Waa'ee bineensota quunnamtii saalaa raawwachuuf jecha lubbuusaanii dhaban kanneenii beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Bineensonni xixiqqoon bifaan hantuuta fakkaatan kan maqaa northern quolls jedhmauun beekaman, walquunnamtii saalaa heddummeessuurraa hirriba dhabaa jiru, kunimmoo lubbuusaanii du'aaf saaxileera jedha qorannoon biyya Awustiraaliyaa.
Bu'aan qorannoo kanaa akka mul'isutti bineensonni kunneen dhiironni isaa dhaltuu barbaaddachuuf jecha fageenya dheeraa waan imalaniif yeroo hirribaa isaanii aarsaa godhu.
Rakkoon hirriba dhabuu kun bineensonni kunneen wayita walquunnamtii saalaa raawwatanitti akka battaluma du'aniif isaan saaxileera jedhu ogeeyyiin qorannoo kana gagggeessan.
Haala kanaan kan daran miidhamaa jiran dhiirota isaaniiti, gama kaaniin dhalaan isaanii ammoo yeroo dheeraa- hanga waggaa afurii turuun walhormaata gaggeessuu danda'u jedha qorannoon kun.
Kiristoofar Kiliimant Yuniversitii Sunshine Coast jedhamutti barsiisaa buleessa.
Yuuniversitii Queensland jedhamu waliin ta'uun qorannoon isaan gaggeessan Roobii har'aa (Guraandhala 1, 2023) maxxanfameera.
''Dhalaa argachuuf fageenya dheeraa imalu. Osoo hin rafin yeroo dheeraa dabarsu. Hanga argatanitti hin boqotan, hamilee cimaa qabu. Dadhabbii kana keessa darbanii wayita dhalaa argatanii quunnamtii saalaa raawwatan irraa hin hafan,'' jedha qorataan kun.
Qorattoonni kunneen meeshaa sochii bineensota xixiqqoo kunneen hordofu erga irratti hidhanii booda guyyoota 42f walitti aansuun qorannoo gaggeessan.
Hedduunsaanii halkan tokkotti hanga kiilomeetira 10 imaluutu adda ba'e.
Haala kanaan dhiironni isaanii dhalaa hedduu quunnamu, hirriba malee bulu.
Qorattoonni kunneen akka jedhanitti bineensonni kunneen akka warra dhalaa dammaqoo miti.
Kanaafuu bineensota biroon (nyaaphaan) nyaatamuuf carraansaanii olaanaadha.
''Hirriba dhabuu fi rakkoolee kanana hidhata qabaniin yeroo dheeraaf turuun isaanii dadhabbiirraa akka dafanii hin dandamanne isaan godha. Waqtii walhormaataa booda du'aaf kan saaxilamaniif kanaafi,'' jedha barreessaan qorannoo kanaa Josua Gaschk.
''Salphaatti nyaaphaan adamsamanii nyaatamu. Konkolaataa fi waan isaan miidhu jalaa fiiganii hin miliqan. Dadhabbiirraas kan ka'e du'aaf saaxilamu.''
Abbaan taayitaa Kunuunsa Bineensota Bosonaa Awustiraaliyaa, bineensonni kunneen lakkoofsaan 100,000 kan ta'an qofatu hafanii jiru.
Lakkoofsi bineensota kunneenii akkaan xiqqaachaa jiraachuun akka isa yaaddessus ibse.












