Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun Beeruut irratti haleellaa qilleensaa raawwatte

Madda suuraa, Reuters
Israa'el erga namoonni akka ba'an akeekkachiistee booda kibba magaalaa Beeruut qilleensarraan haleelte.
Akka Israa'el jettutti gamoowwan haleellaan irratti raawwatame bakka hidhattoonni Hizboollaa keessa dhokatan ture.
Loltoonni Israa'el garee Iraaniin deeggaraman- Hizboollaa adamsanii haleeluu irraa duubatti jedhanii hin beekan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a shan dura mallattaa'ee osoo jiruu haleellaan kun raawwatame.
Bu'uura waliigaltee sanaan Israa'el fi hidhattoonni Hizboollaa walitti dhukaasuu dhaabanii turan.
Israa'el haleellaa qilleensarraan raawwatte kanaan iddoowwan gareen hidhataa kun irraa misaa'el dhukaasu irratti akka qiyyafatte himte.
Haleellaan misaa'elaa Hizboollaan achirraa raawwatu Israa'el fi uummatashee gaaga'aa jiraachuu mootummaan Israa'el ibseera.
Mootummaan Libaanos ammoo haleellaa Israa'el kana balaaleffachuun, US fi Faransaay haleellaan Israa'el akka dhaabbatuuf dhimma akka uuman gaafateera.
Gareen lameen waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka ga'aniif jaarsummaadhaan gidduu kan turan US fi Faransaay turan.
Erga Sadaasa darbe dhukaasa dhaabuurratti waliigalamee haleellaan Israa'el hanga tokko hir'atee ture.
Israa'el ji'a duras kibba Beeruut iddoo Dahieh jedhamurratti haleellaa qilleensaa raawwattee turte.
Bakka kun maandhee Hizboollaati. Israa'el erga haleellaa sana raawwattee ji'a tokkotti ammas haleellaa biraa raawwatte.
Haleellaan kun dabalamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu garee lamaan gidduutti mallattaa'e rakkoo keessa galcheera.
Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajuu dhiistee iddoo Hizboollaan keessa buufate jettu haleeluu itti fufteetti.
Mootummaan Israa'el doorsisaa fi haleellaa Hizboollaa hundaaf deebii quubsaa akka kennu ammas dhaadataa jira.
Dippiloomaatiin warra lixaa tokko maqaasaa dhoksuun akka BBCtti himetti Hizboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu ni kabaja.
Garuu Israa'el waliigaltee kana cabsuun haleellaa raawwachuu himata.
Haleellaa Israa'el qilleensarraan raawwatte kanaan lubbuun namaa darbe akka hin jirre Humni Ittisa Siivilii Libaanos ibseera.
Waajjirri pirezidantii Libaanos haleellaa kana hordofee ibsa baaseen ''biyyoonni waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka irra ga'amuuf jaarsummaan gidduu turan, US fi Faransaay, dirqama fudhatanii Israa'el haleellaa raawwataa jirturraa akka of qusattu adaba itti gochuu qabu,'' jedhe.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaaniyaahuu biyyisaanii ''Hizboollaan akka of jabeessu hin eeyyamtu,'' jedhan.
Libaanositti Qindeessaan Addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jiyaamiin Hennis Plasschaert, haleellaan Israa'el lammiilee Libaanos nageenya deebi'uu dheebotanitti yaaddoo biraa dabaleera jette.












