'Abbootiin warraa keenya adamfamaa jiru, isaan malee attamiin jiraanna?'

Jiraattonni erga riqichi daandii biyyaaleessaa 5 gubbaa cabeen booda yoo riqicha mukaarra ce'uun - Baha RD Koongoo Ollaa Saangee gaafa Guraandhala 29, 2024.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa waraana adeemaa jiruun jiraattonni qe'eerraa buqqa'aa jiru

Finciltoonni M23 kan Ruwaandaan deeggaraman magaalaa baha Rippablika Dimookiraatawaa Koongootti argamtu Uviraatti dhiyaachaa jiraachuu maddeen BBCtti himan.

Dhiheenya kana magaalotaa Bukaavuu fi Kamaanyolaa fi Luvungi kan qabatan finciltoonni M23, gara magaalaa guddittii lammaffaa bulchiinsa Kiivuu, kan namoota 700,000 ol keessa jiraattutti akka qajeelan himan.

Jiraattonni BBC'tti dubbatan, walitti bu'iinsi Koongoo fi gareewwan milishaa mootummaa deeggaran gidduutti uumamuun isaa odeeffamaa jiraachuun yaaddoo dabalaa jira jedhan.

Haati ijoollee sadii fi jiraattuu magaalaa Uviraa kan taate Rehemaa (maqaashee dhugaa kan hin taane), gabaasa Goomaa fi Bukaavu keessatti namoonni ajjeefaman jedhu hordofuun magaalattii keessatti muddamni ol'aanaa uumamuu BBCtti himteetti.

"Dubartootaa fi daa'imman saaxilamtoota olaanoo walitti bu'iinsa kanaati. Loluu hin dandeenyu, garuu ammoo yeroo ammoo M23 gara Uviraa dhufaa jira jedhamu kanatti maal akka goonus hin beeknu," jetti.

Abbootiin warraa isaanii kanneen finciltootaan adamfamaa jiran lola kanaan yoo ajjeefaman jireenyi akka ulfaatu dubbatti.

Rehemaan maatiin ishee halkan lamaan darbaniif akka hin rafiin dubbattee, sababii jeequmsiifi hanni cimaa jiruufu waraanni biyyattii isaan baraaruu akka dadhabe himti.

Maddi maqaansaa akka hin dhahamne gaafate tokko BBC'tti akka himanitti, loltoonni magaalaa Burundii waliin daangaa haroo qooddattu kana keessatti osoo socho'aa jiranuu saamicha fi ajjeechaa namoota nagaa irratti yoo raawwatamu argeera jedhe.

"Kanaaf, hundi keenya mana keessa teenyee M23 akka dhufu eegaa jirra. Kanatu Bukaavu keessatti ta'aa jira.

''Warra gara kaampii baqattootaa Bujumburaa qaxxaamuraniif jireenyi baay'ee rakkisaa ta'uu waanan bareef ammaaf asuma turuufan murteesse. Nyaanni homtuu hin jiru," jedha.

Lammiileen Koongoo gara magaalaa guddittii Burundi Bujumburaatti baqatan maatiiwwan dhufaatiin akka keessummeessan akka qabaatan BBCn ni hubateera.

Jiraattonni akka jedhanitti, magaalattiin guyyoota lamaan darban keessa waraana DR Koongoo (FARDC) fi milishaa michuu isaa Wazalendo jedhamuun beekamu gidduutti walitti bu'iinsi mudatee jira.

Kunis kan mudate wayita milishoonni loltoonni akka magaalattii dhiisanii keessaa hin baane dhorkuuf wayiya yaalaa turaniitti ta'utu himame.

Jiraattoonni gandichaa wayita qriqicha mukaan laga Shaangee irratti ijaarame qaxxaamuran, ollaa Saangee, Kibba Kivuu, Baha RD Koongootti Guraadhala 29, 2024.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattoonni gandichaa wayita qriqicha mukaan laga Shaangee irratti ijaarame qaxxaamuran, ollaa Saangee, Kibba Kivuu, Baha RD Koongootti Guraadhala 29, 2024.

Waraana dheeraa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonnimilishoota Wazalendo loltoonni biyyattii kan adda waraanaa gadhiisanuun gara Kibbaa gara Kalemietti booddeetti baqataa jiru jechuun himatan harkaa qawwee fi rasaasa waraana DR Koongoo irraa fudhachuu akka barbaadan himama.

''Waazaaleendoon miidhaa waraana idileetiin raawwatamu mormuuf kan ka'e yoo ta'u, loltoonni idilee meeshaa waraanaasaanii akka isaaniif kennan gaafachaa turan,'' kan jedhu maddi kun, lammiileen Koongoo gara kuma 15 gara Burundii qaxxaamuraniiru jedheera.

"Hanga ammaattuu koloneelota waraana idilee hedduu as ga'aa jira. Kaleessa hedduunsaanii ammoo bidiruudhaan magaalattii keessaa ba'aniiru. As irraa bidiruu Amaniitti yaabbachuun gara Kaalemie imalaniiru," jechuun maddi biraa BBC'tti himeera.

BBC'n gabaasa kana addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

Gaafa Roobii ammoo walitti bu'iinsa hidhannoo fi saamichi magaalattii keessatti uumameen tajaajila namoomaa dabalatee sochii hunda dhorkeera.

Dhaabbanni tola ooltummaa deeggarssa wallaansa namoomaa taasisuu, Dooktars Wiziawuti Boordars, eguumsa namoota nagaa, erga wallaansaa fi argama namoomaatiif waamicha taasiseera.

''Magaalatii guutuutti gareewwan wallaansaa fi namoomaa balaarratti argamu. Hospitaalli riginicha keessaa guyyaa guyyaan namoota nagaa dabalatee, kanneen miidhaan irra gahee simachaa jira. Waa'ee kunuunsa fayyaa haala itti argamu irratti yaadda'aa jirra'' jedhe ibsa toora X gubbaatti baaseen.

Hundeessaan Garee Qorannoo Koongoo fi Yunivarsiitii Siimoon Firaayizar keessatti piroofeesara gargaaraan, Jaason Istiirns, kun jalqaba waraana dheeraa ta'uusaa wantoonni agarsiisan hundi jiru jedhu.

"M23 caasaa bulchiinsaa hundeessaa, caasaa gibiraa diriirsaa, akkasumas namoota haaraa qacaraman argachaa jiru. Koongoo keessa gadi fageenyaan galaa jiru. Uviraan waraana dheeraa keessatti bakka dhaabbannaa tokko fakkaatti. haaluma walfakkaatuun ammoo, waraanni Koongoo erga yeroo finciltoonni Goomaa to'atan irraa eegalee jeequmsa keessa jiru."

Aab Istiirns, waraanni Burundii wayita baheetti, waraanni Afrikaa Kibbaa kaampii Goomaa keessatti ittifaman, kontiraaktaroota nageenyaa dhuunfaa ammoo waan badaniif "waraanni M23 dhaabuuf waan xiqqaa qofaa raawwata" jedhan.

Torbana darbees M23n dura dhaabbannaa baayyee xiqqaa loltoota Koongoo fi michoota isaaniirraa mudateen magaala Bukaavuu to'ate.

Maddeen akka jedhaniitti achiitti amma jireenyi gara idileetti deebii'aa kan jiru yoo ta'u, magaalattiin to'annaa M23 jala jirtii.

Jiraattoonni daldalliwwan xixiqaan, ATM baankii fi suuqiiwwan saaqamaa jiraachu BBCtti himan.

''Mana keenyaa bahu dndeenya. Namoonni badii sambattan irra mudate irraa bayyanachaa jiru. Amma jireenyi fooyya'aadha...M23 bakka hunda jiru'' jedha jiraataan. Itti dabalunis AFC/M23 nammeen barnootaa Wiixata akka deebiisanii banamiif labsaniiru jedhe.

Erga riqichi daandii biyyoolessaa lakkoofsa 5 irra ture jigee booda konkolaataa geejiba uumataa Burundii-Bujumburaa fi Bukaavuu jidduu ture dhaabbate. Ganda Sange, bulchiinsa Kivu Kivu, baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, Guraandhala 29, 2024.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Erga riqichi daandii biyyoolessaa lakkoofsa 5 irra ture jigee booda konkolaataa geejiba uumataa Burundii-Bujumburaa fi Bukaavuu jidduu ture dhaabbate. Ganda Sange, bulchiinsa Kivu Kivu, baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, Guraandhala 29, 2024.

Waldhabdeen waggoota kurnan lamaan darbaniif ture kun hundeensaa gartokkeedhaan kan duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994, yeroo namoonni gara 800,000 ta'aniifi lkan irra caalaaisaanii Tuutii, warra finxaaleeyyii Huttu'n ajjeefaman irraa madda.

Isaan boodas Huttuun hedduun ajjeechaa kana keessatti hirmaatan dabalatee gara DR Koongootti baqatan. Ruwaandaanis isaan ammallee balaa ta'anii akka jiran dubbatti.

Qeeqxonni ijjii Kiigaaliin qabeenya albuudaa bal'aa DR Koongoo kan laptop fi bilbila harkaa dabalatee, teknooloojii addunyaa baay'eedhaaf murteessaa ta'e irradha jedhu. Haata'u malee Kigaliin deeggarsa finciltoota kanneeniif taasisaa jirti jedhamuu ni haalti.