Israa'el humna lafoon Gaazatti duula waraanaa jalqabde

Madda suuraa, Israel Defense Forces
Israa'el haleellaa humna qilleensarraa Gaazatti namoota 430 ol ajjeese erga gaggeessitee booda humna lafoonis duula waraanaa jalqabuu beeksifte.
Humni waraana biyyattii loltoota lafoo koridara Zetzaarim jedhamu kan kaaba Gaazaafi kibba Gaazaa gargar baasutti bobbaasuu beeksise.
Haleellan bifa haaran Gaazatti eegale waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a Amajjii eegale dhumuusaa waan akeekudha.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) mooraasaa Gaazaa jiru keessatti haleellaa banameen hojjataa dhaabichaa tokko dabalatee namoonni lama ajjeefamuu ibsee ture.
Humni Waraana Israa'el ibsa baasen Gaazatti sochii humna waraanaa lafoo taasisuu akka eegaleefi kaayyonsaa kaabafi kibba Gaazaa gidduutti lafa hidhattoota Hamaas irraa bilisa ta'e bal'aa uumuf akka ta'e beeksise.
Kanaanis namoonni naannoo sana jiraatan qe'eesaanii gadhiisanii bakka biraatti akka baqataniif Israa'el ajaja kenniteetti.
Jiraattonni Gaazaa ajaja Israa'el kanaan yaaaddoo keessa galaniiru. Hedduunsaanii waraana kana duraan si'a heddu irra deddeebin qe'eesanii irraa buqqa'aniiru.
Ji'a Amajjii keessa Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuf waliigaluusaanii hordofee Filisxeemonni heddu Kibba Gaazaa irraa gara qe'eesaanitti deebi'anii ture.
Israa'el amma bifa haaran haleellaa banuun alatti Filisxeemonni qe'eesaanirraa akka baqataniif ajajjeetti.
Ministiira ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatz kaleessa, Roobii, ergaa kara viidiyoo dabarsaniin lammiilen Israa'el butaman akka gadi lakkifamaniif "akeekkachiisa isa dhumaati" kan jedhan dubbataniiru.
Gaaffin Israa'el yoo galma hin gahin ''maancaatii hamaatu Hamaasiin eeggata," jechuun akeekkachiisan qondaalli waraanaa Israa'el kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamaas ammayyuu lammiilee Israa'el 59 harkaa qaba. Isaan keessaa kan lubbuun jiran 24 akka hin caalletu amanama.
Kibxata darbe ammoo Minintiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ibsa kennaniin, kana booda biyyattiin humna cimaan Hamaas akka loltuufi mariin gaggeeffamus osoo lolli gaggeeffamuu ta'uu akka qabu dubbatan.
Haleellan qilleensarraa Israa'el gaggeessite hanga Roobitti kan itti fufe ta'us kan gaafa Kibxataa ganama gaggeeffame jiraattota Gaazaa heddu kan ajjeese ture.
Israa'elifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaarraa gara marsaa lammatatti cehuuf qabxiilee ijoo ta'an irratti waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Hamaas waliigalticha akka haaratti ka'ee irratti mariyachuu kan jedhu hin fudhanne. Kan barbaade akkaatadhuma duraan irratti waliigalameen marii itti fufuu ture.
Israa'el ammoo yaada marii dhiyaate kan fudhachuu dide Hamaasi jechuun haleellaa gaggeessuu malee filannoo akka hin qabne beeksifte.












