Madaa daa'imman Gaazaa maatiin irraa du'anii

Ogeessonni fayyaa Gaazaa keessatti hojjetan miidhamoo waraanaa gosa wayiitiif maqaa addaa ittiin waaman qabu.

“Ulaa Gaazaa kanatti jecha ittiin waaman adda ta’etu jira. WCNSF(Daa’imman madaa’anii, maatii lubbuun oolan hin qabne) akka jechuuti.

Jecha yeroo hedduu fayyadamani,” jechuun himu Dr. Tanya Haj-Hassan kan ogeessota yaalaa daangaa maleessaa waliin hojjetan.

Jechi kuni haala sukkaneessaa daa’immaan Gaazaa mudachaa jiru kan ibsudha. Jireenyi isaanii garaagarummaa sekondii keessatti jijjjiiramuu danda’a. Maatiin isaanii, firootnii fi akaakayyuuwwan isaanii hundi ajjeefamaniiru. Wanti akka durii tokkoyyuu amma hin jjiru.

Waraanichi gaafa Hamaas Onkololeessa 7 Israa’eel irratti haleellaa banuudhaan namoota 1,200 ajjeesuun namoota 240 ammoo butee fudhate booda Israa’eelis duula waraanaa banteen eegale.

Ragaan ministira Fayyaa Hamaasin Hogganamuu fi Gaazaa keessa jjiru irra argame akka mul’isutti hanga ammaatti daa’imman 6,000 dabalatee namootni kuma 25 ol ta’an ajjeefamaniiru.

Ahmed Shabat kan miidhamee Hospitaala Kaaba Indooneezhiyaa keessatti boo’aa jiru daa’imman ‘Madaa’anii maatiin homtuu hin oolle’ jedhaman keessaa tokko.

Daa’imni ganna sadii kuni walakkeessa ji’a Onkololeessaa keessa bakka jireenyaa isaanii Beit Hanoun‘tti haleellaa xiyyaaraa irraa lubbuun oole. Garuu haatisaa, abbaansaa fi Obboleessi hangafaasaa ajjeefamaniiru.

Haala raajii ta’een Ahmed gaafas miidhaa xiqqaa qofatu isa mudate. Ergasii obboleessi isaa xiqqaan Omar, kan waggaa lama ta’es haleellaa xiyyaaraa sanarraa oolee boodarra walargan.

“Halleellaa sana booda Hospitaala Indooneezhiyaa keessatti daa’imni abbaan hin beekamne akka jiru barre. Battala garas deemne” jedhan eessumni Ahmed, Ibraahim Abu Amsha.

Akka eessumni isaa kuni jedhuti, wayita dhohiinsaa sana Ahmed gara samiitti ol bololiifame. Manarraa hamma fageenya meetira 20 ta’urratti kufee miidhame.

Ahimadii fi Omar amma daa’imman maatii hin qabnedha. Manas, bakka qubatanis hin qaban. Kanaaf essumni isaanii Ibraahim maatiisaa waliin guddisa. Jalqabarratti gara magaala Sheikh fudhatee deeme ture. Achitti ammoo Ahmed dhohiinsa booda daawwitii caccabeen rukutamee jennaan achii deeman.

Ergasii gara kaampii Nuseirat, mana barumsaa dhaabbata biyyoota gamtoomaniitiin bulu qubatan. Achumattilleen ammalleen haleelamanii Ahmed rakkoo hamaaf saaxilame.

“Balbala mana barumsaatii fiigee yeroon bahu Ahmed fuuldurakootti kufeen arge. Milli isaa lamaanuu citeera. Harka isaa lamaan afee natti iyyee akkan isa gargaaruuf nagaafataa ture. “ jedha miseensi maatii yeroo Ahmed miidhamu ijaan arge.

Ibraahim kan maatii isaa waliin qe’eedhaa buqqa’ee jiruu fi ijjoollee obboleettiisaa lamaan gargaaraa jiru, Ahmed Gaazaan alatti yaala akka argatuuf hawwa.

“Waan hedduu ta’uuf hawwii qaba ture” jedha miira aarii fi gaddaatin. “yeroo waliin tapha kubbaa miilaa ilaaluuf baanu taphataa beekamaa ta’uu akka barbaadu natti himaa ture” jedha.

Boo’icha Harmeef…

Akkuma Ahmed, Muna Alwanis Daa’ima maatii malee haftee fi Hospitaala Indooneezhiyaa keessatti yaalamaa jirtu.

Daa’imni waggaa lamaa tuni yeroo hunda ‘Harmee..’ jettee boossi, Garuu harmeenshee ajjeefamaniiru.

Munan Kaaba gaazaa keessatti manni olla isaanii jiru xiyyaaraan erga haleelamee booda jijjigaa keessaa argamte. Maatiin Muna, obbolaa fi akkaakayyuuwwan ishee ajjeefamaniiru. Muna ijishee akka hamaa miidhame. Boquun ishees miidhameera.

Munan gara hospitaala biraatti erga dabarfamtee boodaa achitti adaadaashee argatte.

“Munan akka hospitaala Nasser jirtu interneetiirraa argine. Kanaaf asdhufnee ishee adda baafanneerra” Jetti adaadaanshee Hanaan. Garuu Munaan hedduu miidhamteettis jetti.

“Yeroo hunda akka malee aaddi, baayyee sodaatti. Keessumaa yeroo namni isheetti siqu” jetti.

Munan obboleettii hangafaa kan lubbuun hafte qabdi. Garuu isheen magaala Gaazaa jirti. “isaan achitti danqamanii jiru. Karaan ittiin gara kibbaatti isaan fidan hin jiru. Yeroo hundaa maalin godha jedheen ofgaafadha. Akkamittan bakka harmeeshii ta’uufii danda’an jedha” jetti Hanan.

Miilakoos maatiikoos dhabeera…

Hospitaala Nasser kan Kibba Gaazaatti argamu kanatti mucaan waggaa 11 Dunya Abu, siree sibiilaa qarqara kutichaa jirurra ciisee miilasaa hafee fi carqii adiin marame ilaallachaa jirti.

Dubartiin rifeensa dheeraa qabdu, kan uffata diimaa uffatte kuni miira callisaa fi aarii gadi fagoo ofkeessaa qabuun qarqara sirichaa irra teessee jirti.

Dunyan obboleessa ishee Yusuf fi obboleettishee quxisuun Haleellaa Haleellaa xiyyaaraa kibba Gaazaatti osoo isaan rafaa jiranii mudaterraa hafan.

Garuu maatii fi obbolaanshee ajjeefamaniiru. Miilashee mirgaas dhabdeetti.

“Yeroon abbaakoo ilaalu baayyeen nahe. Dhiigaa fi dhagaadhaan uwwifamee ture. namootni nutti marsanii dhaabbatu. Obboleettiinkoo iyyaa turte. Yeroon ofilaalu miillikoo hin jiru. Baayyee nadhukkube. Akkamittin miilakoo dhabe kan jedhu qofa yaadaa ture” jetti.

Dunyan yoomii fi akkamitti akka gara Hospitaalaa akka dhufte hin yaadattu. Qofaa ta’uushee qofa barte. Ogeessonni fayyaa irra deddeebiin waa’eeshii ishee gaafatu. Maatiishee adda baafachuufi” jetti adaadaanshee Fadwaa Abu.

“Akka isheen natti himtetti, Narsoonni ‘waaqayyo lubbuu isaanii haa maaru’ yeroo jedhan dhagaheera. Abbaa fi Haadhakoo jechuusaaniti” jetti.

Dunyan wiilcherii irra teessee sochooti. Isumaan gara alaatti baatees qilleensa fudhatti. “Mucaa Taphattuu, cimtuu fi si’ooftuu turte” jetti adadaanshee osoo hin miidhamin dura yoo ibsitu.

“Har’a miilakoo fi maatiikoo dhabeera. Ta’ulleen abjuun qaba. Miila namtolchee argachuun barbaada. Isaan socho’ee baradhee doktara ta’uun fedha. Lolli kuni dhaabbatee daa’imman keenya akka nagaan jiraataniif” jetti Dunyan.

Fandii daa’immanii UN’tti manaajaara kominikeeshinii kan tahan Rikardo Pires akka jedhanitti haala rakkisaa fi hammaataa amma Gaazaa keessa jiruun lakkoofsi daa’immana maatii malee hafanii hangana jechuun baayyee nama rakkisa.

Dhaabbilee fayyaatirra deemuun daa’imman akkanaa adda baasuun hojjetamaa jiraatulleen haala rakkisaa amma jiruun saffisa gadi aanaan hojjetama jedhan.