Dubartoonni 100 ol manni hidhaa Koongoo cabee gudeedaman, kaan jiraa gubaman - UN

Qabiyyeen odeessa kana miira keessan jeequu mala.
Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo magaalaa Goomaatti yeroo mana hidhaa cabu dubartoonni mana hidhaa turan 100 ol gudeedamuun, kaan jiraatti ibiddaan gubatani jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii.
Finciltoonni Koongoo Goomaa to'achuu erga jalqabanii booda hidhamtoonni dhibbaan lakkaa'aman Wixata darbe mana hidhaa Munzenzee cabsanii bahan.
Dubartoonni 165 hanga 167 ta'anirra hidhamtoota dhiiraatiin yeroo mana hidhaa cabsanii bahan gudeedamuu sanadni keessoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii BBC'n argate ni mul'isa.
Gabaasichi akka jedhutti dubartoonni kunneen irra caalaan isaanii kan ajjeefaman hidhamtoonni mana hidhaa sanatti ibidda qabsiisuu hordofeeti.
BBC'n gabaasa kana addaatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Magaalaan guddaan namoota miiliyoona tokkoo ol qabu Goomaan kan qabamte erga xiyyaarri M23 Ruwaandaan deeggaramu baha DR Koongoo keessa darbee tarkaanfii saffisaa raawwateen booda.
Magaalattiin jeequmsa keessa kan galte yoo ta'u, reeffa namootaa daandiirratti gatamee, misaa'eloonni manneen jireenyaarra darbaa turuun himame.
Viidiyoon torban darbe mana hidhaa cabeetti waraabame akka agarsiisutti namoonni bakka sana keessaa yeroo baqachaa turan aarri duubaa mul'ata.
Dhukaasni qawwee cimaanis dhaga'amuu danda'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoo biraarratti namoonni hidhamtoota mana hidhaatii miliqan ta'uun amanaman daandii Goomaarra yaa'aa turan.
Lola sanarratti yoo xiqqaate namoonni 2,900 kan ajjeefaman yoo ta'u, reeffi 2,000 awwaalameera, reeffi namoota 900 biroo ammoo ammallee mana reeffa magaalattii keessa akka jiru Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibseera.
Jalqaba torbee kanaa finciltoonni namoomaaf jechuun dhukaasa dhaabuu labsan.
Haa ta'u malee, finciltoonni M23'n Roobii haleellaa haaraa kan jalqabe ta'uu, magaalaa albuuda badhaate Niyaabibwee dhuunfachuu isaanii gabaafameera.
Magaalli kuni magaalaa guddittii bahaa biyyattiitti guddinaan lammaffaa taate Bukaavu irraa gara km100 fagaatti.
Angawoonni Koongoo tola ooltota siiviilii dhibbaan lakkaa'aman Bukaavuu finciltootarraa ittisuu gargaaran hiriirsisan.
Gama biraatiin Maalaawwiin humnoota nagaa eegsisan biyyattii keessaa baasuuf qophii akka eegaltu beeksifte.
Kunis lola naannoo Gomaatti gaggeeffameen loltoonni ishee sadii ajjeefamuu hordofeeti.
Loltoonni Maalaawwiin qaama humnootaa Afrikaa Kibbaatiin hoogganamu turan.
Loltoonni Afrikaa Kibbaa 14 ajjeefamanis, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan humna isaanii biyyattii keessa tursiisuuf dhaadataniiru.












