Ji'oota sadan darban naannoolee walitti bu'iinsi jiru keessatti lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamaniiru - Komisinii

Kaadiduu loltoota

Madda suuraa, Getty Images

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ji’oota sadan darban qofa keessatti lammiileen nagaa 200 ol naannoolee walitti bu’iinsi keessatti gaggeeffamaa jiru keessatti ajjeeffamuu beeksise.

Komishinichi haala qabiinsa mirga namoomaa yeroo amma kan hanga Waxabajjii bara darbeetti Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ibsa Roobii Fulbaana 25, 2024 baaseera.

Gabaasni kun dhimmoota naannawa walitti bu'iinsaan miidhaman keessatti ''yaaddessaa '' ta'an irratti kan xiyyeeffate ta'uu Komishinichi eerera.

Dhimmota yaaddessoo ta'an kanneen keessaa; "Ajjeechaa seeraan alaa, du'a namoota siiviilii, miidhaa qaamaa , qabeenyi barbadaa'uufi saamicha, hidhaa jumlaa fi yeroo dheeraa tursiisuu fi haqaa dhabuu, dirqiin dhabamsiisuu, ukkamsuu, bakka bakkatti sochii dhorkuu. fi qe'ee irraa buqqisuu'' fa'i.

Komishinichi gabaasa isaa keessatti, naannolee Itoophiyaa shan keessatti ajjeechaan seeraan alaa, ajjechaan namoota nagaa, miidhaa qaamaa, qabeenyi barbadaa’uu fi saamichi raawwatamuu eereera.

Naannolee kanneen keessaa naannoo Amaaraatti baatii Waxabajjii bara darbeeti asittii namoonni nagaan walitti bu'iinsa waliin hidhata hin qabne 130 ol ta'an humnoota Faannotiin ajjeefamaniiru.

Dhaabbatichi akka gabaasetti, miseensonni Faannoo bara darbe jalqaba ji’a Adoolessaa keessa naannoo Amaaraa, Gondar Lixaa Agawu keessatti namoota nagaa 23 ukkaamsuun kaan isaanii ajjeesuu isaanii ibseera.

Kana malees, humnoonni nageenyaa mootummaa, ''Faanoo deeggartu'' jechuun "haaloo ba'uuf" namootni nagaan waldhabdee kana keessatti hin hirmaanne 100 akka ajjeefaman ibseera.

Humnoonni nageenyaa mootummaa ajjeechaa kana harka caalu ''namoota mana isaanii irraa baasuun'' raawwachuu Komishinichi itti dabaluudhaan eerera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa akka jedhetti, namoonni daandii irrattis ta’e mana isaanii keessatti ajjeefamanii fi dirqiin qe’ee isaanii akka baqatan ta'e kunneen kan waraana keessatti hin hirmannee fi namoota nagaa ta'uu isaanii akeekeera.

Naannoo Oromiyaattis lakkofsi namoota ajjeefamanii kan naannoo Amaaraatti aanee guddaa ta'uu fi ji'oota sadan darban qofa lammiileen nagaa 43 ajjeeffamuu Komishiinichi gabaasa isaa baaseen beeksiseera.

Jalqaba baatii Hagayyaa darbe keessa miseensonni garee hidhattoota Amaaraa "Faanno" naannoo Oromiyaa godina Horoo Guduru Wallaggaa keessatti jiraattota naannoo irratti dhukaasa banuun lubbuun namoota 22 galaafachuun fi namootni afur madaa'uu gabaasichi ibseera.

Oromiyaa godina Kibba Lixaa Showa keessatti, Waranni Bilisummaa Oromoo ji'a Hagayyaa keessa qofa " namoota nagaa 14 gadi hin taane akka ajjeesan odeeffannoo maddeen adda addaarraa walitti qabamerraa hubachuun ni danda'ama jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa.

Haaluma walfakkaatuun naannoo Gaambeellaattis baqattoota Sudaan Kibbaa sadii dabalatee namoonni shan ji’a Waxabajjii darberraa eegalee ajjeeffamuu isaanii eerameera.

Walakkeessa baatii Hagayyaa keessa naannoo kibba Itoophiyaa magaalaa Gumaadee keessatti garee "Gumaade special district returne" jedhamuun haleellaa raawwatameen "poolisoonniifi jiraattota lakkoofsi isaanii hanga ammaatti hin beekamne ajjeefamuu" gabaasichaan ibsameera

Komishiinichi gabaasa fuula 14 qabu keessatti ajjeechaa seeraan ala raawwatamuun alatti, hidhaafi darararaan, jumlaa fi yeroo dheeraaf tursiisuu, haleellaa boombii, ukkaamsuu, buqqa’iinsa keessoo fi uggurri bilisummaa sochii dhorkuu taasifamuu ibsa

Gabaasa walfakkaatu kanaan dura baaseen Komishinichi, "qaamni waldhabdee naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hirmaate hundi haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabu gaafachuun" waamicha dhiyeessuun isaa kan yaadatamuudha