Komishinii Anniisaa Nikuleeraa Itoophiyaa akka hogganan kan muudaman Saandookaan Debbebee eenyu?

Madda suuraa, @SandokanDebebe
Manni Maree Ministirootaa yaa'ii idilee har'a Kibxata Onkololessa 14, 2018 gaggeesseen dambii Komishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa hundeessu yoo raggaasu, Ministirri Muummee Abiy Ahimad Obbo Saandookaa Debbebee komishinara dhaabbatichaa ta'uun muudamaniiru.
Dambiin hundeeffama isaa har'a ragga'e Komishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa hoogganuudhaaf jalqaba kan muudaman Obbo Saandookaan Debbebee itti gaafatamaa Waajjira Addaa Ministira Muummee ta'uun tajaajilaa turan.
Obbo Saandookaan waggoota lamaaf gita kanarra kan tajaajilan yoo ta'u, isaan dura hooggansa mootummaa adda addaarra turan.
Obbo Saandookaan ALI 2001 Yunivarsiitii Haroomayaa irraa Saayinsii Nyaataa fi Teeknooloojii Omishaatiin digrii jalqabaa, Yuunivarsiitii Finfinneerraa ammoo Saayinsii Nyaataa fi niiwitiriishiniin digrii lammaffaa argataniiru.
Inistiitiyuutii Eegumsa Heddumina Lubbu qabeeyyii keessatti hojjetaa qorannoo ta'uun kan hojjetaa turan Obbo Saandookaan gara Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti makamuun waggaa tokkoo fi ji'a afuriif achitti barsiisaa turan.
Sana booda, Giddugala Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknooloojiitti Daarektara Olaanaa ta'uun waggaa tokkoo fi ji'a sadii hojjetan.Achiis gara Waajjira Qabeenya Kalaqa Sammuu Itiyoophiyaatti gita hojii wal fakkaatuun hojjetaa turan.
Obbo Saandookaan ji'a Waxabajjii bara 2012tti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii ta'uun kan muudaman yoo ta'u, gara waggaa lamaa fi ji'a jahaa korporeeshinicha erga hoggananii booda Onkoloolessa bara 2015 deetaa Ministiraa Ministeera Pilaaniifi Misooma ta'uun muudaman.
Saandookaan yeroo ministeericha keessa turanitti walgahii idil-addunyaa haala qilleensaa waliin walqabatu irratti irra deddeebiin Itoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaatan ta'uun ibsameera.
Itti aansuunis Onkoloolessa bara 2016 irraa eegalee sadarkaa deetaa Ministiraatti Hogganaa Waajjira Addaa Ministira Muummee ta'uun tajaajilaa turan.
Obbo Saandookaan waggoota 14 darbaniif Waajjira Addaa Ministira Muummee dabalatee dhaabbilee mootummaa adda addaa keessatti tajaajilaa kan turan yoo ta'u, waggoota shanan darban keessatti iddoowwan mootummaa olaanoo afur qabataniiru.
Komishiniin Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa tattaaffii Itoophiyaan teeknooloojii niwukilaraa "kaayyoo nagaa" fayyadamuuf gootu "hogganuu fi qindeessuuf" itti kennameera.
Ityoophiyaan anniisaa niwukilaraa qaqqababummaa humna ibsaa, misooma industirii, wabii nyaataa, tajaajila fayyaa, fi saayinsii fi qorannoof fayyadamuuf karoorfachuu ishee Waajjirri Muummee Ministiraa ibsa har'a baaseen beeksiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Muummichi Ministeeraa Abiy eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti "pirojektoota gurguddoo" mootummaan doolaara biiliyoona 30n ijaaruuf karoorfate keessaa tokko buufata anniisaa niwukilaraa ta'uu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Itoophiyaan Raashiyaa waliin ALI Fulbaana 15, 2018, buufata anniisaa niwukilaraa ijaaruuf waliigaltee mallatteessite.
Waliigalteen kun kan mallattaa'e Ministirri Muummee Abiy fooramii Atoomawaa irratti hirmaachuuf Raashiyaatti imalanii wayita tureedha.
Afrikaa keessaa Afrikaa Kibbaa qofti yoo taatu, biyyoonni Afrikaa muraasni ammoo warshaalee humna elektiriikaa mataa isaanii ijaaruuf adeemsa irra jiru.
Itoophiyaan madda anniisaa kana fayyadamuuf waggoota dheeraaf karoorfattee kan turte yoo ta'u, warshaa anniisaa niwukilaraa akka ijaartu kan beeksiste yoo ta'u, amma dhaabbata mootummaa jalqabaa pirojektii kana bulchu hundeessiteetti.
Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Saandokaan Debebee Komishinara jalqabaa Komishinii Inarjii Niwukilaraa Itiyoophiyaa taasisuun muudaniiru.












