Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa raawwateen namoonni 12 ajjeefaman - Qondaala

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa jalqaba torban kana raawwateen namoonni 12 ajjeefamuu aanichi beeksise.

Haleellaan kuni eega humnoonni mootummaa torban lama dura aanicha seenanii as yeroo duraaf dhagahame.

Haleellaa gandoota sadii aanaa Kiiramuu daangessanitti gaafa Kibxataa raawwate jedhameen ‘’nama 12 kan du’e,’’ jedhan qondaalli aanichaa BBC’n dubbise.

Haleellaa kanaaf hidhattoota Amaaraatu himatame. Gama qaama himatameen BBC’n yaada isaanii argachuu hin dandeenye.

‘’Kan haleellaa kana geessise warruma kana dura Kiiramuurra ture,’’ jedhan qondaalli kun.

Aangawoonni haala ‘’xiyyeeffannoo mootummaa guddaa barbaada,’’ jedhaniif humnoonni mootummaa dabalataan akka ergamaniif gaafachaa jiru.

‘’Qaamni nageenyaa suuta suutaan dhaqqabaa jira. Garuu hamma barbaadame miti. Rakkoo amma uumamee jiru kanaaf qaamni nageenyaa ergamee jiru walmadaalaa miti.

‘‘Hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa kuni kallattii adda addaatti faffaca’anii jiru, baay’ina qabu waan ta’ef mootummaan humna nageenyaa gahaa‘‘ ramaduu akka qabu gaafatan.

Hidhattooti Amaaraa kuni kanneen achi jiraataniin ala Naannoo Amaaraa irraa kan ce’anii dhufan akka jiran jiraattotis ta’e aangawoonni ni himu.

Dhalattooti Amaaraa garuu kana waakkatu. Kana dura dhalattooti Amaaraa hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu haleellaa irratti akka raawwate himataa turan.

Qondaaltonni haleellaa ‘haaloo ba’umsa fakkaatuun ummata nagaa walumatti qabuun Shanee’ jedhuun haleelaa jiru jechuun hidhattoota kana himatu.

Kunneenis bakkeewwan humnooti mootummaa hin geenyetti ammallee badii geessisaa akka jiran dubbatani.

Ajjechaan torban kana gandoota Konnojii, fi Guddina Calliyaa fa’itti raawwateen ala saamichiifi qabeenya gubuunis akka ture ibsameera.

Hidhattooti Amaaraa haleellaa booda kana irra-deddeebiin aanota Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti raawwatuuf himatamu.

Haleellaa baatii Sadaasa keessa Aanaa Kiiramuutti raawwate hordofee jiraattoti gandoota baadiyyaa aanichaa 19 keessaa gara aanaa ollaa, Giddaa Ayyaanaatti baqatanii jiru.

Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessumaa magaalaa Hangar Guutee kan saboonni adda addaa jiraatanitti raawwatameenis namoonni hedduu ajjeefamuu qondaaltonni himaniiru.

Kunneen deeggarsa namoomaa dhabuun kan rakkataa turan ta’us booda kana mootummaan ‘’hamma danda’ameetti deeggarsa qaqqabsiisee jira’’ jedhan aangawaan BBC’n dubbise.

Mootummaan humnoota TPLF waliin araara buusus haleellaafi rakkoon nageenyaa garuu bakkeewwan Itoophiyaa biroo, keessumaa Lixa Oromiyaatti hin dhaabbanne.

Oromiyaa keessatti sarbamni mirga namoomaa baay'ee hamaa ta'e raawwatamaa jira jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) guyyoota muraasa dura beeksisee ture.

Gama kaaniin walitti bu’insi Oromiyaa keessatti hammaachaa dhufe lakkoofsi namoota gargaarsa eeggachaa jiranii akka haalaan dabalu taasisuu UN beeksiseera.

Kana dura lammiileen 700,000 ol buqqa’u ibsamee ture.

Buqqaatoti deebi'aa jiru

Haleellaa Aanaa Kiiramuutti raawwateen buqqaatoti Aanaa Giddaa Ayyaanaa mana barumsaa keessa dabalatee dahatanii turan.

Booda kana garuu humnoonni nageenyaa Aanaa Kiiramuuttillee waan bobbaafamaniif namoonni deebi’aa jiru jedhan.

‘’Waraanni Aanaa Kiiramuu qaqqabee waan jiruuf namoonni suuta suuta deddeebi’aa jiru. Namni baay’ees garasitti deebi’e galeera.

''... Ammas namoota muraasa kan nubiratti hafee jiru. Isaaniis suuta suuta gara qe’ee isaaniitti deebi’aa jiru,’’ jedhan qondaalli.

Haata’u malee, ammallee daandiin magaalaa aanichaa Ayyaanaafi magaalaa godinaa Naqamtee walitti fidu cufaa akka jiru ibsan.

Haleellaa irra-deddeebiin hidhattootaan raawwatuuf mootummaan lammiilee tiksaa hin jiru jechuun komatama.

Ajjeechaa tibbanaan kanneen ifatti mufii ibsatan keessaa paartilee mormituun ala miseensonni paarlaamaa Itoophiyaa Oromiyaa keessaa filamaniis keessa jiru.

Mootummaan gama isaatiin humnoota 'finxaalessitootaafi shororkeessitoota' jedheerratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fufu ibse.