'US warra waliigalticha gufachiisan adabuuf qoqqobbii fayyadamuurraa duubatti hin deebitu'

Waajira US Isteet Dippaartiment

Madda suuraa, Getty Images

US waliigalteen waraana dhaabuuf mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti taasifame kabajamuu mirkaneessuufi sarbama mirgoota namoomaaf itti-gaafatamni akka jiraatu gochuuf, qoqqobbii fayyadamuurraa duubatti hin deebitu jedhan aanga’aan olaanaa Isteet Dippaartimanti tokko.

Aanga’aan Isteet Dippaartimanti olaanaa maqaan isaanii hin eeramiin tokko akka ibsanitti, bu’uura waliigaltee mallattaa’een Ertiraafi humnoonni biroo naannoo Tigraay keessa jiran hin ba’an taanaan Ameerikaan qoqqobbii kaa’uu dandeessi.

Yeroo ammaa kana waraanni Ertiraafi humnoonni Amaaraafi Affaar Tigraay keessatti akka argaman kan himan aanga’aan US kun, waliigalteen mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay irra gahan humnoonni kunneen akka naannicha keessaa bahan kan gaafatu akka ta’e yaadataniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigrayy waliigaltee nagaa mallatteessan hojiirra oolchuudhaaf murannoo akka qaban dhaga’aa jirra kan jedhan aanga’aan Isteet Dippaartiment kun, waliigalteen nagaa kun akka hojiirra hin oolle warren gufuu ta’an garuu adabamuu akka danda’an ibsaniiru.

Waliigalteen nagaa kun akka kabajamuufi hojiirra oolu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa warri raawwatan akka itti gaafataman gochuuf “qoqqobbii kaa’urraa duubatti” hin deebinu jedhan.

Aanga’aan Olaanaa US Isteet Dippaartimen maqaan hin eeramne kun akka jedhanitti adeemsa waliigaltee nagaa Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee odeeffannoo gaazexeessitootaaf kennanitti ture kana kan jedhan.

Aanga’aan kun ibsa bilbilaan kennaniin adeemsa waliigaltee nagaa hojiirra oolchuu maal akka fakkaatuufi amma maalirra akka jiru ibsaniiru.

Erga mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay Piritooriyaatti waraana dhaabuu waliigalanii sa’aatii 48 fi 72 keessatti humna ittisaa Itoophiyaafi humna Tigraay gidduutti walitti bu’insi dhaabbateera jedhan aanga’aan US kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalteetiin booda walitti bu’insi dhaabbachuun isaa gareen lamaanuu fedhii guddaa nagaa buusuuf qaban agarsiisa kan jedhan aanga’aan olaanaa kun uummata Amaaraa, Affaar fi walumaagalatti uummata Itoophiyaa gara fuula duraatti gargaaruudhaaf carraaqqii taasifamu keessatti walitti bu’insi dhaabbachuun gahee guddaa qaba jedhan.

Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa US Maayik Hamer bakka bu’oota humnoota Tigraay marii nagaa irratti hirmaatan Maqaleetii xiyyaara waraanaatiin fuudhanii geessaafi deebisaa kan turan himaniiru aanga’aan kun.

Maayik Hamer bakka bu’oota Tigraay waliin socho’aa kan turan gaaffii Gamtaa Afrikaafi beekamtii mootummaa Itoophiyaatiin ta’uu isaas ibsaniiru.

Maayik Hamer mariin Naayiroobiitti ture xumuramuu isaa hordofee maricharratti bakka buutota Tigraay qabatanii erga Tigraay, Maqalee deemaniin booda dursa TPLF Dabretsihon Gabremikaa’el (PhD) waliin wal arganii akka dubbataniifi Kibxata ammo gara FInfinneetti deebiyanii MM Abiy fi Itti-aanaa isaa Dammaqaa Mokonnon waliin akka wal arganis dubbataniiru.

Gargaarsa namoomaafi deebisanii ijaaruurratti

Akkaataa waliigaltee qaamoleen lamaan irra gahaniin gargaarsa namoomaa atattamaan qaqqabsiisuun dhimma ijoo akka tahe kan himan aanga’aan kun, sadarkaa jalqabbiirra jiraatus sochiin jalqabamuu isaa eeru.

Konkolaataawwan dhaabbata Fannoo Diimaa Addunyaa gargaarsa fe’atan akka Maqalee qaaqabaniiru gabaasni nu qaqqabeera kan jedhan aanga’aan kun, konkolaataawwan dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaa meeshaaleen gargaarsaa meetirik toonii 300 qabatanii gara Maayi Tsabiriitti imalaa jiru jedhan.

Wal waraansi Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaan darban gaggeeffamaa ture miidhaa guddaa akka geessise kan kaasan aanga’aan kun, bu’uuraaleen misoomaa naannole Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti manca’an saffisaan deebisanii ijaaruu barbaachisa jedhan.

Deebisanii ijaaruun deeggarsa maallaqaa guddaa barbaada kan jedhan aanga’ichi, tumsa idil-addunyaa kan gaafatudhas jedhan.

Ameerikaan deeggarsa dippilomaasiifi loojistikii dhiyeessuu itti fufti kan jedhan aanga’aan US kun, waliigaltee nagaa kana akka hojiirra oolu gochuudhaaf dhimmoota biro irrattis gaaffiin nuuf dhiyaannaan deeggarsa taasisuudhaaf qophiidha jedhan.