Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul Benjaamiin Seeskoo mallatteessifachuuf Arsenaal dorgomaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo
Benjaamiin Seeskoo yeroo dheeraaf xiyyeeffannaa Arsenaal ture, amma garuu Liiverpuulis taphataa kana kajeelaa jira.
Aston Viilaan ammoo Jaaden Saanchoo fudhachuuf fedhii agarsiisaa jira.
Niiwukasil taphataa Barnilee Jaams Tiraafoord adda durummaan irratti xiyyeeffatee barbaadaa jira.
Liiverpuul Niwukasilirraa Antoonii Goordan fudhachuuf yaadaa jira kannen jedhaniifi odeeffannoo jijjiirraa taphattoota Awurooppaa har'a kunooti.
Aston Viilaan taphataa sarara cinaa lammii Ingilaand Jaaden Saanchoo mallatteesifachuuf kilaba dorgommiitti makame ta'eera. Taphataan umurii waggaa 25 kun Maanchester Yunaayitid irraa ergisaan Cheslsii tajaajilaa jira.
Niiwukasil karra eegaa Barnileefi Ingilaand Jams Tiraafoord kan umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 22 ta'e ganna kana fudhachuuf xiyyeeffannoo cimaan hordofaa jira.
Taphataan lammii Kolombiyaa yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 28 ta'e Liwiiz Diyaaz Baarseloonaan, akkasumas kilaboota Sa'ud Arabiyaan iyyaafatamaa jira. Haata'u malee, Liiverpuul taphataa kana gurguruudhaaf fedhii akka hin qabne ibseera.
Akka carraa ta'ee garuu Diyaaz kan deemu yoo ta'eef, Liiverpuul taphataa sarara cinaa lammii Ingilaand umurii waggaa 24 Niiwukasil irraa Paawondii miliyoona 80n bakka buusuuf itti dhimmee gara barbaaduutti deemuun isaa hin oolu.
Arnee Siloot taphataa sarara duraas barbaadaa waan jiru fakkaata. Kanaaf, Liiverpuul taphataa lammii Siloveeniyaa umuriin isaa waggaa 22 RB Leeppizhing taphataa jiru Benjaamiin Seeskoo mallatteessifachuuf Arsenaal waliin dorgommiitti seenuuf jedha.
Taphataa sarara duraa kana fudhachuuf Arsenaal erga gaafatee kan bubbuleeru yoo ta'u, kilabiin Bondosliigaa Jarmanii kun abbaan Paawondii miliyoona 67 dhiyeesse fudhachuu danda'a jedheera.
Harveey Eliyoot ganna kana Liiverpuul kan gadhiisu yoo ta'e, carraa taphataan sarra giddu lammii Ingilaand kun gara Seerie A Xaaliyaan deemuu isaa baayyee bal'aadha.
Everten jifataa lammii Faransaay Bilaariyaal irraa fudhachuudhaaf Tiyeernoo Baarii Paawondii miliyoona 33 gadhiisuu qaba.
Chelsiin karra eegaa lammii Faransaay umuriin isaa waggaa 29 ta'e Maayik Maaignaan AC Miilaan irraa fudhacuuf Paawondii miliyoona 25 kaffaluudhaaf fedhii hin qabu.
Bireentifoord yoo manaajerri isaa yeroo ammaa Tomaas Firaank gadhiisee bakka leenjisaa Tootenhaam Anjee Postekaaguluu kan bu'u ta'eef, leenjisaa Ipisiwiich Kireen Makkennaa muuduuf yaadaa jiru.
Weest haam taphataa sarara gidduu lammii Naajeeriyaa umuriin isaa waggaa 24 ta'e Raafaa'elOniyeedkaa fudhachuuf Kilab Burg waliin dubbateera. Haata'u malee, AC Miilaan irraa dorgommiin isa mudateera.
Maanchester Siitiifi Baarseloonaan taphataa ol adeemaa Arsenaal yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 15 ta'e Maaks Doowmaan fudhachuuf fedhii agarsiisaa jiru. Taphataan lammii Ingilaand kun sarara gidduurratti taphataa milkaa'ina addaa agarsiisuuf jiru jedhamee abdatama ajira.