Hoogganaan garee Waagnar sochii Afrikaa keessaa akka itti fufan dubbate

Hoogganaan loltoota mindeeffamtoota Waagnar Yevgenii Pirigoozhin, biyyoota Afrikaa bakka loltoonni isaa keessa buufatanii jiranitti waraana akka itti fufan ibse.

Gareen kun erga ji’a darbe Raashiyaa keessatti fonqolcha geggeessuuf yaalee achiin booda gara Beelaaruus akka deemu dirqisiifamee as egereen isaa gaaffii keessa galeera.

''Sagantaan nuti Afrikaa keessatti qabnu yoomuu sharafamee hin beeku, fuuldurattis hin sharafamu,'' jechuun miidiyaa Afrique TV jedhamutti dubbate Aab Pirigoozhin.

BBCn sagalee dhagahame kana xiinxaluun dhugaatti kan Aab Pirigoozhin ta’uu mirkaneesseera.

Miidiyaa Raashiyaan michummaa qabu- Afrique TV kanatti wayita dubbatu viidiyoodhaan hin mul’anne.

Miidiyaan kun biyyoota Afrikaa afaan Firaansi dubbatanirratti xiyyeeffachuun kan hojjetuu fi garee Waagnaritti hidhata kan qabuudha.

Loltoonni Waagnar biyyoota Afrikaa kanneen akka Maalii fi Rippaablika Afrikaa Giddugaleessaa keessatti yakkoota waraanaa hedduu raawwachuu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) himateera.

Biyyoota Lixaa keessaa UKn gareewwan biizinasii fi namoota dhuunfaa garee Waagnar waliin hidhata qaban jettu 13 irra qoqqobbii kaa’uu ibsiteetti.

Waagnar Maalii fi Rippaablika Afrikaa Giddugaleessaa keessatti yakka suukanneessaa dhala namaarratti raawwachuu fi Sudaan keessatti yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii ta’uu isaan UKn himatteetti.

Hoogganaan Waagnar kan Maalii keessa jiru Ivan Aleksandrovitch Maslov fi kan Rippaablika Afrikaa Giddugaleessaa keessa jiru Konstantin Aleksandrovitch Pikalov kanneen UKn qoqqobde keessaati.

Ameerikaanis gamasheen gareen Waagnar albuuda worqee karaa seeraan alaa Ardii Afrikaa keessaa guurrachaa jira jechuun himatteetti.

Aab Pirigoozhin garuu ergamni isaanii kan warri lixaa eeran kanarraa addadha jechuun, himannaa irratti dhihaate waakkata.

''Biyyoota hojii keessatti eegalletti hojii keenya itti fufna. Haaraas ni eegalla. Hojii misoomaa fi hariiroo cimsuu irratti xiyyeeffannee hojjenna,'' jechuun miidiyaa Afrique TV irratti dubbate.

Kanneen gareedhaan yakka raawwatanii fi shororkeessitoota qolachuurratti biyya kamuu tumsuun akka hojjetan ibse.

''Bakka kamittuu garee qindaa’anii yakka raawwatanii fi shororkeessitoota loluuf gareen Waagnar yoo gaafatame, dantaa uummataa eeguuf jecha, haalduree kaa’anne irratti erga walii gallee booda, deebii hatattamaa kennuuf qophiidha.''

Dubbiin dursaa Waagnar kun waan ministirri dhimma alaa Raashiyaa dubbataniin walfakkaata.

Gareen Waagnar fi loltootni Raashiyaa Afrikaa keessa bakka qabatan ni turu jechuun dhiheenya kana ministirri dhimma alaa Raashiyaa dubbataniiru.