DR Koongotti haleellaa hidhattota M23 hordofee Ruwaandaafi Afrikaa Kibbaa gidduutti muddamni dhalate

Pirezidaant Ramaafoosafi Pool Kaagaamee

Madda suuraa, Getty Images

Hidhattoonni M23 Baha DR Koongoo keessatti humnoota nagaa kabachiisaa Afrikaa Kibbaa ajjeesuu hordofee Afrikaan Kibbaa Ruwaandatti quba qabde.

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Ramaafoosaa hidhattoonni M23 Ruwaandaan deeggaraman loltootasaanii ajjeesuusaanif Ruwaandaa komatan.

Loltoota nagaa kabachiisaa DR Koongoo jiran kana booda haleellaan irratti raawwata taanan akka waan "waraanni nurratti labsameetti" ilaalla jedhan.

Hidhattoonni M23 Baha DR Koongoo keessatti guddoo taate Goomaa qabachuu hordofee humnoonni nagaa kabachiisaa biyyoota garaa garaa hidhattoota kana lolan heddus du'aniiru.

Isaan keessaa loltoonni Afrikaa Kibbaa nagaa kabachiisuurratti bobba'an 13 torbee darbe hidhattoota M23 tiin ajjeefamaniiru.

Bara darbe ammoo loltoonni Afrikaa Kibbaa torba DR Koongootti nagaa kabachiisuuf bobba'an hidhattoota Ruwaandatu deeggara jedhaman kanaan ajjeefamaniiru.

Walitti dhufeenyi dippilomaasii Ruwaandafi Afrikaa erga laaffatee bubbuleera. Bara 2014 mana nama siyaasan Ruwaandadhaa baqatee Johaanisbarg jiruurratti haleellan raawwachuu hordofee Afrikaan Kibbaa dippilomaatota Ruwaandaa sadi biyyaa ariitee turte.

Ruwaandanis dippilomaatota Afrikaa Kibbaa jaha biyyaa hari'uun deebii kennite. Haa ta'u garuu, Pirezidaantin Siiril Ramaafoosaa bara darbe sirna yaadannoo Duguggaa Sanyii Ruwaandatti gaggeeffamee waggaa 30ffaa irratti argamuuf Ruwaandaa daawwachuu hordofee walitti dhufeenyisaanii deebi'ee haara'ee ture.

Loltoota Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma immoo walitti dhufeenyisaanii deebi'ee laaffachuun gaggeessitoonni biyyoota lamaanuu dubbii walitti darbachuu eegalaniiru.

Afrikaan Kibbaa Baha DR Koongotti nagaa kabachiisufi hidhattoota M23 loluuf humna nagaa kabachiisaa bobbaastee turte.

Pirezidaant Siiril Ramafoosaan loltoonni Afrikaa Kibbaa DR Koongotti du'an Humna Ittisaa ykn milishaa Ruwaandaan ta'uu fuula X irratti barreessan.

Kuni ammoo pirezidaantii Ruwaandaa pool Kaagaamee baay'ee dheekkamsiise.

"Humni Ittisaa Ruwaandaa waraana malee milishaa miti," jechuun fuula X gubbaatti deebii laatan.

Loltoonni Afrikaa Kibbaa DR Koongoo keessatti du'uu hordofee Pirezidaant Siiril Raamaafoosaa waliin mariyachuu kan himan Kaagaamen, "Pirezidaant Ramaafoosaan M23 loltoota Afrikaa Kibbaa akka hin ajjeefne, garuu ammoo [Humni Waraana Koongoo ajjeesuu naaf mirkaneesse," jechuun dubbatan Kaagaameen.

Kan Afrikaa Kibbaa qofa osoo hin taane, humnoonni nagaa kabaachisaa kanneen akka Maalaawwii fi Tanzaaniyaa irraa DR Koongotti bobba'an 'nagaa booressu' jechuun kan himatan pirezidaantiin Ruwaandaa, Afrikaan Kibbaa yoo lola barbaadde akka ta'utti of irraa akka qolatan hima.

Dubbiin Kaagameen dubbatan Afrikaan Kibbaa gahee nagaa kabachiisuu DR Koongoo keessaa akka duubatti deebi'uu qabdu kan akeekudha.

Afrikaan Kibbaa DR Koongoo keessatti hirmaachunshee "nageenyi waaran akka jiraatu gochuuf" jettus, DR Koongoo wajjin keessumaa gama albuudan fedhii diinagdee qabdurraa ka'ee ta'uu hima SADCtti xinxaalaa dhimm nageenyafi ittisaa kan ta'e Daan Wiingiriin.

Kanaan dura humni waraana Afrikaa Kibbaa nagaa kabachiisuf bobba'e hidhattoota M23 irratti keessumaa haleellaa qilleensarraa gaggeessaa tureen Baha DR Koongoo keessaa baasee ture.

Yeroon booda humna qilleensan oppireeshinii gaggeessuf bajata waan dhabeef, hidhattoonni M23 of ijaaranii hanga magaalaa Baha DR Koongotti guddoo taate Goomaa to'achuu danda'an.

Humni waraanaa Afrikaa Kibbaa bara 2023 irraa eegaluun nagaa kabachiisuf Baha DR Koongotti bobba'us akka yeroo bara 2013 sana hidhattoota M23 irratti milkaa'uu hin dandeenye.

Daan Wiingiriin akka jedhutti, loltoonni Afrikaa Kibbaa bara 2023 yeroo bobba'an hidhattoonni M23 akka kana duraa laaffatoo osoo hin taane waraana jabaa waan ijaaraniif akka hin tuffanne itti himamee ture.

Loltoonni nagaa kabachiisaa Afrikaa Kibbaa kun buufata waraanaa lama qofaa keessa qubatanii kan jiraniifi deeggarsa humna qilleensarraafi humna dabalataa osoo hin argamin haleellaa hidhattoota M23 gidduutti danqamanii akka jiranis kaasa.

Pirezidaantin Arikaa Kibbaas loltoonni biyyattii DR Koongoo jiran waraana gaggeeffamaa jiru dandamachuu akka hin daneenyefi loltoota biyyatti deebisuuf waan fedhii agarsiisan akka fakkaatan kaasa Daan.

Garuu loltoonni kun Gamtaa Misooma Kibba Afrikaa (SADC) bakka bu'anii waan ergamaniif gamtichi dhimma egeree humna nagaa kabachiisaa kanarratti murtee kennuuf Jimaata, Amajjii 31, akka wal-gahii taa'utu himama.