DR Koongoon Arsenaal, PSG fi Baayern Munik hariiroo Ruwaandaa waliin qaban akka dhaaban gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi tibbana hidhattoota M23 jedhaman waliin waraana keessa jirtu DR Koongoon kileboonni Awurooppaa Arsenaal, PSG fi Baayern Munik hariiroo Ruwaandaa waliin qaban akka adda kutan gaafatte.
Kileboonni kunneen ispoonsara ''dhiigaan makame'' karaa 'Visit Ruwanda' jedhuu qaban akka addaan kutaniif gaafatte.
Mootummaan DR Koongoo ibsa kana kan baaseef loltoonni Ruwaandaa irra jireessa lafa Baha Koongoo karaa finciltoonni M23 lolaa jiranii qabataniiru jechuun himachuunidha.
Ministirri Dhimma Alaa DR Koongoo Teresaa Kaayikwaambaa Waagner, xalayaa kileboota kanneeniif barreessaniin, yeroo Ruwaandaan baha DR Koongootti waraana labsuun jiraattota 500,000 ol qe'ee isaanii irraa akka buqqa'an taasisaa jirtutti ''haamilee maaliin'' isaan waliin waliigaltee taasiftu jechuun gaafatan.
Ministirittin Xalayaa Arsenaaliif barreessiteen erga UN loltoonni Ruwaandaa 4,000 caalan DRC keessa jiru jedhee walitti bu'insichaaf ''itti gaafatamummaan Ruwaandaa waan gaaffii keessa galu miti'' jette.
Itti dabaluunis '' namoota kumaatamni karaan itti cufamee magaalaa Goomaa keessatti danqamaniiru. Nyaata, bishaanii fi deeggarsa kaana rgachaa hin jiran. Lubbuu namoota hedduu badeera, kaan gudeedamaniiru, ajjeefamaniiru akkasumas saamamaniiru,'' jette.
Waliigalteen ispoonseraa 'Visit Ruwaandaa'' dhiiga dhangalaasuun albuuda Baha Koongoo keessaa baafamuun kaffalamaa jira. Albuunni asii bahu osoo gara kamittuu hin geeffamiin Ruwaandaa galee achiin alatti ergama.
Gabaasa dhiyeeny UN baaseen albuunni kooltan jedhamu toonii 150 tahu karaa hin beekamneen gara Ruwaandaatti galafamee achitti albuuda kaan waliin makamee oomishameera jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
DRC akka jettutti Ruwaandaan albuuda DR Koongoo karaa seeraan alaa baastee dinagdee isheetti dabalate tilmaamaan gara doolaara biliyoona tokkoo [US$1 billion] taha.
Guddina dinagdee DRC gargaaruu irra albuuda biyya keenya keessaa hatameen kileboota adunyaa gatii qaalii qaban kanneen waliin waliigaltee taasifte jedhaniis komataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa UK. Deevid Laamii, torbana kana pirezidaantii Ruwaandaa akeekkachisaniiru. Gochaan Kaagaamee deeggarsa idil-adunyaa Ruwaandaan argattu gara doolaara biliyoona tokkoo balaa irra buusa jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa DR Koongoo ammoo kileboonni gurguddoo Awurooppaa kunneen waliigaltee ''dhiigaa'' akkasii biyya cunqusaa deeggartu kana waliin dhaabuu qabu jette.
Hidhatoonni M23 jedhamn torban darbe keessa magaalaa Baha DR Koongoo guddoo Goomaa qabataniiru.
Mootummaan DR Koongoo akka haleelee deebisee baasu dubbataa jira. Ruwaandaan ammoo hidhattoota kanneen deeggarti jedhamuun waggootaaf komatamaaa turte.
Biyya albuudaan badhaatuu DR Koongoo keessa hidhattoota hedduutu socho'a.
Qabeenya uumamaan haa badhaatu malee nageenyi erga irraa fagaatee garuu bubbuleera.












