Abbaan ATM jalaa hatameen lootariin bitame €500,000 injifate, hattoota waliin qooddachuuf waamicha dhiyeesseef

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Faransaay tokko hattoota lama kaardii ATM (Credit Card) isaa hatame fayyadamuudhaan lootorii 'scratch card' jackpot jedhamu bitatanii mo'ataniif waamicha dhiyeesse.
Tikeetichi badhaasa Yuuroo kuma 500 (£413,664) carraan baheef, hattootaan koottaa dhiyaadhaa badhaasicha waliin qooddanna jechuuni kan waamicha dhiyeesseef.
Abbaa kaardichaa Jiin-Deevid E jedhaman, Raadiyoo RTL irratti, maallaqni kun hin fuudhamu taanaan aanga'ootaan waan qabamuuf hattoota waliin waliigaltee uumuu akka barbaadu dubbate.
"Ana malee silaa hin injifatan turan, garuu osoo isaan hin jiraatiin anis silaa tikkeettii kana hin bitun ture. Badhaasicha akka isaan waliin qooddannun barbaada," jedhe jiraataan magaalaa Tuuluuz kun.
Hanga ammaatti tikkeettii lootarii badhaasa biyyaalessaa Faransaayin (FDJ) injifate ugguramee jiru kana namni dhiyaate gaafate hin jiru jedha Jiin-Deevid.
Jiin-Deevid gaafa Guraandhala 3, giddugala Tuuluuz keessatti bakka konkolaataasaa dhaabeetti boorsaan isaa konkolaataa isaa keessaa hatamuu hima.
Erga baankiin isaa kaardiisaa jalaa bade akka ugguruuf bilbilee gaafateen booda, hattoonni kunneen kaardii isaa keessaa yuuroo 52.50 akka fayyadaman hubate.
Jiin, hojjettoonni waan shakkisiisaa yoo arganiiru ta'e ykn meeshaan isaa kamiyyuu achiitti akka gatamee gaafachuuf gara suuqii maallaqni kun itti fayyadame sana dhaqee ture.
"Erga nama maallaqa qabu waliin haasa'aniin booda dhiironni kan daandiirra jiraatan fakkaatan lama kaardiisaa fayyadamuun sijaaraa fi tikkeettii hedduu akka bitatan hubataniiru," jechuun abukaatoo Jiin Deevid kan ta'an Piirre Debuusan BBC'tti himan.
Dhiiroonni lamaan kunneenis tikkeettii lotoorii tokkoon badhaasa yuuroo 500,000 akka injifatan fi fudhachuuf gara dhaabbata Lootarii Biyyaaleessaa faransaay (FDJ) dhaquuf karoorfachuu isaanii nama maallaqa qabuutti himaniiru.
Hojjataan suuqii amalli dhiiroota kanneenii shakkisiisaa akka turee hubateera. Sababiinsaas kaardii ATM sanaan waa bitachuuf lakkoofsa furtuu (PIN) galchuu waan hin dandeenyeefidha jedhan Jiin Deevid.
Erga maallaqa qabaa suqichaa waliin haasa'een booda, poolisii naannoo sanaa qunnamee, poolisoonnis dhaabbata Lootarii Biyyaaleessaa Faransaay qunnamuun dhaabbata lootarichaa akeekkachiisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin amma badhaasa kana qabachuu waan hin oolleef yoo hattoonni ofii isaanii dhaabbata Lootarii Biyyaaleessaa Faransaay'tti dhiyaatan hidhamuu hin oolan jedha Deevid.
Namni lootarii akkasii kana injifate tokkoos kaardii badhaasa isaanii qabatanii dhiyaachuun maallaqicha fudhachuuf guyyaa bittaa irraa eegalee guyyoota 30 qabu.
Guyyaan Jiin fi hattoonni kaardii ATM jalaa hatameen bitamuun badhaasa injifatan kunneen badhaasa fudhachuu qaban saffisaan dhiyaachaa jira.
Abukaatoon Jiin Aab Debuusan, namoota kanaan dhiifama akka godha yaada dhiyeessuun: "Maamilli koo kaardiin isa jalaa hatame waan badhaasicha injifateef gammadeerra. Sababii kanaatiifis namoota jalaa hatan himachuu hin barbaadu.
Akkasumas taateen kun jarreen lamaan kaardii ATM kana hataniif jireenya haaraa ofiisaaniif eegaluuf carraa ajaa'ibaa ta'a," jedhan.
Jiin kan umuriin waggaa 40 gamasaatiin, ''Jarreen kunneen yoo abukaatoo koo qunnaman malee, tikkeettii kana itti fayyadamuu hin danda'an. Kanaafuu maaliif nagaadhaan wal arginee walakkaatti hin qooddanne?," jedhan.
"Maallaqa ammaa sanaatiif, ani waliigaltee dhufuuf qophaa'adha", jechuun, qooda isaa yuuroo 250,000 liqii manasaarra jiruu ittiin kaffalachuu akka barbaadu ibsa.
Dhaabbanni Loototrii Biyyaaleessaa Faransaayii fi Poolisiin dhimma kanarratti yaada akka kennaniif gaafatamanii ture.












