Yoonaas Gabruu: 'Taphatoota addunyaan barbaaduu fi kanneen biyya waamsiisan uumuu dandeenya'

Yoonaas Gabruu

Madda suuraa, Yonas Gebru

Ibsa waa'ee suuraa, Yoonaas Gabruu

Maqaansaa Yoonaas Gabruu jedhama. Dhalatee kan guddate magaala Maqaleetti ture. Akkuma jiraataa magaalaa Maqalee kamiittu tapha kubbaa miilaa istaadiyoomii Baalooniitti taphatamu ilaalaa guddate. Amma garuu Ameerikaa jiraata.

Haalli kunis akka fedhiin kubbaa miilaa qabaatu taasiseera. Yunivarsitii Maqaleetii erga Gaazexessummaa fi Kominikeshiniin eebbiifameen booda 'Extra Sport' irratti ammoo gaazexessaa ispoortii ta'uun hojjate. Amma ammoo bakka bu'aa FIFA ta'eera.

''Kanan baradhee jiraadhe Maqaleedhuma. Barnootaafilleen gara biraa hin deemne. Ijollummaa kootii kaasee sagantaa bashannaan jaaladha. Haalli guddinakoo akkuma nama kamiiti. Waan ati barbaaddu garuu jijjirama guddaa fidu danda'a'' jechuun attamiin hawwiisaa akka mirkeesse BBCtti kan hime Yoonaas.

Yoonaas dhiheenya kanadha Ameerikaa Chiikaagootti qormaataafi ulaagaa FIFA darbuun bakka bu'aa Federeshinii Kubbaa miilaa addunyaa kan kan ta'e.

Hojiiwwan gurguddaan FIFA keessaa tokko taphattootaa kilabii tokko kilabii biraatti akka darban taasisuudha. Kun ammoo kan raawwatamu bakka bu'aa (Agant)dhan.

Bakka bu'aan FIFA gaazexessaa Yoonaas, ''Kilboota, waldaalee kubbaa miilaa fi leenjiiftoota bakka bu'aa jijjirraa raawwachiisuuf, kan isaan waliigalchu, kan jijjirraan milkaa'aa akka ta'u isaan gargaaru ni barbaachisa.''

Haaluma kanaanis FIFAn jijjirraawwan kubbaa miilaa addunyaarratti taasifamaniif itti gaafatamummaa kan kennu bakka bu'aa hayyama kenneeffiidhaaf. Yoonasis haaluma kanaan hojjataa jiraachuu BBCtti himeera.

Yeroo qormaata bakka bu'aa kanaaf qorameettis qoramtooni biyyoota garaa garaarraa hirmaatan akka turan sababii turaniif achirraas hedduu barachu dubbata.

''Waa'ee kubbaa miilaafi muuxannoo biyya kee haasoofta. Afrikaa bahaa irra ana qofatu ture. Naayijeeriyaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awirooppaarra kan dhufan turan. Gaaffiilee hedduutu ture. Ogummaa gaazexessutmaatiin alatti bakka bu'aa (private agent) ta'uf fedhiin qabu akka qormaaticha darbu na gargaareera jedheen yaada'' jedha.

Duraan attamiin hojjatama ture?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan dura bakka bu'oonni dhaabbata mataasaanii banachuu dhunfaan hojjataa turan. Haata'u malee ijoollee waggaa 18 gadii dadabarsuu fi malaamaltummaan sababii dabalaeef FIFAn hojjimaata kana diriirsuu dubbata.

Kanaafu bakka bu'oonni kana dura turan ulaagaalee kaa'aman erga guutanii boodadha kan Fifan akka galmaa'un itti fufan kan taasisu jedha.

Kana malees, bakka bu'oonni taphattoota umuriinsaanii waggaa 18 gadii kanneen jijjirsiisan, walitti fufiinsaan waggaa 10f ji'aan leenjii 'Continues Development Progra' fudhachuun akka gahumsa argataniif akka dirqisiifaman hima Yoonaas.

''Leenjiin kunis irra caalaa kan ittisaafi wabii ijoollee ilaalatuudha. Daa'imtu sun wayita guddatu kubbaa bu'uura godhachuun miidhaawwan irra gahu danda'aniif barnoota bu'uuraa barataman keessaa tokkoodha. Seerichi biyya kee sochootuutti nageenya daa'immanii irratti sochiilee taasifaman akka bartu dirqisiisa,'' jechuun ibsa.

Fakeenyaa, yoo kan biyyoota Liigii Ingiliiz, Laaliigaa fi Fireenchlligaa jiran keessa hojjatta ta'e, seerri biyyichaa dhimma eegumsa daa'imaarratti maala akka jedhu beekuufi qorachu qabda jedha. FIFAn yeroo yeroon dhimmicharratti leenjii akka kennu dabaluun dubbata.

'Taphattoota addunyaan barbaadu uumuu ni dandeenya'

FIFAn bakka bu'onni hayyama kenneef hanga seera hin cabsineetti umurii guutuu hojjachu kan hayyamuuf yoo ta'u, seera yoo cabsan garuu hayyamsaanii irraa mulqa.

Ijoollummasaatii kaasee kubbaa miilaatiif fedhii olaanaa kan qabuufi waggaa hedduufis gaazeexessaa ispoortii ta'e kan hojjate Yoonaas, kubbaan miilaa dargaggoodhaaf waan hedduu jijjiruuf akka danda'u amana.

''Kubbaan miilaa ilaalcha, diinagdee fi waan biraa hedduu ni jijjira amantaa jedhuun qaba. Kanaafu dargaggoonni bakka jiraatan qofaatti daangeeffamuun ala addunyaatti maal ta'aa akka jiru hubachu qabu jedheen yaada. Kan hubatuunis dogongorawwan hojjataman akka sirreeffatuun hawwan. Kana gochuuf ammoo meeshaawwan jiran keessa tokko kubbaa miilaati'' jedha.

Dargaggoon tokko kubbaa miilaa naamusaan yoo qabe injifataa sababiin itti hin taaneef hin jiru. Kubbaa miilaatiin dargaggoo addunyaan barbaadduufi kan biyya waamsiisuu uumuu ni dandeenya. Kanaafuu kaayyoon kooo yeroo dheera kanadha'' jedha Yoonaas.

Kanaafuu, Tirgaayis ta'e Itoophiyaa fi biyyoota biraa irra taphattoota sadarkaa addunyaatti tapahatan gochuuf eejjansiin isaa biyyoota garaa garaatti biiroo akka qabaatu ibsa.

''Biiya keessa osoo taphattoonni ajaa'ibaa jiramuu bakka bu'aan addunyaa tokko dhabamuusaatti dandeettiin taphattootaa bilaashaatti hafeera. Akka bakka bu'aatti taphattoonni biyya keessaa sadarkaa addunyaatti akka gurguramaniif dadndii waan ta'ef ittigaafatamummaa olaanaadha'' jedha.

Danqaalee kubbaa miilaa biyya keessaa

''Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa haalli mijataan hin jiru. Taphataan tokko akaadaamii maalii keessa akka darbe fi eessa akka ture wanti galmaa'e hin jiru. Taphaataan yoo gara piirimiyeeri liigii Itoophiyaatti dhufu umuriinsaa waggaa 21 ture, waggaa 10 itaananiif umuriinsaa waggaa 21 ta'e itti fufa'' jechuu rakkoolee jiran kaasa.

Rakkoolee akkasii sirreessuuf jalaa kaasanii hojjachu akka barbaachisu hima. Osoo Itoophiyaatti ijoolleen waggaa 11-13 irraa kaasuun naamusaan qabamanii guddifamanii yoo 16 guutaniitti yaaliidhaaf gaafachuufii ni danda'ama jechuun carraa jiru kaasa.

Kilaboonnis kanneen umurii kanaa gammachuun waan simataniif, yoo waggaa 22 fi 23 guutaniitti paawundii miliyoona 50 kan kanfalamuf ta'u akka danda'an kaasa.

Rakkoo umurii taphatootaan alattis rakkoon caasaa ispoortii keessa jiruf cimaa waan ta'ef ispoortiin haala barbaadamuuf akka hin guddanneef hudhee qabuu kaasa.

''Ittigaafatamtoota biiroo bira dhaqee yoo gaafadhu rakkoon caasaa ifa ta'e akka jiruun hubadha. Inni mummeen rakkoo caasaa ispoortiiti. Fakkeenyaaf, naannoo Tigraayiitti biiroo dhimmoota Dargaggootaafi Ispoortii Tigraay jedha. Biiricha dhaqamee yoo gaafatamu, dargaggoota hanga kanaa ijaaruun kobilistoonii hojjachiifneerra siin jedhu. Kanaafu ispoortiin caasaa kanarra adda bahu qabaata.''

Kubaan miilaa industirii guddaa ta'u beeksiisuuf taphatoota mikaa'oo qabaachuu akkasumas diinagdeensaa biyya keessatti dhiibbaa taasisuu qabaata jedha Yoonaas.

'Seenaawwan ta'u hinqabaanne... jiru'

Yoonaas wayita raadiyoo FM mataasaa Maqaleetti banachuuf socha'aa tureetti ture kan waraanni kaabaa biyyatti akka tasaa kan eegale. Kunis taatee gutummaatti jireenyasaa jijjirre ta'e.

''Waraanichi eegalee baatiiwwan jalqabaa torbaaf Maqaleen ture. Waraanichi sammukoolleen na jijjire. Maaltu ta'aa jira? Hanga yoomitti haala kanaan itti fufa? jedheen gaafataa ture. Seenaawwan ta'u hin qabaannee nama gaddisiisan jiru.

''Wagguuta darban keessa sababiiwwan garaagaraatiin wantoonni baayyeen ta'aniiru. Qaama maraanu haalli sirrii ta'e hin turre. Ummanni ni dhume. Tirgaay ammoo ni barbadoofte'' jedhe.

Ameerikaa dhaqee taateewwan gaddisiisaa isa mudatelleen kaasuun dhiibbaa wal waraanaa yaadata.

Kanaaf, Yoonaas ilaalcha siyaasaatiin alatti wanta dhimma kana jijjiruu agarsiisuu barbaada. Dhimmoota hawwii kana dhugoomsa keessaa tokko kubbaa miilaati jechuun dubbata.

''Kubbaan miilaa meeshaa waraanaa cimaa keessaa tokko. Akkuman bakka bu'aa FIFA ta'en namoonni ilaalcha siyaasaa fallaa qaban lama waliin yoo yaada positive kennan taajjabeera. Ispoortiin dargaggootaaf lubbuudha. Yoo waa'ee ispoortii dubbatamu dhimmoon Itoophiyaa keessatti odeeffaman hundi ni jijjiramu.

''Eessaa dhufte? hin jedhamtu. Yoo waa'ee ispoortii haasa'amu dhimmi sanyii, ykn naannoo hin ka'u. Sababiinsaa ispoortiin dhimma dandeettiti. Siyaasin Itoophiyaa keessa jiru osoo akkas ta'e natti tola'' jedha Yoonaas.

Damee hundaan injifachuuf tarkaanfii tokko fulduratti tarkaanfachuu nu barbaachisa kan jedhu Yoonaas, ''jaarraa addunyaan baayyee deemte kanatti dargaggeessi waraanaa namoonni siyaasaa fidaniin dhiphatee akka jiraatu hin barbaadu'' jedha.

''Yeroo addunyaa waan biraa hojjattu sababii dargaggoon keenya wal ajjeesaa ooluuf hin jiru. Dargaggoon ilaalcha addunyaan barbaaduun deemuu qabaata. Dhaloota waraanaa tuffatu, kan misoomaaf fedhii qabu, dahaloota waraanni filmaataa akka hin taane akka umamuun barbaada.''

Kanaafu carraa argateen kubbaa miilaatti fayyaamee ilaalcha dargaggootaa jijjiruuf akaadaamii dhaabuuf hawwuu akka qabu kaasa Yoonaas.

Sarara diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.