Baankiin biyyaaleessaa Gaanaa attamiin waggaa tokkotti doolaara biiliyoona 5 dhabe?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi lixa Afriikaa Gaanaan tibba tibba tokkotti fakkeenya milkaa’ina diinagdee Afriikaa jedhamtee waamamaa turte.
Biyyoonni kaan yoo tasgabbii dhabiinsaan rakkatan Gaanaan garuu diinagdeenshee guddachuun maqaanshee yaa’iwwan diinagdee idil-addunyaa hedduurratti akka ka’u taasisaa tureera.
Ammatti garuu biyyattiin rakkoo maallaqaa kanaan dura mudatee hin beekne keessa galtee jirti.
Lammiileen biyyatti rakkinicha callisanii hin ilaalles addabaabaayiitti bahuun morniisaanii dhageessisaniiru.
Mormitoonni dhibbaan lakkaa’amanis daandii magaala guddoo Akiraa irratti bahuun mul'achaa fi itti aantonni baankii biyyattii hojii akka gadhiisaniif gaafatan.
Bara darbe hogganaan baankii biyyaalessaa Gaanaa fi itti aantonni isaa maallaqa biyyaa Siidii biiliyoona 60 ykn doolaara biiliyoona 5.2 balleessaniiru jedhamuun aangoo akka gadhiisaniif gaafatamaa jiru.
Hiriira mormii ‘Baankii Gaanaa To’achuu’ jedhamuun waamame kan durse Paartii mormituu biyyattii, Kongiresii Dimokiraatawaa Biyyaalessaa (NDC) ture.
Mormitoonnis ‘‘saamichi haa dhaabbatu nuti miidhamaa jirra’’ jechuun dhaadannoo dhageessiisaa turan.
Baankichi mootummaaf liqaa kennuuf jecha karaa seeraan alaatiin maallaqa maxxansiiseera jechuun balaaleeffatu mormitoonni.
Haalli kunis dandeettiin maallaqni biyyattii gabaarratti qabu akka kufuufi qaala’insi akka uumamu taasiseera jedhu.
Dhimmi biraa baankichi ittiin himatamu ammoo, imala biyya alaatiif doolaara kuma 762 ol baasii taasiseera.
Akkasumas gamoo haaraa ijaarsiisuudhaaf baasii doolaara miiliyoona 250 baasuusaa eeruudhaan.
Mormitoonnis baasiiwwan baankichi baase hundi oditii keessoo baankichaatiin galmaa’eera jedhu.
Paartichi bulchaa baankii jidduugalaa Dr Harnasti Addiis, dhibaa’ummaa agarsiisaniiru jechuun akkasumas bulchiinsa badaadhaan himateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankiichi kana dura rakkoo bulchiinsa gaariitiin himatamulleen maallaqni hanga kanaa badee hin beeku ture.
‘‘Dhimma kana fakkaatu seenaa keenyaan agarree hin beeknu. Baankiin Gaanaa kasaaraa kana irraa akka dandamatu yoo barbaadame, waggaa 45 ol itti fudhata,’’ jechuun ture Pirofessar Godifeered Bookaappii, oggeessi diinagdee Yunivarsii Gaanaa, kan dubbatan.
Baankichi gamasaatiin kisaaraan kan mudate hojimaata badaadhaan miti jedha.
Akka baankichaatti yoo ta’e kisaaraan kan qaqqabee sirna sharafa alaa jijjiiramaafi dhaabbileen mootummaa liiqaa hin kanfalle fudachusaaniiti.
Kanaan alattis, mootummaan Gaanaa doolaara 700 liqeeffachuun guutummaan waan hin kanfalleef rakkinichi cimuun kanaaf gumaacha gochuu dubbatu.
Bulchaan baankichaa imaammata maallaqaa hordofaniin, biyyattiin qalaa’iinsi olaanaan akka mudatuu fi rakoo diinagdee cimsuudhaan himatamu.
‘‘Mootummaaf maallaqa biiliyoona yoo maxxansuu dhiibbaa akkamii akka fiduu danda’u hin beekan ture?’’ jechuun gaafatu oggeessi seeraa Maartiin Keeppibuun.

Madda suuraa, Reuters
Kun garuu maaliif mudate?
Gaanaan ammatti rakkoo diinagdee dhaloonni argee beekneen keessatti argamti.
Bara darbe qaala’insi jireenyaa parsantaa 54 galmaa’eera. Kunis biyyattii keessatti qaala’insa olaanaa jedhamee kan galmaa’e yoo ta’u, ammattis parsantaa 40 irratti argama.
Biyyattiin sadarkaa addunyaatti dandeettiin liiqaa argachu akka gadi bu’een, dhaabbileen liiqaa sadarkaa ishee gadi buusaniiru.
Haalli kunis dandeettii biyyattii sadarkaa addunyaatti maallaqa liqeeffachuuf qabdi gadi buuseera.
Liqaan Gaanaa waliigalaa yoo ilaalamu, Furbaana bara darbeerratti gara doolaara biiliyoona 55 ol ka’ee mul’ateera.
Kana jechuunis mootummaa idaa kanfaluudhaaf galiisaa irra %70 ol barbaachisa jechuudha.
Ta’us kana gochuun hin danda’amne. Biyyattiin yeroo qabameef keessatti liqaa kanfaluu hin dandeenye. Mootummaan gargaarsa argachuuf Dhaabba Maallaqa Addunyaa (IMF) gaafate.
Gaanaan bara kana keessa liqaa doolaara biiliyoona 3 argachuuf, ulaagaalee hedduu dhaabbatichi dhiyeesseen waliigaluuf filatte.
Isaan keessayis tokko kanfaltii dhala liqaa biyyattii bara 2028'tti sadarkaa kanfaluu dandeessuutti hir’isuudha.
Kunis biyyattiitti maallaqni haala diinagdee tasgabbaa’aa hoogganuuf dandeessisuu akka jiraatu taasisa yaada jedhutu qabame.

Madda suuraa, Reuters
Kana milkoofsuuf shigishigii liqaa mootummaa Gaanaa ilaalchisee, liqeessitoota waliin irra deebiin mari’achuu, liqaa mootummaa irratti hanga dhalaa xiqqaa kaa’uuf yaada dhiyyeessan.
Kana malees dhiibbaa faayinaansii ummataarratti qabaatu hir’isuuf, yaada marii yeroo kanfaltii dheeraa qaby dhiyeessaniiru.
Ta’ulleen liqeessitoonni tokko tokko sagantaa mootummaa kana irratti hirmaachuuf fedhii hin agarsiifne.
Dhuma bara darbeerratti, mootummaan ulaagaa IMF guutuuf maallaqa gahaa akka hin qabnee fi sababii kanaatiin doolaara miiliyoona 700 baankicha irraa liiqeeffate keessa wallakkaa akka hin kanfallee ibsuun ture Baankiichi ibsa kann baase.
Mootummaan gamasaatiin, maallaqa liiqeeffate kanfaluuf akka sirreeffattu akka oluufii fi baankichaaf dhala omaatu akka hin kanfallee dubbate.
Sadarkaa imaammataatti baankiin biyyattii liqeessaa filmaata dhumaa ta’ulleen, mootummaan Pirezidanti Naanaa Akuroo Adoo dursan faallaa kaanaa jedhu.
Mootummaan baankicha akka qisaaseesseefi seeroota akka cabse oggeessoonni kann dubbatan.
“Seerri Gaanaa baayyee ifaadha. Maallaqa maxxansuun ykn mootummaadhaaf liiqaan maallaqaa kann kennamu kann galii baankichaa keessaa %5 qofaatti daangeeffameedha. Kana jechuunis sadarkaa seeraatti, mootummaa deeggaruun yakka ta’u baatulleen, garuu %5 ol ta’u hin danda’u‘‘ jedhu Pirofeesar Bookpiin.
Mootummaan parsantaa shanii ol yoo darbe itti gaafatamtoonni baankiichaa paarlaamaatti gabaasa dhiyeessuu akka qaban labsa seerichi. Gabaasa kana dhiyeessuu dhiisuunis addabbii maallaqaa ykn hidhaa waggaa lama hin callee adabsiisuu danda’a.












