Waa'ee haleellaa Misaa'elaa Iraan, Israa'el irratti raawwattee maal beekna?

Madda suuraa, Reuters
Iraan misaa'eloota dhibbaan lakkaa'aman gara Israa'elitti dhukaasteetti.
Gariin isaanii daangaa Israa'el keessa yoo haleelan gariin ammoo qolatamaniiru. Kun bara kana keessa yeroo lammaffaa yoo tahu, Iraan ji'a Eeblaa keessas haleellaa diroonii fi misaa'elaa Israa'el irratti gaggeesiteetti.
Qondaalonni Israa'el haleellaan misaa'elaa Iraan ''ammaaf dhaabateera'' jedhan. Miidhaa hagamii dhaqabsiise kan jedhu garuu ammayyuu hin baramne.
MM Israa'el Beenjaamin Neetanyahuu Iraan haleellaa gaggeesiteef ''gatii baasti'' jedhan.
Haleellaan kun hangam jabaadha?
Iraan Misaa'eloota gara 180 tahan Israa'el irratti dhukaaste jedhe waraanni Israa'el.
Haleellaa ji'a Eeblaa keessa baalistik misaa'el 110 fi kiruus misaa'el kan jedhaman 30 taasifte irra kan ammaa caalmaa qaba.
Viidiyoo TV Israa'el agarsiise irratti misaa'elonni Iraan itti dhukaaste samii Teel Aviiv keessatti mul'atu.
Misaa'eloonni gariin sirna ittisa qilleensaa Israa'eliin rukutamanii bu'an jedhan qondaalli nageenyaa Israa'el.
Gabaasaan BBC Iyyarusaaleem jiru ammoo buufataaleen waraanaa israa'el muraasni haleelamuu hin hafne jedhe.
Manneen nyaataa fi manneen barnootaas akkasuma haleelamaniiru jedhe.
Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan misaa'eloonni dhukaasan %90 tahan qiyyeefannaa isaanii eeggachuun haleelaniiru jedhe.
Qondaalli Ittisa lammiilee nagaa Filisxeem West Baanki keessaa namni tokko magaalaa Iyyaarikoo keessaa du'eera jedhe.
AFP bulchaa magaalichaa Huseen Hamayel dubbisee akka gabaasetti, namni jedhame kun rokkeettii caccabee kufeen miidhamuun du'e,
Israa'el hanga ammaatti miidhaa dhaqabe jedhame hangam akka tahe waan himte hin qabdu.
Iraan maaliif Israa'eliin haleelti?
Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa kana Israa'el irratti kan raawatteef ajjeechaa Israa'el hogganaa fi ajajaa olaanaa michuu isaanii Hezboollaa irratti raawwateefi jedhe.
Fulbaana 27 kan ajjeefaman Hasan Nasarallaa fi Ajajaa waraanaa Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan Abbaas Niilforooshan eereera.
Akkasumas ajjeechaa Hogganaa damee siyaasaa Hamaas Ismaa'il Haniyaa Teeraan keessatti ji'a Waxabajji raawwates eereera.
Qondaalli olaanaan Iraan tokko Rooyitarsitti akka himetti, Hogganaa Olaanaan Iraan Ayatolaa Alii Kameenii haleellaa Kibxata kaleessaa sana ofuma isaanii ajaja kennan.
Iraan biyyi Israa'el jedhamtu gonkumaa lafarra jiraachuu hin qabdu. kanaaf balleeffamuu qabdi ejjennoo jedhu qabdi.
Humna waraanaa Israa'eliin lolu ijaaruufis waggoota baay'ee dhamaateetti.
Israa'el ammoo Iraan jiraachuu koofuu yaaddoodha jechuun oppireeshinii dhoksaa Teeraan keessatti gaggeessaa turteetti.
Misaa'eloonni Iraan sirna ittisa qilleensaa 'Iron Dome' jedhamuun eessatti qolataman?
Israa'el sirna ittisa qilleensaa ammayyaa'aa tahe qabdi.
Isaan keessaa inni baay'ee beekamaan Iron Dome jedhama.
Rokkeettota fageenya gabaabaa deeman Hezbollaa fi Hamaasiin itti dhukaafaman qolachuuf jalqaba hojjetame.
Yeroo darbe garuu misaa'eloota Iraan Israa'el irratti dhukaaste qolachuu fi ittisuuf hojiirra ooleera.
Halkan kaleessaas hojii guddaa hojjechaa turuun isaa waan oolu miti.
Deevid Isliingi- Sirna ittisa qilleensarraa Israa'elii fi Ameerikaan wlaiin hojjetanidha.
Misaa'eloota fageenya dheeraa fi gidduugaleessa imaluu danda'an ittisuuf gargaara.
Akkasumas misaa'eloota baalistikii fi kiruus jedhaman ittisuuf oolu. Yoo misaa'eloonni baalistikii fageenya dheeraa atimoosfera lafaan ala imalan itti dhukaafaman ammoo Israa'el sirna ittisaa 'Arrow 2' fi Arrow 3' jedhaman qabdi.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa kana michoonni Israa'el maal jedhan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden biyyi isaanii Israa'eliif deeggarsa kennuu akka itti fuftu himan.
''Waan mo'amee fi hojiin ala tahe'' jechuun haleellaa misaa'elaa Iraan kanas ibsan.
Humni Ameerikaa naannicha keessa jiran ''humna ittisaa Israa'el'' gargaaruun misaa'eloota Iraan akka rukutanii buusan ajajaniiru.
Dubbii himaan Peentaagon Humni Galaanarraa US, misaa'eloota Iraan gara Israa'elitti furguggifaman kan haleelanii buusan sirna ittisaa hedduu dhukaasuu himan.
Min Ittisaa US, Looyid Oostin, ''haleellaa hammina Iraan jechuun erga ibsanii hedduun isaanii humna ittisa US'n qolatamaniiru jedhan.
Haleellaa Iraan kanas balaaleffataniiru. BBC'n misaa'eloota gara Israa'elitti dhukaafamanii magaalaa Joordaan, Amaan gubbaatti qolataman ilaaluun viidiyoo dhugaa tahuu mirkaneesseera.
Xiyyaaronni waraanaa UK akkuma ji'a Eeblaa keessa humna ittisa Israa'el gargaaraa turuu himan.
Min Ittisaa UK, Joon Heelii humni waraanaa Biriiten ''walitti bu'insichi kana caalaa akka hin hammaanneef shoora olaanaa bahaniiru'' jedhan.
MM UK, Sir Kiir Istaamer, UK'n Israa'el cina dhaabbatti, mirga of ittisuu isheefis beekkamtii kenniti'' jedhan.
Faransaayii fi Jaappaanis haleellaa Iraan balaaleffachuun qaamni hunduu karaa nagaa rakkoo kana akka furan gaafatan.
MM Israa'el Beenjamin Neetanyahuu, Iraan ''dogogora guddaa hojjette,'' kanaafis ''gatii baasti'' jedhan.
''Karoora qabna, yeroo sirrii fi bakka sirriitti hojiirra oolchina,'' jedhan dubbii himaan Humna Ittisaa Israa'el Daani'eel Hagaarii.
Iraan ammoo yoo Israa'el haaloo kan bahu jetti tahe deebiin Iraan ''kanarra akka malee hammaataa fi badii guddaa kan irraan gahu taha'' jette.
Halkan guutuu ammoo Israa'el Hezbollaa kan Beerut keessa maandheffate irratti haleellaa gaggeessaa bulte.












