Hezbollaan ammatti Israa'el wajjin lola guddaatti seenurraa of-qusateera

Madda suuraa, GOKTAY KORALTAN, BBC
Dursaan garee Hezbollaa Hasan Nasrallaan waraana michuunsaanii Hamaas Israa'el wajjin gaggeessaa jirurratti yaada kennuuf torbee sadii callisanii turan.
Jimaata, Sadaasa 3, callisa torbee sadii booda haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti gaggeesse jajuun afaan saaqqatan.
Haasaa taasisan kana keessaa waan ifa hin taane danuutu jira. Waanti isaan hin dubbatin akkuma isa isaan dubbatanii murteessadha.
Ammaaf garuu dubbii taasisan irraa "Irsaa'el wajjin waraana guututti seenuu" kan jedhu hin dhagahamne.
Libaanos biyya kufaatii diinagdeen daddaaqaaa jirtuufi lammiilen biyyattiii kanaan dura miidhaa waraanaa dhandhamanii beekan waraana biraatti seenuf fedhii akka hin qabne Nasrallaan bareechanii waan hubatan fakkaata.
Dabalataan ammoo waraana kanatti yoo seenan, Israa'el biyya Baha Giddu Galeessaa keessatti waraana jabaafi olaantummaa humna qilleensaa qabdu ta'uunshee Hasan Nasarraallaaf salphaa hin ta'u.
Libaanos waraana biraatti akka hin galle kan taasisu keessaa kufaatii diinagdeen alatti sirni siyaasaa biyyattiis sabatiinsa kan hin qabneedha.
Kan biraa ammoo akkuma waraanni Israa'el-Hamaas eegaleen Ameerikaan dooniwwan waraanaa ammayyaa gara galaana Medetiraaniyaanitti erguunshee gareen Hezbollaa humna guutun Hamaas cinaa hin dhaabbanne taasiseera.
Hasan Nasrallaa kaleessa yeroo haasaa taasisan, deeggartootasaanii qofa osoo hin taane Ameerikaafi Israa'el illee qalbiin dhaggeeffataa turan. Sababni isaa sochiin Hezbollaan taasisu waraana kana keessatti murteessadha waan ta'eef.
Dureen Hezbollaa kun garuu "filannoon hunduu fayyadamuuf banaadha" jechuun "haalli jiru yeroo kamittuu hammaachuu danda'a" jedhan.
Kuni ammoo haleellaa Israa'el Gaazaa irratti taasiftuufi sochii waraanaa daangaa Libaanositti taasiftu irratti akka hundaa'u himan.
Haleellaa waraanaa Israa'el Gaazaarratti gaggeessitu salphisuufi qalbii Israa'el bittimsuuf jecha Hezbollaan haleellaa garaa garaa karaa daangaa Libaanos Israa'el irratti gaggeessaa ture.
Loltoonni Hezbollaa amma daangaarra jiran lola ofirraa ittisuu gaggeessaa akka jiran ibsuun "akka diinni fedhu waraana guututti seenuu hin feenu" jedhan.
Loltoonni Hezbollaa 57 walitti bu'iinsa daangarratti loltoota Israa'el wajjin taasisaniin du'uus ifoomsan.
Haleellan Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 gaggeesse harka dhibba Filisxeemotaan kan gaggeeffame ta'uus himan.
"Dhimmoota naannoo ykn idil-addunyaatin waan wal-qabatuu miti," jechuun Hezbollaas ta'ee Iraan akka keessaa hin qabne himan.

Madda suuraa, GOKTAY KORALTAN, BBC
Yeroo Hasan Nasrallaa haasaa taasisan, kumaatamni adda babayii Beerutitti bahuun hordofaa turan. "Nu si waliin jirra Nasarraallaa" jechuun dhaadannoo dhageessisaa turan.
Barattuu gaazexeessummaa kan taate Faaxumaan namoota deeggarsa Hasan Nasrallaaf bahan keessaa tokkoodha.
"Nasrallaan guutummaa biyyattiitti waraana fida jedhee hin yaadu, garuu waan inni murteesse nan deeggara. Waraanas yoo ta'e sodaasaa hin qabu."
"Kaayyoo ofiif jedhanii du'uu caala kabaji waan jiru natti hin fakkaatu. Obboloota keenya Filisxeem wajjin dhaabanna," jetti Faaxumaan.
Haasaa Hasan Nasrallaafi haala qabatamaa Libanoos keessa jirurraa kan hubatamu, Hezbollaan ammaaf waraana kana Hamaasumatti waan dhiise fakkaata.
Israa'el Gaazatti Hamaas irratti olaantummaa argattee Hezbollaatti ceeti taanan, waraanni Hezbollaa wajjin taasiftu akka kan Hamaas salphaa hin ta'uuf.












