Abbaas Hamaasin ''ilmaan sarootaa'' jechuun namoota butaman akka gadhiisu gaafatan

Mahmuud Abbaas

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas walgahii Rahmalaatti taa'ameerratti Hamaas haleellaa Israa'elitti Gaazaatti raawwatu akka ittifuftuuf ''sababaa'' ta'e jechuun qeeqan

Mahmuud Abbaas Hamaas "ilmaan sarootaati" jechuun dheekkamanii wayita haasa'an, gareen kun namoota butee harkaa qabu akka gadhiisu, hidhannoo akka hiikkatu fi waraana Israa'el gaggeessitu goolabuuf Gaazaa dabarsee akka kennuu gaafatan.

Pirezedantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas walgahii Weest Baankiitti taa'amerratti , Hamaas haleellaa Israa'el Gaazaatti raawwattu akka itti fuftuuf ''sababaa'' ta'e jechuun namoota butee harkaa qabu akka gadhiisu gaafatan.

Pirezedant Abbaas waraanni Gaazaa ji'oota 18 dura erga jalqabee as yeroo jalqabaaf Hamaas irratti qeeqa cimaa dhiyeessan.

Qondaalli Hamaas tokko waan Abbaas jedhan hawaasa harka caaluuuf ''arrabsoodha'' jechuun balaaleffate.

Torban darbe Hamaas wixinee dhukaasa Gaazaatti dhaabuu haaraa Israa'el dhiheessite fudhachuu dide.

Wixineen sun dhukaasa torban jahaaf dhaabatu keessatti Hamaas hidhannoo akka hiikkatu fi namoota butaman 59 hafan keessaa 10 akka gadhiifaman eera.

Hamaas gama isaatiin Israa'el waraana guutummaatti dhaabdee, Gaazaa keessaa guutummaatti yoo baate, namoota bute hunda dabarsee akka kennu irra deebi'ee ibse.

Meeshaa waraanaa hiikkachuu garuu fudhachuu dideera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan Taayitaa Filisxeem, kan Abbaas hooggananii fi sochii paartii Fataa bu'uureffate erga Hamaas bara 2007 Gaazaa to'atee as kutaalee Weest Baankii qofa bulchaa ture.

Abbaan Taayitaa Filisxeem waraana Gaazaa booda Gaazaa bulchuuf qophii ta'uu yeroo hunda cimsee ibsaa ture.

Garuu sirriitti Filisxeemootaaf hin dubbanne ykn tarkaanfii bu'a qabeessa hin fudhanne jechuun Filisxeemoonni qeequ.

Abbaas walgahii Mana Maree Filisxeem magaalaa Rahmalaatti taa'amerratti haasaa mufatanii dubbataniin Hamaas cimsanii qeeqan.

''Hamaas namoota bute ugguree, yakkamoonni [Israa'el] akka Gaazaa keessatti yakka raawwataniif sababa ta'e,'' jedhan.

"Ilmaan sarootaa nama qabdan eenyullee haa ta'uu gadhiisaa xumuraa. Sababa isaan lakkaa'awwatan kana goolabaa, miidhuurraa of qusadhaa."

Pirezedantichis Hamaas ittigaafatamummaa Gaazaa bulchuu Abbaa Taayitaa Filisxeemitti dabarsee, meeshaa waraanaas Abbaa Taayitichaatti akka '' kennuu,'' akkasumas gara dhaaba siyaasaatti ce'uu akka qabu dhaaman.

Miseensi biiroo siyaasaa Hamaas, Bassim Nahiim, murtee Abbaas qeeqaniiru.

Qondaalli Hamaas kun Abbaas ''qaama ummatasaa isa guddaa fi murteessaa ta'e arrabse,'' jechuu, dhaabbati oduu AFP gabaaseera.

Hamaas fi Abbaan Taayitaa Filisxeem waggoota kurnatti lakkaa'amaniif addaan wal qoodaniiru.

Wal qoqqooduun isaanii kun hoggansi Filisxeem Weest Baankii fi Gaazaa keessatti tokkoome akka hin uumamne mirkaneessa.

Maanguddoo ganna 89 kan ta'an Abbaas, lammiilee Filisxeem hedduu biratti akka waan gahumsa hin qabnetti ilaalamu.

Abbaas waggoota dheeraaf filannoo malee aangoorra turan.

Qeeqxonni Abbaan Taayitaa Filisxeem dhiibbaan kan uumnee fi malaammaltummaa hamaan kan laaqame akka ta'eetti ilaalu.

Hamaas gamasaatiin Abbaan Taayitaa Filisxeem Israa'eliif tumsa jechuun himateera.

Gama biraatiin Roobii darbe, gartuun waraana Hamaasitti hidhata qabu lammii Israa'eli fi Haangaarii nama qabu butee ture Omri Miran, bollaa lafa jalaa keessatti viidiyoo waraabee gadhiiseera.