Abbaafi haadha maqaa ilmaa baasuutti waggootaaf waldhabe manni murtii araarse

Abbaa warraa fi haati warraa maqaa daa'ima argataniif baasan irratti wal mormuun waanuma mudatu. Dhimmi kun hammaatee firaaf ollaa biraa darbee gaa'ilaa diiguuf sababa ta'ee mana murtii yeroo gahu arguun garuu waan baratame miti.

Kibba Indiyaa Karnaatakaa keessatti garuu abbaa warraafi haati warraa ilma argataniif maqaa baasuurratti waggoota sadiif erga waldhabanii booda mana murtii dhaabataniiru.

Dhibdeen maqaa mucaa baasuurratti dhalate kun hammaatee gaa'ila diiguutti dhiyaateera.

Dhibdeen kun bara 2021 wayita sana dubartii ganna 21 kan taate tokko ilma wayta deessu eegale.

Indiyaatti dubartiin tokko wayita deessu hamma bayyanattutti gara mana maatiishee deemuun baratamaadha.

Achii abbaan warraa mana maatiishee deemee mucaa dhalateefi haadha warraa mana ofiitti deebisee fudhatee gala.

Haata'u malee haati warraan maqaanshee hin ibsamne kun maqaa abbaan ilmasaaniif baase fudhachuu didde. Abbaan warraa kanatti mufatee mana maatii dhaqee mucaafi haadha fidhatee deebi'uu dide.

Haati warraa qubee jalqabaa maqaa ishee fudhattee qubee maqaa abbaa warraashee keessa jiran itti dabaltee ilmasaaniif maqaa Adi jedhu moggaafte jedhu gargaaraan abbaan alangaa bulchiinischaa.

Waldhibdee kana keessa ji'i ji'ootaan bakka bu'ee waggootni sadii lakkaa'aman. Haati warraas mana maatiisheetti hafte. Booda haati warraa kun magaalaa Hunsuur jedhamu keessatti mana murtii argamu tokkotti abbaan warraashee mucaaf deeggarsa akka kennu himatte.

Abukaatoon haadha warraa kanaa Hariish BBC'f yaada kennaniin dhiibdeen isaanii kun hammaatee hanga gaa'ila diiguu gaheera jedhan.

Himatni jalqaba mana murtii gad-aanaatti dhiyaate booda gara mana murtii uummataa (People's court) bakka mariin furamutti qajeelfame.

Abbootiin murtii maqaa akka furmaataatti tarreessan. Maatiin lameen diduu ittuma fufanii dhumarratti maqaa tokko irratti waliigalan.

Ammaa maqaan daa'ima ganna sadii guutee Aryavardhana ta'ee ragga'eera. Hiikni isaan ajaa'iba kan ta'e akka jechuuti.

Achiis abbaa warraa fi haati warraa akka aadaa Indiyaatti abaaboo mormarra diratan waljijjiiruun wal-simachuu isaanii mirkaneessanii gaa'ila isaaniitti deebi'aniiru.