Koorporeeshiniin Raashiyaa, Rosatom, Itoophiyaatti nukilera ijaaruuf

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Raashiyaan wiirtuu annisaa nukilaraa [nuclear power plant (NPP)] Itoophiyaa keessatti ijaaruuf akka jirtu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Raashiyaa EvgeniiTerekihiin himan.
Ambaasaaddarichi itti dabaluun, tumsi damee annisaa nukilaraa nagaa-qabeessa ta'e "michummaa guddaa gama dinagdee fi tekinooloojiirratti" Raashiyaa fi Itoophiyaa gidduutti taasifamudha jedhan.
Maddi oduu Raashiyaa TASS jedhamu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Raashiyaa EvgeniiTerekihiin eeruun akka gabasetti, wiirtuun annisaa nukilaraa (NPP) hirmaannaa Rosatom'tiin bu'uura ammayyaa fi tekinooloojii naga-qabeessa ta'e VVER-1200 irratti hundaa'uun Itoophiyaa keessatti ni ijaarama.
"Pirojektii kana hojiirra oolchuuf tarkaanfiin qabatamaa haaraa ka'umsa ta'e karoora raawwii Fulbaana 25, 2025 Korporeeshinii mootummaa [Rashiyaa] kan ta'e Rosatom fi Korporeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa gidduutti Mooskootti mallattaa'edha," jedhan ambaasaaddar EvgeniiTerekihiin.
"[Waliigalteen] kun tekinooloojii VVER-1200 ammayyaa fi naga-qabeessa ta'e irratti hundaa'uun gara wiirtuu annisaa ijaaruutti geessa."
Tumsi gama anniisaa nukilaraa karaa nagaa Raashiyaa fi Ityoophiyaa gidduutti "dhimma michummaa dinagdee fi teeknooloojii guddaa" ta'uu akka danda'u dippilomaatiin kun dabaluun dubbataniiru.
Karoorri hojii gaaffii keessa jiru "waliigaltee idil-addunyaa osoo hin taane, sanada hojii bu'uuraa haala mijatuun walqunnamtii caaseffama qabuudha," kunis "tattaaffii bal'aa dizaayinii qofa osoo hin taane, indaastirii nukilaraa Itoophiyaa keessatti uumuu fi leenjii hojjettoota biyyoolessaa cimaa (Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil-addunyaa ) IAEA fi ulaagaalee nageenya idil-addunyaa of keessatti hammateef bu'uura kaa'a," jechuun hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed jalqaba baatii Fulbaanaa wayita, hidha haaromsaa guddicha ebbisanitti, biyaattiin annisaa nikularaa nageenya qofaaf oolu fayyadamuu akka barbaaddu fi yeroo dhiyootti kan eegalamu ta'uu ibsanii ture.
Dhimma nikularaan wal qabatu abbummaan kan hordofu Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA)'nis sochii Itoophiyaan taasisaa jirtu kana irratti ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii irraa ibsa ergateera.
Rosatom dhaabbata akkamiiti?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rosatom korporeeshinii annisa nukilaraa to'atu kan mootmmaa Raashiyaati.
Dhaabbanni kun addunyaarratti wiirtuu annisaa nukilaraa (NPP) ijaaruu, albuuda Yuraaniyeemii baasuufi gabbisuu, boba'aa omishuu, akkasumas boba'aa nukilara abaasii ta'e toa'chuu dbalatee dhimmoota hedduu sektera nukilaraa ilaallaturratti itti gaafatamaadha.
Interpiraayizootaafi dhaabbilee gara 450 kan hammate yoo ta'u, gabaa teeknooloojii nukilaraa keessatti adda duree addunyaa ta'ee kan of ijaare yoo ta'u, dizaayinii riyaaktarii, ijaarsaa fi marsaa boba'aa nukilaraa ilaalchisuun sadarkaa idl-addunyaatti beekamtii cimaa qaba.
Fulbaana 26, 2025 Ejensiin Inarjii Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) teeknooloojii nukilaraa kaayyoo nagaatif fayyadamuuf tattaffii Itoophiyaan eegalteef deeggarsa taasisu mirkaneessuu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Itoophiyaa beeksisee ture.
Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Doktar Ballaxaa Mollaa fi Daarektarri Olaanaa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa Raafaa'eel Maariyaanoo dhimma buufata Nuleraa Itophiyaan ijaaruuf deemtu ilaalchisuun mari'ataniir ture.
Qondaltootni kunneen Yaa'ii Waliigalaa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) Fulbaan 15 hanga 19tti Oostiriyaa Viyeenaatti gaggeeffamaa ture madditti marii kana kan taasifatan.
Manni-maree Ministirootaa yaa'ii idilee A L I Onkololessa 14, 2018 gaggeesseen dambii Komishinii Anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa hundeessu yoo raggaasu, Ministirri Muummee Abiy Ahimad Obbo Saandookaa Debbebee komishinara dhaabbatichaa gochuun muudamaniiru.
Ministirri Muummee Abiyi aangoo qabachuun yeroo muraasa dura Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa kan turan Dr Warqinaa Gabayyoo dhimma ijaarsa buufata niwukilaraarratti gitasaanii kan Raashiyaa Sargee Laaviroov waliin waliigalteerra gahuun gabaafame ture.
Buufataaleen niwukilaraa ijaaramuuf yaadame kunneen tajaajila fayyaa fi qonnaaf akka oolu kan eerame yoo ta'u, ALI bara 2012 Itoophiyaan Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteessite.
Ergasiis yeroo lama wixineen buufata kanarratti waliigalteen mallatteeffameera.
Dareektarri Ejensii Atoomikii Idil- addunyaa Raafa'el Maariyaanoo yeroo lama waa'ee annisaa nwukilaraarratti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin haasa'aniiru.
Buufanni niwukilaraa maali?
Addunyaarratti niwukilara gabbisuun anniisaa elektrikii maddiisiisuun bubbuleera.
Annisaan niwukilaaraa, annisaa cilee ykn gaaziirraa argamu wajjiin wal fakkaata.
Akkaataan itti annisaan niwukilaaraa oomishamu garuu kan cileerraa gargari.
Anniisaa niwukilaaraaf bu'uurri atoomiidha. Atoomiin ammoo umamaa hundaaf bu'uura.
Annisaan niwukilaraa keessoo atoomii akka madda anniisaa elektrikii guddaa maddisiisuuf ittifayyadama.
Annisaan boba'aa niwukilaraa kg tokkorra argamu annisaa cilee kg 2,900,000 irraa argamuun wal gita.
Boba'aan niwukilaraa(nuclear fuel) hamma xiqqaa ta'etu anniisaa guddaa maddisiisa.
Boba'aa nuwukilaraa ijoo kanneen jedhamaan Yuraaniyeemii fi Pilutooniyeemiidha.
Kunis atoomonni walitti dhufan walnyaachuun hurka uumaniitu taarbaaniyinii fi mootora jenereetaraa sochoosee anniisaa maddiisiisa.
Buufanni annisaa niwukilaraa walnyaatinsa uumuuf yuraaniyeemii gosa -235 jedhamutu akka boba'aatti fayidaarra oola.
Annisaan niwukilaraa maaliif filatama?
Annisaan niwukilaraa haala qilleensaatiin otoon hin daangeffamiin, otoo addaan hin citiin sa'aatii 24 anniisaa maddisiisu danda'a.
Haala kanaan boba'aa niwukilaraa sirnaan to'atamurraa annisaa guddaa fi amansiisaa ta'etu madda.
Buufanni niwukilaraa kaarboon daayi'oksaayidii ykn saalfar daayi'oksaayidii ykn gaaziiwaan biroo qilleensa faalu hin baasu.
Kanaafuu addunyaan akka ho'iitu kallatiin hin gumaachu.
Kanarraa ka'uun namoonni gariin maddeen annisaa hin haaromfamne biroo caala filatamaadha jedhu.
Buufanni niwukilaaraa erga ijaaraamee booda akka tajaajila ittifufinsaan kennuu gochuun baasii xiqqaa gaafata.
Buufanni anniisaa niwukilaraa ammayyaa buufatalee annisaa cilee fi gaazii caala turuun, ganna 80 tajaajila kennuu danda'u jedhama.















