Suuraalee ajaa'ibsiisoo bineensotaa kanneeniin bohaaraa

Madda suuraa, BOB RIACH/ COMEDY WILDLIFE PHOTO AWARDS 2019
Bineensi hantuuta fakkaataniifi (squirrel) jedhaman kunneenis kan dorgommii suuraatiif qophaa’aa jiran fakkaatu.
Keessattuu inni kaameeraa duuba dhaabatee kaasaa jiru waanuma dhimmee suuraa bareedaa kaasuuf yaalu fakkaata, kan kaameeraa fuuldura dhaabbatee ka’aa jirtus akkasuma.

Madda suuraa, HASAN BAGLER/ COMEDY WILDLIFE PHOTO AWARDS 2019
Har’a guyyaan keessan attamiin eegale? Gochaan bineensota kanneen tarii guyyaa keessan gara gammachuutti geeddaruu ykn daqiiqaa muraasaaf akka seeqtan isin gochuu danda’aatii mee dowwadhaa.
Suuraa asiin olitti agartan kanaan osoo dorgommiin shubbisa billaachaa kan jiru ta’e, isaan kanatu injifata ture.
Isaaniis attamiin akka nama gammachiisaniifi haala shubbisan kan hubatan fakkaatu.
Suuraan kunis nama Haasan Baaglar jedhamun kan kaafamedha. Bara 2019'tti suraalee kaafaman keessa ajaa’ibaa jedhamuun filatameera.
‘‘Kun amaluma sirriifi baramaadha,’’ jedha Haasan waan suuraa irratti mul’atu kana wayita ibsutti.
‘‘Uumamni kunneenis wayita waan ta’e sodaataniitti baallee isaanii ol kaasuun adda hafu. Garuu ammo kan gammachuun shubbisan fakkaatu’' jedhe.
Hundi keenya akkuma beknu bineensoti akkuma ilmaan namaa ni gaddu, ni aaruu, ni gammadu akkasumas miira baaccoo ni agarsiisu.
Haata’u malee, akka beeladoota manaa keessaa suuraaleefi viidiyoowwan hedduu miidiiyaalee hawaasummaa irratti qoodaman hin qaban.
Ofii bineensooti tokko tokkoo ‘dhuguma’ baacuu immoo yookiinis akkuma tasaatti kan namoota suuraa kaasaniin argamaniidhaa?
Suuraalee ajaa’ibsiisoo 10 asiin gadii isiniif filanne erga dowwattaniin booda deebii isaa ofumaan murteessuu dandeessu ta’a.

Madda suuraa, NICOLA BEYFUS/ COMEDY WILDLIFE PHOTO AWARDS 2019
Suuraan kunis oggeettii kaameeraa Nikoolaa Be’ifuus jedhamtuun bara 2019 keessa kaafame. Mata dureen suuraa kanaas, ‘‘Abbaan ijoolleensaa akka achi maqaniif ajajaa jirudha’’ jedheeniira.
‘‘Kunis Odoola Kaangaaroo irraa kan kaafame. Maatiin hundi wal fakkaata.
''Abbaan ijoollee isaatiif ajaja kenna, isaaniin xiyyeeffannaan dhagahaa jiru, garuu keessoon isaanii kan waan biraa yaadaa jiruu fakkaata’’ jechuun suuraa ishee ibsiti.

Madda suuraa, LARRY PETTERBORG
Suuraan kunis suuraalee Zimbaabwee Paarkii Biyyaaleessaa Kibba Lu’aanguwaa keessatti Piter Borgiin kaafaman keessaa isa bareedaadha.
Qamalee kormaan kunis osoo namoota karaa sana darbaniin akka waa kennamuuf eegataa jiruu akka kaase dubbata.
Garuu ammo bakka ilaalaa jiruun kan wanti ta’e bitaa isatti gale fakkaata. Maaltu itti dhagahame laata?

Madda suuraa, DANIELLE D'ERMO
Simbirrii tun ammo kan haasaa dheeraa hiriyaa isheetiin nuffitee amummataa jirtu fakkaata.
Hiriyaan ishee booda keessaa hubachuun waan ija aariitiin ilaalaa jiru fakkaata.

Madda suuraa, KATY LAVECK-FOSTER
Qamaleen lamaan kunneen mootara (doqdoqqee) gubbaa taa’anii inni tokko oofuuf yaalaa isheen duuba teessu ammo kolfaa mul’atu.
Suuraan kunis Indooneshiyaa Kaaba Sulaaweesi keessatti Kaatii Laavek-Foostariin kaafame. Suraa kanaanis badhaasa guddaa argattee jirti.

Madda suuraa, JEAN-JACQUES ALCALAY
Mootiin kun haa bulchu, garuu attamiin dugda jara jala jiran irraa bu’a laata?
Bineensi kun tarii bineensota kaan dosiisuuf ykn balalii’u barbaadee dugda bineensota kaanii irra ol bahee laata?
Suuraan kunis Keeniyaa Maasaayi Maaraa bakka jedhamuutti Jeen-Jaakuwees Alkaalaayiin kaafame.

Madda suuraa, MIROSLAV SRB/COMEDY WILDLIFE 2022
Ogeessii suuraa Miroslaav erga bineensa tanaaf qarqara galaana Filooridaatti nyaata laateen booda kaase. Innis, ‘‘Ergan laadheeniif booda haala akkasiitiin na galateeffate’’ jedhe.

Madda suuraa, TXEMA GARCIA LASECA
Simbirroonni yoo qurxummii nyaatan arguun waan hin baramne miti. Garuu ammo kan kanaa waan addaati.
Qurxummiin kun waa’ee carraa isa mudate fudhatulleen garuu dararamu isaan kan komatu fakkaata.
Suuraan kunis Biraaziliitti ogeessa suuraa Temaa Gaarshiyaa Laasekaan kaafame.

Madda suuraa, ADITYA KSHIRSAGAR
Gaararraan kunis haalluu garaa garaa qabaachu osoo hin taane, haalli inni itti suuraa ka’e kan mootii ejjannoo cimaa qabu hin fakkaatuu?
‘‘Yeroo baay'ee dhiironni maatii ilbiisota kanaa lafa keessa jiraatan to’achuuf bakka ol ka’aa filatu’’ jedha Aditiyaa Kshirsaagaar.
‘‘Anis isa kana wayita waqtii ho’a cimaattan birkii mukaarratti argadhee kaase,’’ jedhe.
Waa'ee dorgommii badhaasa suuraalee ajaa'ibsisoo
Badhaasni Suuraalee Ajaa’ibsiisoo Bineensoota Daggalaa bara baraan suuraalee kanneen fakkaataniitti fayyadamuun ergaa waa’ee egumsa naannoo cimaa ummataaf dabarsu.
Suuraaleen dorgommii kanarratti fudhatamanis kan ergaa cimaa eegumsa naannoorratti qaban, nama gammachiisaniifi baacoo fakkaatuun ergaa gaarii dabarsaniidha.
Innis bineensonni daggalaa akka jiraataniifi dhaloonni egeree eegumsa isaanii irratti akka xiyyeeffatu gargaaruudhaaf qophaa’a.
Kana malees Badhaasni Suuraalee Ajaa’ibsiisoo Bineensota Daggalaa galii isaa waggaa keessaa harka kudhan kan ta’u dhaabbilee tola oltoota adda addaaf kenna.












