Lakkuun walitti maxxananii dhalatan, wal'aansa VR fagoorraa deeggarameen gargar bahan

Lakkuulee maxxananii fi yaaliin gargar bahan

Madda suuraa, PA Media

Lakkuun Biraazil gama mataa isaaniin walitti maxxananii dhalatan, qarqaarsa varchuwaal riyaali (Virtual reality (VR))tiin gargar bahan.

Daa'imman ganna sadii Barnaardoo fi Artar Liimaa jedhaman kanaaf wal'aansi baqaqsanii yaaluu Riyoo de Janeyiroo'tti kan gaggeeffame oggaa tahu, yaalicha kan hoogganaa ture ammoo Hospitaala Great Ormond Street Landan argamu ture.

Akkamiin? jennaan - teknooloojii Virtual reality (VR) gargaaramuun.

Gareen kun teknikoota yaalii kanaaf dhimma itti bahan, ji'ootaaf yaala gaggeessaa turan. Kanas kan taasisan qorannoo CT fi MRI fudhatame ilaaluun, lakkuun kun akkuma isaan fuulduratti jiranitti shaakalaa turan.

Hakiima baqaqsanii wal'aanuu kan tahan Noor ul Owase Jeelani, haala kana akkaan ajaa'ibsiifachuun ibsan.

Dhaabni tola oolaa Gemini Untwined jedhamu, wal'aansa gargar baasuu akkaan walxaxaa tahan keessaati jedheera.

Dhaabni Aabba Jeelanii hundeessan kun wal'aansa kana maallaqaan kan qarqaaredha.

Akka isaan jedhanitti, yeroo jalqabaaf hakiimonni biyya garagaraa keessa jiran manatsirii VR keewwachuun, ''kutaa varchuwaal riyaalitii'' tokko keessa wal'aansa taasisan.

Lakkuun kun wal'aansi baqaqsanii hodhuu torba kan taasifames ennaa tahu, oppireeshiniin inni dhumaa sa'aatii 27 ol fudhateera - hojjettoonni fayyaa 100tti siqanis irratti hirmaataniiru.

Lakkuulee maxxananii fi yaaliin gargar bahan

Madda suuraa, PA Media

'Waan ajaa'ibaati'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aabba Jeelaniin waa'ee VR fi wal'aansa kanaa madda oduu PA'tti ennaa dubbatan: ''Kun waan ajaa'ibaati. Daa'imman kana balaa kamuuf saaxiluun dura, qaamni isaanii maal akka fakkaatuu ilaaluun, wal'aansa taasisuun waan guddoo dansaati.

''Kuni ogeeyyiif hangam takka miira gaarii akka itti uumu yaaduu dandeessa.

''Oppireeshiniin kun yeroo ammaatti isa cimaadha jedhamee yaadama. Virchuwaal riyaalitiin milkeessuu danda'uun waan akka nama Maarsii gubbaa kaa'uuti.''

Akka ogeessi kun jedhanitti yaaliin daa'imman maxxanan kana gargar baasuuf amma dura taasifame kan hin milkoofne oggaa tahu, tiishuu isaanii irrattis godaannisni hafuun wal'aansa kana akkaan walxaxaa taasiseera.

Sababa kanaanis wal'aansa kanaaf akkaan yaadda'anii akka turan himu.

Ogeessi kun wal'aansa sa'aatii 27 fudhate kanaan, boqonnaa nyaataa daqiiqaa 15 marroo afur qofa kan fudhatan ennaa tahu, akkaan dadhabus himan. Haatahu malee maatiin akkaan gammadee arguu isaaniitti, gammachuu qabaachuus dubbatan.

Dabaluunis akkuma lakkuuwwan maxxananii dhalataniifi wal'aansaan gargar bahan kaanitti, dhiibbaan dhiigaa daa'imman kanaa akkaan olka'ee turuu himan.

Guyyaa afuriin booda garuu walitti dhufanii erga harkaan waltuqan booda, bakkatti deebiye jedhan.

Lakkuun kun ammatti hospitaala keessatti haala gaariin bayyanachaa kan jiran oggaa tahu, ji'oota jahaaf qarqaarsi dandamachuu ni taasifamaaf.

Virtual Reality
Ibsa waa'ee suuraa, VR faayidaa hedduu qaba - isaan keessaa namoota umuriin jaaran, yaadannoo ijoollummaa itti agarsiisuun qarqaara