Israa'eli fi Hezbollaan waligaltee dhukaasa dhabuu cabsuun wal haleelan

Israa’el fi Hezbollaah gareen lammanuu waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun wal himataniiru. Haleellaa Hizbullaan buufata waraanaa irratti raawwateef haaloo ba’uuf Israa'el Wixata galgala Libaanos keessatti xiyyeeffachuun haleellaa rawwatteerti.

Haleellaa Israa’el gandoota kibba Libaanos lama irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni sagal du’uu ministeerri fayyaa hawaasaa biyyattii beeksiseera.

Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) galmoota fi bu’uuraalee misoomaa Hizbullaah “guutummaa Libaanos” irratti rukutee akka ture ibsuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaaf kutannoo qabaachuu isaa irra deebiin ibsaa ture.

Hezbollaah ''sarbama'' Israa'el raawwatteef deebii kennaa akka jiru ibsuun, haleellaa ''akeekkachiisa ittisaa'' taasisuun bakka dawoo waraanni Israa'el qabatetti dhukaasuu ibseera.

Israa’el haleellaa Hezbollaah naannoo gaara Doov (Mount Dov) jedhamu naannoo Shebaa Farms jedhamuun beekamu kan daangaa Israa’elii fi Libaanos falmisiisaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamu irratti raawwateen miidhaan qaqqabe hin jiru jetteetti.

Muummichi ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa Hezbollaah ''dhukaasa dhaabuu cabsuu'' jedhuun himachuun, Israa'el '' deebii jabaa akka kennitu'' dhaadataniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo jalqabaaf wayita labsamu Netaaniyaahuun yoo Hezbollaah waliigaltee kana hi kabajne ta'e biyyi isaanii haleellaa jiilchaa ta'e fudhachuurraa akka duubatti hin jenne akeekachiisuun ni yaadatama.

Haleellaan erga waliigalteen taasifamee rawwataman kunneen walii galtee dhiyeenya kana waraanaa ji’oota 13f Israa'elii fi Hezbollaah gidduutti ture xumuruuf kaayyeffatee taasifame gara cabsuutti deemamu kan agarsiisudha.

Walii galticha torban darbe keessa Ameerikaa fi Faransaay “Waraana Libaanos keessatti geggeeffamaa jiru akka dhaabuuf, Israa’el balaa Hezbullaah fi dhaabbilee shororkeessummaa biroo Libaanos keessaa socho’an irraa akka eegu” taasusu mallatteesssisun gabaafameera

Hezbollaah ta'ee Israa'el kibba Libaanos keessaa waraana isaanii akka baasanii waraanni Libaanoos bakka bu'an guyyootni 60 kennameefi ture.