Aanaa Amuruutti maatiin ijoollee keessan bosona galan fidaa jedhamun hidhamanii turan hiikaman

Nama mana hidhaa keessa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama mana hidhaa keessa jiru

Aanaa Amuruutti maatiin sababa ijoollee keessan bosona galan fidaa jedhun hidhamanii turan hidhaarraa hiikamuunsaanii dhagahame.

Jiraataan magaalaa Oborraa kanaan dura sababa obboleessi isaa bosona galeef abbaa fi haatisaa hidhamuu BBC'tti himanii kan turan, amma Sanbata lamaan darbe maatiin 70 caalan hidhaarraa gadhiifamaniiru jechuun BBC'f ibsan.

Aanichatti maatiiwwan sababa ijoolleen bosona galan fidaa jechuun hidhaman hundi akka gadhiifaman murtaa'uu kan himan jiraataan kun, "amma kan hafan warra wabii hin dhiheeffanne qofadha, jedhan

Itti dabalunis, ''Isaanis hamma wabii dhiheeffatanitti malee hunduu akka gadhiifaman ta'eera," jechuun waan dhimma maatii hidhaman irratti beekkan dubbatan.

Dhimmicharratti kanaan dura kan gabaafne

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti maatiin ijoolleensaanii bosona jiran hidhaa fi dararaa adda addaaf saaxilamaa jiraachuu firoonni maatii hidhamanii BBC'tti himan.

Yaaddoo nageenyaa qabaniif jecha maqaansaanii akka hin ibsamne kan gaafatan jiraataan Aanaa Amuruu, Magaala Oborraa tokko, obboleessi isaa dargaggeessi ganna 25 caalu ta'e sababa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti makameef abbaa fi haatisaa hidhaan dararamaa jiraachuu hime.

"Abbaan kiyya nama umuriidhaan jaaran maanguddoodha. Ilmi isaanii barnoota sadarkaa olaanaa xumureeti kan gara bosonaa seene. Isa mitii mucaansheen dhumaayyuu yunvarsiitiidhaa eebbifamtee baateetti. Inni bosona seene kunis dargaggeessa waan godhu ofiif murteeffatuudha."

Dhaabbanni mirgaaf falmu Komishinichi Mirga Namoomaa itoophiyaa gabaasa waggaa shanii kanaan dura baaseen, maatii fi firoota miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn kanneen garee kanatti shakkaman irra dararaan garaa garaa gahaa turuu ibsunsaa ni yaadatama.

Kana malees ammatti BBCn aanga'oota naannichaa dubbisuuf yaaliin taasisee milkaa'u baatulleen, bulchaan aanaa Aumuruu, "Maatiin ijoolleesaanii bosona jiran akka fidaniif maatii to'achuun kallattii kan kaa'ame akka ta'ee fi namoonni too'ataman akka jiran akkasumas kanneen too'ataman qulqulleessuun kaan saanii gadhiifamanis akka jiran itti himuu DW gabaaseera.

Jiraataan magaala Oborraa kuun, "maanguddoo waggaa 70 caalan kanaan mucaakee laga gale fidi jedhaniiti abbaankoo kan hidhaa jiru. Jaarsi kun akkamitti nama waggaa 18 caale kana bulchee fiduu danda'a?" jechuunis gaafata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni sababa ijoolleensaanii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootti makamaniitiif jecha hidhamanii torbee muraasaa hanga ji'a sagalii kan lakkoofsisan akka jiranis dubbata jiraataan kun.

Aanichatti namoonni sababa akkanaatiin hidhaman hedduu akka ta'aniifi hidhamanii kan jiranis waajjiruma Poolisii Magaala Oborraa keessatti akka ta'e himan.

"Abbaankoo amma ji'a sagal guuteera erga hidhamee. Guyyaa tokko mana murtii waan jedhamu dhihaatee hin beeku. Callisaniituma waajjira Poolisii Oborraa keessatti hidhamanii taa'udha," jedha.

Ji'oota muraasaan dura gareen Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa himata jiraattotaa kana hordofuun qorannoo gochuuf gara aanichaa wayita imalee turetti kanneen hidhamanii turan hedduun gadhiifamanii turanis eegasiin booda ammoo deebi'anii too'atamuus himan jiraataan kun.

Jiraataan aanichaa gara biraa Obbo Tamasgeen (kan maqaansaa jijjirame) fi kan BBCn dubbise, hidhaan sababa 'Ijoolleen keessan bosona galan fidaa' jedhuun raawwatamu kun kan duraarraa cimaa dhufuusaa himu.

"Abbaan kiyya sababa mucaan keenya bosona seeneef isa fidi jedhamee hidhameera. Amma ammoo haadha keenyas dabalanii hidhaniiru. Duraan abbaa yookan haadha hidhu. Amma maatii tokko keessaa haadhas Abbaas hidhaa jiru," jedhan.

Sababa abbaa fi haati irraa hidhamaniif ijoolleen isaanii rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiraachuus dabuun dubbatan.

"Abbaanis haatis waan hidhamaniif ijoolleen rakkoo keessa jiru. Fakkeenyaaf, obboleettinkoo guyyaa guyyaadhaan isaaniif nyaata geessuuf jecha amma barnoota dhiisteetti. Ijoolleen maatii kaan ammoo gargaarsa dhabuun kan rakkachaa jiru hedduudha," jedhan namni abbaan jalaa hidhame Obbo Tamasgeen.

Waqtiin kun ykan eroo oomishni itti sassaabamu ta'uunsaatiin ammoo qabeenyi maatii hidhaman kanneenii alatti manca'aa akka jiru kaasuun, rakkoo wabi nyaataa maatii kana gara fuulduraatti mudachu malu yaadda'u himan jiraataan kun.

Hidhattoota qawwee qabatan

Madda suuraa, Getty Images

"Abbaanis haatis hidhamanii oomisha eenyutu sassaaba? Isumaa 'warra ijoolleen isaanii bosona jiru oomisha isaanii sassaabamuu hin qabu milishaatu sassaabbata' jedhanii doorsisu. Haalli aanaa kanaa ulfaataadha," jedhan.

Torbeewwan muraasa darbe kanatti qofa mandara tokko keessaa maatiin 17 hidhamuun ammoo haalichi daran yaaddessaa ta'aa dhufuu agarsiisa jedhan dabaluun jiraattonni.

Dhimma komii jiraattotaa kanarratti gaafachuuf Bulchaa aanaa Amuruu Obbo Dhiinsaa Dhugumaaf bilbillee nutti dubbachuuf erga nu beellamanii booda bilbila kaasuu didan.

Haata'u malee bulchaan aanichaa kun "Maatiin ijoollee isaanii bosona jiran akka fidaniif maatii too'achuun kallattii kan kaa'ame akka ta'ee fi namootni too'ataman akka jiran akkasumas kanneen too'ataman qulqulleessuun kaanneen gadhiifamanis akka jiran itti himuu DW gabaaseera.

Kana malees, dhimma kana irratti komishinii Mirgoota namoomaa Itoophiyaa Damee Oromiyaa irraa Odeeffachuuf yaaliin goone ammatti nuuf hin milkoofne. Haa ta'uutii komishinicho ibsa ji'a muraasa dura baaseen hidhaan 'ijoollee keessan bosona galan fidaa' jedhu kun hammaachuu ifoomsee ture.

Komishinichi gabaasa waggaa shanii baase tureen maatiifi firoota miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn kan isaanitti shakkamaniirra dararaan garaa garaa irra gahaa turuu ibseera.

"Oromiyaa keessatti maatiifi firoota namoota shakkamanii qabuufi hidhanii poolisiitti dhiyeessun gosa hidhaa seeran alaati. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa guutummaa Oromiyaa keessati bakkeewwan hidhaa ilaaluudhaan waa'ee maatii ijoollensaanii miseensa WBO ta'anii ykn ta'uutti shakkamanii hidhamuusaanii ragaan garaa isa qaqqabeera," jechuun ture kan ibse.

Naannoo Oromiyaa dabalatee, naannolee arfan kana keessatti sarbamoonni mirga namoomaa kanneen akka hiraarsuu, jumlaan hidhuu, ajaja mana murtii malee mana hidhaa tursiisuu, haleellaa saal-qunnamtii, miseensota nama shakkamee hidhuufi kan biroos raawwatan jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Mootummaan kanneen sarbama mirga namoomaa raawwatan seeratti akka dhiyeessu, warra miidhaan irra gaheef haqisaanii akka barbaadamu, ajaji mana murtii akka kabajamu kan jedhan yaadoota furmaataa komishinichi dhiyeesse keessayi.