Bulchiinsa Benjaamin Netaniyaahuu jalatti Israa’el hangam tokkummaa qabdi?

MM Benjaamin Netaniyahuu

Madda suuraa, Getty Images

Muummeen Ministeeraa Israa’el Beenijaamin Netaniyaahuufi masaanuu siyaasaa isaanii kan ta’an Beenii Gaantiz erga gareen Hamaas Irsaa’elirratti waraana banuu hordofee bulchiinsa waloo yeroo muddamaa hundeessaniiru.

Lamaansaaniituu osoo hin jaalatin rakkinni walitti isaan fidee kaabinee waraanaa waloo hundeessunii jiru.

Waraanni Israa’el-Hamaas osoo hin eegalin dura lammiilen biyyattii ji’oota hedduuf walitti fufiinsan bulchiinsa MM Netanaahoo mormaa turan.

Mootummaan yeroo muddamaa haaraa hundaa’e lammiilee biyyattiifi kanneen Israa’el akka diinatti ilaalaniif yeroo rakkinaatti wal-cinaa dhaabbachuusaanii ergaa dabarse qaba.

Mootummaan waloo haaraa hundaa’e kun garuu namoota siyaasaa paartii mormituu hunda kan hammatee miti. Gaggeessaapaartii mormituu Israa’el kan ta’an Yaa’ir Laappid waamicha Beenijaamin Netaniyaahoo godhanitti hin makamne.

Humna walitti fiduu

Israa'eloota walitti qabamanii mul'atan

Madda suuraa, Ben Cohen

Leetinant Koloneel Roob Shaaarf seera Benijaamin Netaniyaahuu aangoo mana murtii daangessuuf baasisan namoota mormaa ture keessayi. Waraanni kun osoo hin eegalin dura Israa’el keessatti seerri kun Netanaahoo irratti mormii guddaa kaasee ture.

Leetinaant Koloneel Roob Shaarf loltoota duraanii Israa’el soorama bahan walitti qindeessun “Brotehrs in Arms” dhaabbata jedhu hundeessun mormii Netanaahoo irratti qindeessaa ture.

Onkoloolessa 7 gaafa Hamaas Israa’elirratti haleellaa gaggeessu sana Roob Shaarf Dubaayi akka ture hima.

Miseensonni “Brotehrs in Arms” heddu kan sababa Netaniyaahuu sirna haqaa ilaalchisee seera haasaa baasanii hojii dhaabanii turan Hamaas haleellaa banuu gaafa dhagahan hunduu hidhannoosaanii kaasuus hima.

“Shororkeessitoonni osoo konkolaataa karaa daangaa Sideroot keessa oofan viidiyoosaa gaafan argu waanti kana dura hin baramne ta’aa jiraachun bare. Loltoonni humna eeggataa keenya hatattamaan gara ramaddii isaanitti makaman,” jechuun gareen mootummaan mormuuf dhaabate waraanni banamnaan mootummaa cinaa dhaabachuu hima.

Gareen inni keessa ture lubbuu baraaruu, loltoota bakka buufata isaanitti geessufi deeggarsa garaa garaa dhiyeessuu, kanneen maatin garee Hamaasin jalaa ajjeefaman jajjabeessufi deebisanii dhaabuu fa’aarratti xiyyeeffate.

Lammiilen Israa’el waa’ee gaggeessummaa Muummee Ministeeraa Beenijaamin Netaniyaahuu gaaffii akka qabanii fi amma yeroo itti waa’eesaarratti wal-falman akka hin taane qondaalli waraanaa kun.

“Waanta uumame yoomuu hin dagannu. Yeroon itti deebii barbaannufi itti gaafatamummaan jiraatu ni dhufa. Amma garuu yeroo humni nageenyaa waraanatti jirutti biyyi kun barbaaddu tokkummaafi deebisanii ijaarudha,” jechuun Netaniyaahuuf guyyaan itti kufaatii gaggeessummaasaf deebii itti kennu akka jiraatu hima.

Namoonni kaan garuu ammayyuu hanga biyyattiin waraana keessa jirtu keessaa baatutti Netaniyaahuuf obsuu hin dandeenye.

‘Netaniyaahuu gaggeessaa gahuumsa qabuu miti’

Namoonni hedduun Netaniyaahuun yeroo biyyattiin rakkoo keessa jirtu kanatti dandeettii gaggeessuu hin qabu jechuun kufaatii mudateef akka itti gaafatamuuf gaafataa jiru.

Netanaahon garuu waa’ee haleellaa Hamaas gaggeessee odeeffannoo dursaa qaama nageenyarraa homaa hin arganne jechuun fuula X irratti barreessan.

Netaniyaahuun kana jechuunsaanii humna nageenyaa biyyattiitti qabachuun ofii itti gaafatamummaa jalaa bahuuf akka dhama’aa jiranitti fudhatan namoonni heddu.

“Humni nageenyaa hunduu, gaggeessaa tika Human Waraanaafi gaggeessaa Ejansii Nageenya Israa’el dabalatee hundisaanii Hamaas sadarkaa waliigalteerra gahuurra jiraachuu bira gahan,” jechuun barreessanii boodarra dhiifama gaafachuun barreeffamasaanii fulla X irraa haqan.

Namoonni hedduun muummen ministeeraa itti gaafatamummaa booda itti dhufu jalaa miliquuf kana akka godhan jechuun ammumayyuu aangoo gadhisuu qabu jedhu.

‘Netaniyaahuu wajjin tokko ta’uu’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Beenijaamin Netaniyaahuun deeggartoota isaanii biratti “Bibi” jedhamuun beekamu. Gaggeessitoota hanga ammaa biyyattii gaggeessan keessa kan akka Netaniyaahuu yeroo dheeraf gaggeesse hin jiru.

Filannoo gaggeeffameen marsaa jaha injifachuun muummee ministeeraa yeroo dheeraf biyyattii gaggeessaniidha.

Sadaasa, 2022 marsaa jahaffaaf muummee ministeeraa ta’uun filatamuunsaanii ammoo paartinsaanii Likuud paartiwwan leellistoota ta’an wajjin tokkummaa uumun Israa’el akka bulchu godheera.

Gama biraan ammoo bulchiinsa Netaniyaahuu adda kan godhu, seenaa biyyattii keessatti paartileen leellistootaa Zaayanizimii kan itti heddummataniidha.

Asheel Peefar gaazexeessaa gaazexaa Israa’el Haretz jedhamuu yoo ta’u, bu’aan filannoo Netaniyaahuun ittiin mo’atan waanta ture sirriitti kan ifa godhe ta’uu hima.

“Israa’eel keessatti waraana eenyummaa ykn aadaa warra ilaalcha walabaa warra qabaniifi warra leellistoota hawaasa Yihudii ta’an gidduutti ture,” jedha.

Wal-dhabdeen aadaafi ilaalchaa siyaasa Israa’el keessa jiru haaraa ta’uu baatus Netaniyaahuun kanneen ilaalcha leellistootaa qaban of-bira hiriirsun isaanii ammoo dhimmicha caalmatti akka finiinu godhe.

“Hunduu gatii baasuu qaba. Gaggeessitoonni paartii siyaasaafi nageenyaas akkasuma gatii baasuu qabu. Amma garuu [waraana kana] mo’achuurratti xiyyeeffachuu qabna,” jetti Saaraa Hayeetzini dhaabbata Ziyaanizimii deeggaru kan hundeessite.

Akka isheen jettutti, amma xiyyeeffannoon Netaniyaahuurratti osoo hin taane, mootummaa deeggaruun tokkummaa cimsuun waraanicha mo’achuurratti ta’u qaba.

“Osoo kaanis mootummaa kanatti makamanii natti tola. Mootummaan fudhatamummaa hawaasaa hin qabne, kan akka mootummaa duraanii Netaniyaahuu, waraana kana dursuu hin danda’u,” jetti Saaran.

Loltootaafi taankii waraanaa

Saaran mootummaan jijjiiramee kan biraa akka bakka bu’u hin barbaaddu. Gaggeessitoonni paartii mormituu kanneen akka Beenii Gaantiz fi Gaadi Eyisankoot, kanneen mootummaa yeroo muddamaatti dabalaman, gaggeessitoota Waraana Israa’el waan turaniif kufaatii tarsiimoo biyyattii mudateef itti gaafatamummaa qooddachuu qabu jettee amanti.

“Gaazaa irratti ilaalchuma wal-fakkaataa qabu. Yeroo Gaantiz Ministiira Ittisaa ture, lammiilen Filisxeem Gaazaa keessa jiran Israa’el seenun qonna Israa’el keessa akka hojataniif hayyameefii ture. Isaan keessaa amma kaan Hamaasif tika ta’anii jiru,” jetti.

“Netaniyaahuun itti gaafatamaadha. Gaggeessuu hin dandeenye waan ta’eef booddee siyaasa keessaa gara bahuu qaba. Mootummaa waloo kana keessatti aangoo guddaan kansaati. Amma isa aangorraa buusuu jechuun deeggarsa Israa’elotaa hir’isuudha,” jechuun ammaaf Netanaahoo cinaa dhabbachuun dirqama akka ta’e himti.

Gaazexaan biyyaalessaa Maariv waraana kanaan wal-qabatee qorannoo gaggeessen, lammiilen Israa’el 80% Beenijaamin Netaniyaahuun kufaatii tikaa qaqqabsisen Hamaas Israa’el akka haleelu waan godheef itti gaafatamaa ta’uu akka qabu amanu jedhe.

Akkasumas osoo filannoon amma gaggeeffama ta’ee, paartin Beeni Gaantizin hogganamu akka mo’atus qorannoon gaazexaa kanaa ifa godhe.

Gama biroon ammoo lammiilen Israa’el duulli lafoo Israa’el Gaazatti taasifte sirriidha moo miti kan jedhurratti falmaa jiru. Keessumaa kanneen maatinsaanii Hamaas jalaa butee Gaazaa jiran humni lafoo Gaazatti bobba’uurraa shakkii qabu.

Hamaasifi gareen hidhatanii Gaazaa jiran biroon namoota 242 butanii harkaa qabu. Namoonni butaman kun ammoo lammiilee biyyoota garaa garaati. Muummen Ministeeraa Beenijaamin Netaniyaahuun garuu duulli lafoo namoonni butamanii ugguraman kun akka gadi lakkifamaniif carraa bana jedhanii amanu.