Israa'el haleellaa qilleensaa Gaazaan qondaala olaanaa Hamaas ajjeefte

Namni siyaasaa Hamaas Salah al-Bardaweel, Khan Yowun keessatti ajjeefame.
suuraan isaa kun bara 2015 kaafamee

Madda suuraa, Getty Images

Hoogganaan siyaasaa olaanaa Hamaas haleellaa xiyyaara Israa'el kibba Gaazaa, Kaan Yuunis keessatti raawwateen ajjeefaman.

Qondaalli Hamaas Dilbata ganama BBC'tti akka himanitti, hogganaan olaanaa siyaasaa Hamaas ajjeefaman Saalaah al-Bardawiil jedhamu.

Jiraattonni naannoo sanaa akka jedhanitti, miseensi kutaa siyaasaa Hamaas kan ta'an Bardawil fi haati warraa isaanii haleellaa xiyyaaraa kanaan ajjeefamaniiru.

Israa'el ajjeechaa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Waraanni Israa'el Kibxatarraa eegalee Gaazaa keessatti haleellaa cimaa raawwachaa kan turte yoo ta'u, waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaastu cabse jechuun komatti.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hamaas gidduutti Amajjii 19 kana mallattaa'e yoo ta'u baatii lama booda cabee waraanatti deebi'an.

Hamaas himannaa Israa'el dhiyeessitu hin fudhatu. Gareen hidhattoota kun Israa'el dhukaasa dhaabuu jaarsummaa Kataar, Masrii fi Ameerikaan taasifame cabsite jedha.

Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasin hoogganamu ibsutti, sa'aatii 24 darbe keessatti qofa haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwateen lammiileen Filisxeem 32 ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa'el fi Hamaas gidduutti kan eegale baatii Onkoloolessa 7, 2023, erga Hamaas daangaa Israa'el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesee namoota 251 butee booda.

Ergasii as haleellaa qilleensarraa fi duula lafoo Israa'el Gaazaa keessatti raawwattuun lammiileen Filisxeem 49,500 ajjeefamaniiru.

Kana malees bu'uuraaleen misoomaa fi gammoowwaan magaalota Gaazaa guutummaatti barbadaa'aniiru, namoonni hedduunis qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Waraaanaa Israa'el, Hamaas namoota bute hanga yoonaa gadi hin dhiisiin hafe hunda yoo gadhiise malee, "naannoowwan Gaazaa dabalataa weeraruu" fi bakkeewwaan tokko tokko ammoo dhaabbiin qabachuuf ta'uu doorsiseera.

Ministirri Humna Ittisaa Israa'el Kaatiz akka jedhanitti loltoonni Israa'el haleellaa waraana duula lafoo Gaazaa keessatti jalqaban hanga namootni butaman "lubbuun jiran fi du'an" deebi'anitti "cimsuun itti fufu" jedhan.

Namoota butaman 59 keessaa 24 lubbuun akka jiran kan amanamu yoo ta'u, waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaan erga dhugoomuu dhabee booda hireen isaanii shakkii keessa jira.

Dhukaasa dhaabuun baatii Amajjii irraa eegalee hojiirra kan ture yoo ta'u, duula haleellaa qilleensaa fi lafoon Israa'el Gaazaa keessatti raawwatte hordofuun ifatti cabeera.

Ministirri Ittisaa Israa'el kun akkasumallee Israa'el karoora Pirezidantiin Ameerikaa Tiraamp baasan hojiirra oolchuuf akka hojjetanillee himan.

Tiraamp biyyi isaanii Gaazaa deebisanii ijaaruu fi lammiilee Filisxeem miliyoona lama dhaabbataadhaan qubsiisuu akka barbaadan dubbatanii turan.

Israa'el Kibxata darbe haleellaa qilleensaa guddaa naannoo Gaazaa irratti erga raawwattee booda guyyoota lama keessatti namoonni 430 ol du'uu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu beeksiseera.