Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni Faannoo Aanaa Giddaa Ayyaanaatti qaamolee nageenyaa torba ajjeesan
Qaamoleen nageenyaa kun konkolaataa ummataa gara Finfinneetti imalaa ture osoo gaggeessanuu haleellaan irratti raawwatame.
Haleellaa hidhattoonni Faannoo Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti raawwataniin poolisoonni sadi fi milishaan afur waliigalatti namoonni torba ajjeefaman.
Haleellaan kun Kamisa ALI Waxabajjii 19, 2017 ganama keessaa tilmaamaan naannoo sa'aa 3:00'tti aanichatti ganda Dooroo Borraa iddoo addaa Dichoo jedhamutti akka raawwatame itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Seeqqataa Galataa BBC'tti himaniiru.
"Konkolaataa 'TATA' deddeebisa ummataa ta'e Giddarraa gara Finfinneetti ummata deddeebisuu osoo ajjabanii deemanii konkolataa poolisii aanaatiin milishaafii poolisiin osoo walduukaa deemani humna finxaalessaan rukkutamanii miidhaman" jedhan.
Dabaluunis "konkolaataan poolisootafii milishaa walitti makee fe'ee deemu kun duubaan osoo gaggeessaa jiruu bakkee qabataniiti (hidhattoonni) kan miidhaa irratti geesisan" jedhan.
Haleellaa kanaanis miseensonni poolisii sadi fi milishaan afur walumaagalatti namoonni torba ajjeefamuu himan.
Dabalataan poolisoonni sadi fi milishaan tokko miidhaan irra gahee Hospitaala Giddaa Ayyaanaa kan geeffaman yemmuu ta'u, isaan keessaa namni lama miidhaan cimaa waan irra gaheef gara Hospitaala Naqamteetti riifariin ergamuunsaaniis barameera.
Namoota miidhaan irra gahe ilaalchisee yaaliin Hospitaala Giddaa Ayyaanaarraa odeeffannoo argachuuf taasifne hinmilkoofne.
Gama biraatiin hidhattoonni Faannoo haleellaa kana erga raawwatanii booda qaamoleen nageenyaa aanaa Giddaa Ayyaanaa: milishaafii poolisiin akkasumas poolisii farra riphee lolaafii raayyaan ittisa biyyaa naannichatti sakatta'iinsa taasisuu akka eegalan Obbo Seeqqataan himaniiru.
Imaltoota konkolaataa geejiba ummataan imalaa turanirratti miidhaan qaqqabe akka hinjirres dubbataniiru.
Hidhattoonni Faannoo qaamolee nageenyaarratti haleellaa raawwatan kunneen aanicha keessatti yeroo garagaraatti haleellaa raawwachaa kan turan yemmuu ta'u, ALI Ebla 26, 2017 namoota konkolaataa ummataan gara magaalaa Finfinnee imalaa turan 17 butuunsaanii ni yaadatama.
Hidhattonni kun "Faannoo ummata naannoo sanaa afaan Amaaraa dubbatu dawoo godhatedhaa" kan jedhan Obbo Seeqqataan, "yeroo asii qaamni nageenyaa isa barbaadu meeshaa lafa kaayee ummatatti makamee gaafa haala mijataa argatummoo uffata uffatee meeshaa kaasee dhufee rakkoo kan geesisudha" jedhan.
Dabalataanis "Yeroo hunda karoorfatanii naannoo sanitti rakkoo geesisuuf xiyyeeffatanii hojjechaa jiru; rakkoo geesisaa turanis" jedhan.
Kaayyoon hidhattoota kunneenii daandii aanichafii magaalaa Naqamtee qunnamsiisu kutuun sochii ummataa daangessuu akka ta'e angawaan kun himu.
"Yoo danda'ame immoo daka sana lafa bal'aa misoomaaf ooluu danda'utu jira. Ummata kana yaaddessanii lafa sana kutatatnii itti fayyadamuudha" jedhan.
Gama biraatiin qaamoleen nageenyaa yeroo garagaraatti sakatta'iinsa taasisuun meeshaa waraanaa irraa fuudhaa turuu himuun, "garuu bosonni guddaan waan jiruuf bakkaa bakkatti socho'uun waan miliqaniif duguuganii jara kana bira gahuun hin danda'amne" jedhan.
Kanaafis qaamoleen nageenyaa ummata aanicharraa gara magaalota birootti imalu yeroo hunda akka gaggeessan himan.
Imaltootaaf eegumsa gochuun dabalataan rakkoo nageenyaa kanatti furmaata waaraa laachuuf hojjetamaa jiraachuus dubbatan.
"Imaltoota gaggeessuu (ajjabuun) akkuma jirutti ta'ee mariin hawaasa kana walitti fiduu, finxaalessa ummata dawoo godhatee rakkoo kana geesisummoo eeruu hawaasaan keessaa baasanii, ummata kana tasgabbeessanii, daandii kana iddootti deebisuuf mariin taasifamaa jira" jedhaniiru.