Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Yuunaayitid Karra eegaa isaa Deevid De Hiyaa gadhiisuun ‘yakka’- Been Maakaartii
Maanchister Yuunaayitid karra eegaa isaa waggoota kudhaniif kilabicha waliin ture Deevid De Hiyaa osoo hin eegamiin bilisaan gadhiise.
Karra eegaan kun bara dorgommiiwwan darbaniitti taphoota 17 irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa’amiin xumuruun [clean sheet] badhaasa karra eegaa cimaa Piriimer Liigii kennamu fudhateera.
Deevid De Hiyaan dogogoroota gurguddaa baratti hojjetes ture. Garuu taphoonni kilaba isaa mo’amuurraa oolches hedduudha.
Taphataa Sir Aleeksi Fergusan mallatteesisan keessaa gahumsa guddaarra kan turee fi garicha keessatti kan hafe isa qofa ture.
Leenjisaa Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag, dogogoroota karra eegaa kanaan booda karra eegaa haaraa fiduuf murteessuun isaanii akka inni waliigaltee haaraa hin mallattesine godheera.
Leenjisichi taphataa isaanii duraanii Andiree Onaanaa Inter Miilaan irraa paawondii miliyoona 47 caaluun mallatteesisan.
Miindaa torbanii guddaa argataa kan ture Deevid miindaa isaa walakkaan ol cabsee waliigaltee haaraa mallatteessuuf waliigalee ture.
Kilabni isaa Maan Yuunaayitid garuu akka gaabbuu tahuun ammas kontiraata haaraa dhiyeesseefii ture irraa ammas gadi buusuun dhiyeessaniif.
Taphatichis kilaba waggoota dheeraaf tajaajile kanatti mufachuun waliigaltee haaraa dhiyaateef osoo hin fudhatiin hafe.
Leenjisaan taphattoota sarara fuulduraa Maan Yuunaayitidii fi lammii Afrikaa Kibbaa tahe Been Maakaartiin Piriimer Liigiin liigii cimaa adunyaa kanaati jedhe.
Liigii cimaa kana keessatti ''dogogora hojjechuu dandeessa. Galchiin sirratti lakkaa’amuu mala. Akkasis tahee garuu badhaasa karra eegaa cimaa ykn galchii osoo irratti hin lakkaa’amiin taphoota hedduu dabarseef kennamu argachuun waan guddaadha,’’ jechuun miidiya abiyya isaa 947 Joburg jedhamutti hime.
‘‘Karra eegaa kam irrattiyyuu galchiin ni lakkaa’ama. Ani karra eegaa cimaa umuriikootti arge keessaa Deevid De Hiyaan isa tokko,’’ jedhe.
''Yeroon taphataa tokko waliin guyya guyyaan dabarsu, isin caalaa waan hedduu isaan arga. Isin Sanbata ykn Dilabatarra, gaafuma taphni jiru argitu. Kanaaf yeroo taphataan dogogora tokkittii hojjetu deeggartootmni itti wacu, itti iyyu, qeeqxi isarratti wal gaha.’’
Been Maakaartiin Deevid taphataa akka malee jabaatee hojjetuufi dirreen alas amala gaarii qabu akak tahe hime.
Maakaartiin Maan Yuunaayitid Deevid De Hiyaa gadhiisuun ''yakka’’ jedhe eture.
Leenjisichi kana yeroo gannaa dubbachuu himuun ergasii kilabichi karra eegaa kana tursisuu hin dandeenye.
Been Maakaartiin taphataa sarara duraa duraanii Afrikaa Kibbaa yoo tahu, kileboota akka West Haam, Bilaakbarni Rooversi, Poortoo, Ayaaksi, Seeltaa Viigoo fi Orlaandoo Siitiif taphateera.
Maan Yuunaayitiditti Cubbuu tahinnaa?
Erik Ten Haag karra eegaa isaanii bara darbee Deevid De Hiyaa aka gadhiisaniif sababa kan tahe haala taphaa isaanii waliin deemuu dhabuu isaati jedhama.
Ten Haag karra eegaa kubba miilaa, miila isaan bareechee taphatuu fi haala gaariin duubarraa kubba mijeessee darbarsu barbaadu.
Deevid kubbawan galchiirraa oolu jedhamanii hin tilmaamamne hedduu harkaan oolchuun yaadatama. Tahus, akka leenjisichi barbaadanitti miila isaan kubba mijeessee kennuufi deebisuu irratti dadhabaadha jedhama.
Karra eegaa isaan filatan Andiree Onaanaa kubba miilaa Erik Ten Haag barbaadan taphachuu danda’a.
Rakkoon jiru Piriimer Liigiin liigii ulfaataa waan taheef akka taphatichi yaadutti milkaa’aafii kan jedhudha.
Hanga ammaatti taphoota taphate irratti keessumaa tapha Shaampiyoonsi Liigii Baayern Munik waliin taasisan irratti dogogora guruddaa hojjechuun gareen isaa akka mo’amuuf sababa taheera.
Maan Yuunaayitid duubaa ka’uun galchii sadii lakkofsisus Onaanaan kubbawan oolchuu qabu deebisuu dadhabuun Munik 4 fi 3’n mo’ate.
Onaanaan ofuma isaa ''sababakootti gareen koo mo’ame’’ jechuun ofiyyuu qeeqeera.
Guyyaa akkasii Maanchister maaliif Deevid De Hiyaa gadhiise kan jedhu baay’ateera.
Deevid ammas kilaba gale hin qabu. Kilabootni Sawud Arabiyaa bara kana taphattoota maqaa guddaa qaban mallattesisaa turan isas gaafataniiru.
Karra eegaan kun Awurooppaa keessaa bahu hin barbaanne.
Inumaayyuu kileba guddaa Awurooppaa keessa hin taphatu taanaan kubba miilaa irraa umurii isaa 32 kanaan soorama bahuuf yaadaa jira gabaasonni jedhan bahaa jiru.