Yaada dhukaasa dhaabuuf Hamaas hidhannoo akka hiikkatu Israa'el dhiyeessite Hamaas dide

Madda suuraa, EPA
Israa'el Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf Hamaas hidhannoo akka hiikkatu yaada dhiyeessite Hamaas fudhachuu dide.
Qondaalli Filisxeem marii gaggeeffamu itti dhiyeenyan beekan akka jedhanitti yaadi dhiyaate Israa'el waraana xumuruufis ta'ee humna waraanaa Gaazaa keessaa baasuuf fedhii akka hin qabne kan agarsiisudha.
Hamaas garuu Israa'el lola dhaabdee loltootashee Gaazaa keessaa kan baastu yoo ta'e, lammiilee Israa'el harkaa qabu keessaa walakkaa gadi lakkisuu barbaada.
Israa'el duula waraanaa Gaazatti gaggeessitu ittuma jirti. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gamasaan, rakkoon deeggarsa namoomaa Gaazaa keessa jiru erga waraanni eegalee ji'a 18 keessatti sadarkaa hamaarra jiraachuu akeekkachiise.
Israa'el deeggarsi namoomaa gahaatu jira jechuun akka Gaazaa hin seenne erga gootee torban jaha ta'eera. Ejansiiwwan UN garuu dubbiin Israa'el dhara ta'uu himuun deeggarsa namoomaa dhorkuun seera namoomaa idiladdunyaa cabsuu akka ta'e himu.
Ministiirri Muummee Israa'el ammoo deeggarsi namoomaa Gaazaa akka hin seenne dhorkuun Hamaas lammiilee butaman akka gadi lakkisu dhiibbaa gochuuf akka ta'e himan.
Muummichi Ministiiraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun US deemanii Tiraamp wajjin erga wal-arganii guyyoota muraasa booda Israa'el yaada dhukaasaa dhaabuu haaraa biyyoota jaarsummaa taa'aniif dhiyeessite.
Sana booda Kaliil al-Hayyaa jila Hamaas qabachuun qondaalota tikaa Masirii wajjin wal-arganii turan.
Qondaalli Filisxeem dhimmicha itti dhiyeenyan beekan BBCtti akka himanitti yaadi Israa'el yaada dhukaasa dhaabuu haaraa dhiyeessiteen Hamaas hidhannoosaa akka hiikkatu gaafatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamaas ammoo yaada Israa'el dhiyeessite kana kufaa godhee jira. Israa'el Hamaas hidhannoo akka hiikkatu yaada jedhu bifa haaran yaada dhukaasa dhaabuu keessatti dabaltee dhiyeessunshee waraanni akka dhaabatu akka hin barbaanne agarsiisa jechuun komatu qondaalli Filisxeem BBCn dubbise kun.
Lammiilee Israa'el harka Hamaasitti hafan lakkoofsan 59 akka ta'antu tilmaamama. Isan keessaa kan lubbuun jiran 24 jedhama.
Kibxata darbe ammoo sababa haleellaa Israa'el gaggeessiteen loltootasaa namoota butaman keessaa lammii Ameerikaa Edan Aleeksaandar jedhamu eegan wajjin qunnamtiin jalaa adda cituu beeksise Hamaas.
Israa'el ammoo bakka lammiileenshee butaman jiru jettee shakkitu haleeluu akka dhaabde himte.
Sambata darbe Hamaas loltuu Israa'el butamee harkasaa jiru tokko karaa viidiyoon dhiyeessee ture.
Israa'el waraana dhaabdee guutummaan Gaazaa keessaa yoo baate lammiilee Israa'el bute hunda akka deebisu ibseera.
Yeroon dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa dhumuu hordofee Israa'el Gaazatti deebitee waraana banuu hordofee Hamaas lammiilee Israa'el shan gadi dhiisee yeroon dhukaasa dhaabuu akka dheeratu gaafatus Israa'el lola hin dhaabne.
Masiriin ammoo yaada dhukaasa dhaabuu haareffame dhiyeessun Hamaas ilaalaa akka jiru BBCn maddeensaarraa hubate.
Gaazexaan Yedioth Ahronoth jedhamu qondaala olaanaa Israa'el irraa odeeffannoo keessoo argachuu ibsuun akka gabaasetti, torban lamaa hanga sadii keessatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu ni jiraata.












