Filmiin 'Siinan' dhihoo Finfinneetti eebbifame maalirratti xiyyeeffata?

Dilbata darbe gaafa Amajjii 1, 2023 filmiin Afaan Oromoo mata dureensaa 'Siinan' jedhu eebbifameera.

Fiilmiin kun koomedii ta'ee qabiyyee gaddisiisaa kan qabu [Trajic Comedy] keessatti kan ramadamuudha jedha barreessaan filmichaa Jootee Abraahim.

Filmii sa'atii tokkoo fi daqiiqaa 46 dheeratu kana keessatti waa'een balaa tiraafikaa ibsameera jedha.

''Kana malees osoo nama hin hubatin yeroo namaa kennuu dhiistee tarkaanfii fudhachuutti ariifachuu akka hin qabne kan agarsiisuudha,'' jedha Jooteen.

Filmicha keessatti maqa balleessii namarratti raawwatu osoo dhugaasaa adda hin baafatin murteerra ga'uun sirrii akka hin taane mul'isneerra jedhe.

Filmii kana barreessee kan qopheesse Gareen Jabaa, gara fuulduraatti yoo deeggarsa maallaqaa argate filmiiwwan sadarkaasaanii eeggatan hedduu hojjechuun afaanicha guddisuuf kaayyoo qaba jedha Jooteen.

Hanga ammaatti gareen kun filmiiwwan hojjete lama kan qabu ta'uu fi galii eebba fiilmii yeroo darberraa argate dhibbeentaa 50 ummata qe'eerraa buqqa'eef kan oolche ta'uu ibse.

Dhiheenya kana filmiiwwan Afaan Oromoo hedduun Finfinnee keessatti eebbifamaa jiru, garuu filmiiwwan qabiyyee fi qulqullinaan hagas mara dorgomaa ta'an hin mul'atan kan jedhan jiru.

Jooteen waa'ee fiilmiisaanii kana wayita ibsu, ''qulqullina olaanaadhaan waraabame akkasumas taatota Oromoo bebbeekamoo ta'an kan hirmaachisedha,'' jedhe.

''Artistoota Oromoo jiru jedhaman, dargaggoota lafaa dhufaa jiran, namoota miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa guddaa uuman hirmaachisneerra.''

Artistiin gameessa filmii Afaan Amaaraa irratti hirmaachuun maqaa qaban Obbo Biree nama jedhaman hirmaachisuus hima.

''Taatoo ijoon fiilmichaa- Siinan nama yeroo jalqabaaf fiilmii hojjetteedha. Miidiyaa hawaasummarratti dhiibbaa uumuun kan beekamu- Dr Naafyaad Geetuu fi diraamaa Hiree keessatti hirmaachaa kan ture- Kumsaa Taammanaas hirmaachisneerra.''

Jooteen akkaataa filmiin kun hawaasaan simatametti guddoo gammaduu himee, inumaa kun egeree filmii Oromoof hamilee guddaadha jedhe.

''Filmiin kun hamma nuti eegnee olidha kan jaallatame.''

Namoonni jaallachuurraa kan ka'e kanneen guyyaa eebbaa hin hirmaatin hafanillee irra deebiin akka eebbisnu nu gaafataniiru jedhe.

''Gaafa 15,01, 2023 torbee ayyaanaatti Galma Aadaa Oromootti irra deebiin eebbisuuf jirra. Adaamaa, Amboo fi Naqamteettis ni eebbisna,'' jedha Jooteen.

''Waa'een filmii kanaa baayyee odeeffame, baayyee jaallatames,'' jechuun hima.

Humni namaa fi qarshii baasan walitti tilmaamee baasiin filmii kanaa naannoo birrii miiliyoona 1 ta'uu kan hime Jooteen, kun ammoo galii irraa argameen wal hin gitu jedhe.

Filmii kana erga pirodaakshiniitti seenamee ji'a lama gidduutti xumuruu hime.

Filmii kana qopheessuu keessatti rakkoon guddaan maallaqa ta'uu kan himu Jooteen, akka waliigalaatti artii Oromoo namni deeggaru muraasa jedhe.

Jooteen filmii kana garee aartii kanneen akka Garee Jabaa, Garee Kofin fi Garee Qaalii jedhamantu wal tumsuun qopheesse jedhe.

''Nuti osoo haala kanaan walitti dhufnee wal hin gargaarre ta'ee rakkoo guddaa keessa seenna. Rakkoo hamilee nama buusu hedduutu jira. Nuti filmii sadarkaasaa eeggate kana itti ifaajnee hojjennus dhaabbati tokkollee ispoonsara nuuf hin taane,'' jedhe.

Galiin agarsiisa filmii kanaarratti argame tokko afraffaa gatii filmichatti ba'eeyyuu hin ta'u kan jedhu Jooteen, rakkoon maallaqa mudate jennee boodatti hin deebinu jedha.