Ameerikaan Huutii Yaman irratti haleellaa qilleensaa bante

US haleellaa qilleensaa garee finciltoota Huutii Yaman keessa jiran irratti bante

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan finciltoota Huutii Yaman keessa jiran irratti haleellaa qilleensaa ''murteessaa fi humna guddaa qabu'' banuu ibsite.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa gareen hidhattootaa kun dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwate akka sababaatti kaasuun himaniiru.

Tiraamp miidiyaa hawaasummaa 'Truth' irratti akka barreessanitti,''loltootni Huutii kan maallaqa Iraanin deeggaraman, xiyyaarota Ameerikaa irratti misaa'ela dhukaasaa turaniiru, akkasumas Loltoota keenya fi Michoota keenya irratti xiyyeeffataniiru."

Saamicha galaanaa, haleellaa fi shororkeessummaa, doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baasuu fi lubbuu namaa balaadhaaf saaxilee raawwatraniiru" jedhan.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 15 yoo du'an, namoonni sagal ammoo madaa'uu Ministeerri Fayyaa Huutiin durfamu ibseera.

Gareen kun - waraana Israa'el fi Hamaas Gaazaa keessatti geggeeffameen booda doonii irratti xiyyeeffachuu kan jalqabe - waraanni haleellaa Ameerikaa irratti deebii akka kennu ibseera.

Gareen kun heleellaa Ameerikaaf deebii akka kennu dhaadateera.Gareen finciltoota Huutii kun waraana Israa'el fi Hamaas Gaazaa keessatti geggeeffameef deebii kennuudhaaf ture dooniiwwaan Galaanaa Diimaa qaxxaamuran irratti xiyyeeffachuu kan jalqabe

Dilbata halkan dhohinsi hedduun Sanaa fi bulchiinsa kaaba Saada - bakka qubannaa finciltootaa daangaa Sa'udii Arabiyaa irratti argamu keessatti mudachuun isaa gabaafameera.

Gareen finciltootaa Israa'el waliin wal diinomfatan kun Sana'aa fi naannoo kaaba baha Yaman qabate jira.Suuraaleen hin mirkanoofne dhohinsa naannoo buufata waraanaatti mudate irraa aarri cimaan akka bahu agarsiisa.

Finciltoonni Huutii Ameerikaa fi UK'n jiraattota magaalaa Sanaa irratti haleellaa ''fokkisaa'' raawwachuu isaanii himan.

UK'n haleellaa xiyyaaraa Ameerikaa irratti hin hirmaanne. Kanaan dura garuu haleellaa qindaa'aa Ameerikaan biyyota adda addaa waliin Huutii irratti raawwatte deeggaraa turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp amma waan yaade milkeessutti haleellaa fudhatu kanaan 'araarama' tokkollee akka hin qabne dhaadateera

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araghchi mootummaan Ameerikaa "imaammata alaa Iraan to'achuuf humnas ta'e dandeettiis hin qabu. Uummata Yaman ajjeesuu dhiisaa. Duguuggaa sanyii fi shororkeessummaa Israa'el deeggaru dhiisaa" jedhan.

Huutiin waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti geggeeffame keessatti Falasxeemota deeggaruuf socho'aa akka jiran ibsuun, dooniiwwaan Israa'el, Ameerikaa fi UK irratti duuluu turaniiru.

Sadaasa bara 2023 irraa eegalee Huutiin dooniiwwan daldalaa hedduu irratti misaa'ela, diroonii fi haleellaa rawwataniiru.

Israa'eel misaa'elaa fi diroonii 400 kan waraanni Israa'el Yaman irraa gara biyyattiitti darbatame jedhe, irra caalaan isaanii qolachuu ibsite haaloo ba'uuf ji'a Adoolessa irraa eegalee haleellaa qilleensaa Huutii irratti raawwattee jirti.

Dhaabbileen doonii gurguddoon Galaana Diimaa - kan daldalli galaanaa addunyaa 15% ta'u keessa darbu dhiisuun daandii baayyee dheeraa naannoo kibba Afrikaatti fayyadamuuf dirqamaniiru.

Tiraamp akka jedhanitti, dooniin alaabaa Ameerikaa qabdu bo'oo siwuuz, kan Galaanni Diimaan itti geessu keessa nagaan erga deemtee waggaa tokkoo ol akka ta'e, akkasumas dooniin waraanaa Ameerikaa qaama bishaanii baha Afrikaa fi peninsula Arabaa gidduu jiru keessa erga darbitee ji'a afur ta'eera jedhan.

Sulula Suweez daandii galaanaa saffisaa Eeshiyaa fi Awurooppaa gidduu jiru yoo ta'u, keessumaa geejjibaa boba'aa fi gaazii uumamaatu baay'inaan keessa geejjibsiifamaa

Tiraamp, "yoo hin dhaabbanne naannoo kana akka kanaan dura argitanii hin beekne si'oolii ni goona." jechuun Huutii akeekkachiisaniiru

Gareen Huutii deebii kennaniin, "Haleellaan kun hin obsamu. Humni Yaman hidhatee jiru kun waldhabdee duraanuu jiru daran hammeessa" jedhan. Haleellaan kamuu deeggarsa Falasxeemotaaf qabnu irraa duubatti nun deebisus jedhan. Haleellaan kun deebii malee akka hin hafnes dhaadatan.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoonis Iraan kan Huutii duuba jirtu akeekkachiisuu isaanii himaniiru.

Sadaasa bara 2023 hanga Onkololessa bara 2024tti Huutii nhaleellaa 190 Galaana Diimaa irratti raawwachuu isaanii Kongireesiin Ameerikaa beeksiseera.