginar 5,000 akka hin caalletu himama, amma garuu kuma 25 ga'uu hima Piriigoozhiin.