'Doktara namoota wal'aanu ofiinuu miidhamee hospitaala keessattin arge'

Namtichi t-shartii gurraachaa fi jiinsii uffate tokko siree hospitaalaa irra taa'ee harka isaarratti ammoo baandeejii hidhate mul'ata .
Ibsa waa'ee suuraa, Doktarri wallaansa fayyaa Naatinaa'el Kirhoo bombii mana ollaa isaarratti kufeen miidhaan irra gahe
    • Barreessaa, Poowul Nijee
    • Gahee, BBC News, Goomaa

Jalqaba yoon gara magaalaa baha Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo, Goomaa keessa konkolaachisu, naannoo waldhabdee keessa akkan seene beekuun natti ulfaate.

Jiraattonni Goomaa daandii daangaa Ruwaandaa irraa kiiloo meetira muraasa fagaatee argamu guutanii mulatu.

Kaan ammoo gara hojiitti qajeelan, daldaltoonni meeshaaleesaanii karaa cinaatti gurguranii fi konkolaachiftoonni taaksii imaltoota argachuuf wal dursan mul'atu.

Magaalattii keessa "mootummaan" haaraan akka jiru hubachuuf daqiiqaa muraasa qofa fudhate.

Buufata sakatta'iinsaa buufata poolisii dhiheenyaa kan duraan aanga'oota Koongootiin gaggeeffamu tokko yeroon ga'u, loltoonni garee finciltoota M23 irraa qawwee qabatan dhufanii konkolaataa koo dhaabsisan.

M23 erga baha biyyattii keessatti lola cimsaniin booda torban darbe ture kan Goomaa, magaalaa baha biyyattii jiraattota gara miliyoona lamaa ta'u qabdu kan to'atan.

Wayita finciltoonni waraana Koongoo fi michootasaanii waliin wal lolaniitti, yoo xinnaate namoonni 700 ajjeeffamanii 3,000 ta'an ammoo madaa'uu UN fi mootummaan Koongoo beeksiseera.

Finciltoonni M23 kan saba Tuutsii irraa ta'an, mirga saba bicuutiif akka qabsaa'aa jiran kan dubbatan yoo ta'u, mootummaan Koongoo ammoo finciltoonni Ruwaandaan deeggaraman qabeenya albuudaa bal'aa naannoo bahaa to'achuu barbaadaa akka jiran hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Buufata sakatta'iinsaa sanatti finciltoonni M23 konkolaataa koo keessa ilaalanii, konkolaachisaa koo gaaffii gabaabaa muraasa gaafatan.

Achiis harka isaanii mirmirsuun gara magaalaa diigamte sanatti nu galchan.

Finciltoota mormii tokkolleen isaan hin mudanne, akka waan duraanu achi turanitti jiraatu.

Hospitaalota muraasa namoota madaa'an yaalan keessaa tokkotti yeroo goreettis, iyyi dhukkubbii namootaa koridoorii irratti dhaga'ame.

Naatinaa'eel Kiirhoo, doktora fayyaa kan ofii isaatiin, harka bitaasaa irratti maratee siree hospitaalaa irra taa'ee waliin wal agarre.

Boombiin mana isaa cina jiru tokko irra bu'uudhaan Obbo Kirhoo fi ollaan isaanii caccabaa dhukaatuu boombiitiin rukutamaniiru.

"Harka koorraan miidhaan narra gaheera. Maanguddoon ganna 65 garaa isaa irratti madaa'eera. Yaaliin baqaqsanii hodhuu taasifameefis lubbuun oluu hin dandeenye," jechuun gaabbiin dubbate.

Kutaa wallaansaa hedduu fagaattee, maanguddoon tokko siree hospitaalaa kan biraa irra ciiftee, ujummoon oksijiinii godhameef turte.

Naannoosheetti dhukaasni cimaan erga ka'een booda rasaasa harka ishee keessaa seene ofumaan buqqiftee turte.

"Battalumatti harkikoo qorruu natti dhaga'ame, rasaasaan akkan rukutame hubadhe," jette dubbachuuf baayyee rakkachaa.

Guyyootaaf, gargaarsa malee madaa rasaasni rukute sana waliin turte. Dhuma irratti ammoo, loltoota M23tiin gara hospitaala mootummaatti akka fidamte natti himte.

Miseensi garee loltoota M23 daandii Kesheroo kan Goomaa keessaa irra jiraattoota waliin osoo imalaa jiru, Amajjii 27, 2025

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti M23 bilisaan magaalattii keessa socha'u

Dubartittiin gara hospitaala dhuunfaa bakka amma wallaansa itti argataa jirtuutti akka geeffamtuuf gaafatte.

Sababii namoonni doktarootatti baayyataniif bakka duraatti wallaansa gahaa argachuu hin dandeenye.

Haata'u malee, hospitaala lammaffaa kana keessattillee dhukkubsattoonni baay'inaan waan dhaqaniifu ogeeyyiin fayyaa humna ol itti ta'eera.

''Sababii karoora yeroo balaa tasaa qabnuuf irra caalaa isaanii yaalleerra,'' jedhan doktorri sababa nageenyaatiin maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne.

Itti dabaluudhaanis, "Guyyaa Dilbataa yeroo lolli jalqabu dhukkubsattoota 315 simannee yaalleerra" jedhe.

Amma garuu, hospitaalichi dhukkubsattoota miidhaa sadarkaalee adda addaa irra gahe 700 ol lakkaa'eera jechuun doktorri kun natti hime.

Dhukkubsattoota "madaa qawwee mataarra, kaan lapheerra, kaan ammoo garaa, harkaa fi miila irra madaa'an" simachuu dubbateera.

Konkolaataa waraanaa waraanichaan barbadaa'ee qarqara Goomaatti ni mul'ata Guraandhala 2, 2025.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa waraanaa waraanichaan barbadaa'ee qarqara Goomaatti ni mul'ata

Baha DR Koongoo jeequmsa siyaasaatiin yeroo raafamu, Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii miidhaa saalaa paartileen wal dorgoman akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa akka jiru akeekkachiiseera.

Doktarri hospitaala dhuunfaa kana keessa jiru ibsa UN kana kan mirkaneesse yoo ta'u, dhaabbanni isaa hanga ammaatti miidhamtoota gudeeddii fi miidhaan saala irratti raawwate gara 10 simachuusaa ibseera.

Hospitaalaan alattis gara giddugala magaalattiitti tasgabbii fi of eeggannoo miira wal makaa ture.

Namoonni konkolaattota rasaasaan guutaman afur bira darbanii, yoo nageenyaaf dahataniitti maaltu akka mudatu argaa bahu.

Dhukaasni qawwee fi dhohinsi Goomaatti mudate amma qabannaa'ulleen, dhaabbileen hundi idileedhaan gara hojiitti hin deebiine.

Daandiiwwan tokko tokko irratti manneen daldalaa muraasni banamaniiru, kaan hin banamne. Baankonni gurguddoonis cufamaniiru.

Tarii namoonni tokko tokko haala nageenyaa bulchiinsa Kaaba Kiivuu bal'aa keessatti jijjiiramaa jiruutiin waa ta'uu akka danda'u yaaduun of eeggannoo taasisaa jiru.

"Namoonni yaadda'aa jiru... ammallee sodaan qaba, sababiin isaas warri waldhabdee kana uume ammallee nu waliin waan jiraniif waan ta'aa jiru hin beeknu," jedha abbaan suuqii Saami Mataabishi.

"Akkasumas wanti hamaansaa namni nu irraa bitatu hin jiru, hedduun isaanii gara Ruwaandaa, [magaalaa Koongoo] Bukaavu, Keeniyaa fi Yugaandaatti baqataniiru."

Itti dabaluunis, daldaltoonni meeshaalee biyyoota ollaa irraa galchanis oomisha gara magaalaatti geejjibsiisuu akka hin dandeenye dubbata.

Uffata loltoonni godhatan
Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa qunnamtii waraanaa buufata damee nagaa eendota UN alatti gatamee lafarratti mullata

Jiraattoonni ani dubbise baay'een saanii, naannicha M23 bulchuuf waliin galanii akka jiran dubbatu.

Akkasumas akka nama alaa tokkootti, finciltoonni to'annoo isaanii mirkaneessuuf akka yaadan nan arga ture.

Waajjira bulchaa waraanaa Kaaba Kiivuu, kan Goomaa to'achuuf wayita lolaa turaniitti ajjeesan fudhataniiru.

Loltoonni naannoo tarsiimoo magaalattii keessattis kan argaman yoo ta'u, kaan isaanii ammoo konkolaataa pikaappiitiin meeshaa waraanaa harkatti qabatanii daandii irratti naannawaa turan.

Yeroon Goomaa ture hunda, loltuu Koongoo sochiirra jiru tokkollee hin argine.

Haata'u malee, konkolaattota fe'umsaa kan barreeffama "FARDC" jecha afaan Faransaayiitiin humna waraanaa DRC jedhuu irratti barreeffame gatamanii argeera.

Dhiheenya buufata Ergama nagaa eegdoota UN (Monusco) kan humnoota finciltootaa irraa namoota nagaa eeguudhaaf itti gaafatammmaan itti kennameetti, daandiirra uffanni dambii waraanaa, barruuleen fi rasaasni bittiinaa'ee mul'ata.

''M23n yeroo as qaqqabaniitti, waraana keenya marsan'' jedha Riichaard Alii kan ollaa sana jiraatu.

"Baayyeen isaaniitis uffata dambiisaanii baafachuudhaan qawwee saanii gatanii uffata siviilii uffatan. Kaan saanii ammoo ni baqatan.''

Konkolaataa Dhaabbata Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) gubate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Man-kusaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Goomaa keessaa tibba waraanaatti saamame

M23 injifannoo guddaa argataniitti yeroo gammadee jirutti, mootummaan Koongoo kan finciltoonni guutummaatti Goomaa qabanneerra jedhanii dubbatan mormuu itti fufeera.

Angawoonni M23 lafa isaanii seeraan ala, deeggarsa Ruwaandaatiin, dhuunfachuu isaanii himachuun, lafa qabame kamiyyuu akka deebifatu waadaa seenan.

Ruwaandaan finciltoota kanneen deeggaruu walitti aansuun cimsite kan haaltu ta'us, deebiishee caalaa gara ittisaatti ce'eera.

Dubbi himaan mootummaa naannoo daangaa lolli balaa nageenyaa akka ta'e himan.

Finciltoonni kunneen ammas gara kallattii kibbaatiin gara kibba Kiivuu, magaalaa guddoo Bukaavu'tti akka socho'an kan himame yoo ta'u, magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaa ga'uuf dhaadataniiru.

Haa ta'u malee, booda kana gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu labsuu isaanii beeksisaniiru.

Ammaaf, Goomaan fonqolcha mootummaasaanii isa guddaa ta'ee hafeera. Haalli achi jiru, yoo M23 bakkewwan dabalataa qabate, jireenyi lammiilee Koongoo hedduu maal ta'u akka danda'u dursee agarsiisa.

Gabaasni dabalataa Roobart Kiptoo fi Hasan Laaliitiin.

Waa'ee waraana DR Koongoo irratti dabalata:

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.