Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee haleellaa moortaarii yeroo MM Abiy Moqaadishoo doowwatanitti mudate jedhamee kan beeknu
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi aanga'oonni biyyattii kaan Kamisaa waaree booda buufata xiyyaara idil-addunyaa Moqaadishoo eegumsi cimaan taasifamutti Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiif simannaa gochuuf argaman.
Buufaticha keessaa fi alatti hunmootiin eegumsa nageenya Somaaliyaa baayyeen kan bobbafaman yoo ta'u, daandiiwwan naannichatti argaman hedduun cufamanii ture.
Kana malees, loltoonni Gamataa Afriikaa nagaa kabachiisaan kan Itoophiyaan miseensa itti taateefi waggaadhaaf mootummaa Somaaliyaa tiksaa tureetis naannawa buufatichaa qubsiifamanii ture.
Eegumsa akkasii kana jidduutti ture egaa Kamisa gara waaree boodarratti moortaaroonni hedduun kan gara buufata xiyyaara Moqaadishootti dhukaafamuu miidiyaaleen Somaaliyaa fi maddeen oduu idil-addunyaa kan gabaasan.
Maddi oduuTarkii Anaaduluun, Pirezidantiin Somaaliyaa Ministira Muummee Itoophiyaa simachuudhaaf osoo buufata xiyyaarichaa jiranu haleellichi raawwatamuusaa gabaaseera.
Maddi oduu kun dabaluudhaan moortaaroonni dhukaafaman kallattiidhaan kan buufata xiyyaarichaa haleelan osoo hin taane, naannoolee dhiheenyatti argaman keessa qubachuusaa maddeen nageenyaa akka mirkanneessaniif ibse.
Haaluma walfakkaatun, maddi oduu Faransaay AFPn garuu haleellaan moortaaraa kun kan raawwatame Ministirri Muummee Itoophiyaa fi jillisaanii Moqaadishoo gahuudhaan erga buufata xiyyaarichaa gadhiisanii bahanii booda ta'uu jiraattoota erruudhaan gabaase.
Jiraataan naannichaa AFPn dubbise tokko, rasaasni moortaraa lama ollaa Bulohubeey jedhamu keessatti dhiheenya mana jireenyaatti kufuusaa fi dubartiin maanguddoon tokko madaa'uu dubbatan.
Qondaaltonni tikaa buufata xiyyaara Moqaadishootti argaman aanga'oonni Itopphiyaa simannaan taasifameef buufa xiyyaarichaa keessaa bahuudhaan hanga gara masaraa pirezidantiitti imalanitti wanti tokkolleen akka hin mudanne madda oduu kanaaf mirkanneessaniiru.
Namni jila Ministira Muummee Abiy gara Moqaadishootti imalan keessaa ta'an tokko madda oduu kanatti akka dubbatanitti, garichi haleellaa moortaarii raawwachuu isaarratti wanti beekan akka hin jirre himan.
Haleellaan moortaaraa yeroo dursaan Itoophiyaa Somaaliyaa dowwatanitti raawwatameera jedhame kun, daawwannichaan kan wal qabatu ta'uufi dhiisuun hin baramne. Haleellaa jedhame kanaafis ifatti qaamni itti gaafatamummaa fudhates hin jiru.
Kamisa waaree booda Moqaadishoo kan galan Ministirri Mummee Itoophiyaa fi jillisaanii erga aanga'oota Somaaliyaa waliin marii taasisanii booda garawaaree booda gara Finfinneetti deebi'unsaanii gabaafameera.
Daawwannaa MM Abiy illaalchisuun waan jedhame
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad walta'insi naannichaa murteessaa ta'uu kaasuun, "Humna guddaa guddina keenya waloof fayyadamuu dandeenyu qabna, qeenxeedhaan guddachuu hin dandeenyu," jedhan.
Gaanfi Afrikaa qabeenyaan kan badhaadhe, lafa gabbataa qabu, bishaan uumamaafi qabeenya humna namaa qabu ta'ee osoo jiruu nyaataan of danda'uuf wayita rakkannu mul'ata kan jedhan MM Abiy, "walitti hidhaminsi naannawaa galma keenya waloo dhugoomsuuf baay'ee kan fayyadudha," jechuun ibsan.
MM Abiy ergaa daawwannaa hojii isaanii kana ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, mariin Pirezdaant Hasan Sheek Mohaammud waliin taasisan dhimmoota ijoo akka nagaafi tasgabbii, dinagdee, dippiloomaasiifi hojiilee misooma bu'uraa waliin ijaaruu danda'an kan ilaallatu ture jedhan
"Yoo waliin dhaabanne egeree cimaafi abdii ifaa qabaanna. Walta'insi naannawaa murteessaadha. Kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojechuuf nuti qopheedha."
Hoggantoonni biyyoota lamaanii ibsa waloon baasaniinis faayidaa waloo biyyoota lamaaniif michummaa cimsachuu akka qaban kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Hariiroo cimaa seena qabeessa ummata biyyoota lamaan gidduu jiruufi daangaa walitti isaan fidu hubachuun, gaggeessitoonni kunneen karaa hariiroo dippilomaasii, dinagdeefi tumsa hawaasummaa cimsuun wal amantaa guddisuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gamasaaniin, marii isaan MM Abiy waliin Moqaadishootti taasisan hariiroo nageenyaa, dinagdeefi hawaasummaa isaanii cimsachuurratti kan fuulleefate ta'uu dubbataniiru.
Daawwannaa MM Abiy Somaaliyaatti taasisan ilaalchisuun miidiyaa biyya keessaaf ibsa kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos, daawwannaan hojii kun hariiroo biyyoota lamaanii gama hundaan jiru caalaa cimsuuf akka ta'e himan.
"Akkuma beekamu hariiroon biyyoota lamaan gidduu ture waggaa tokko darbe qilleensi kan seene ture. Amma garuu sadarkaa sana darbanii boqonnaa haaraa waltumsuurra gahuu isaanii daawwannaa agarsiisedha," jedhan Dr. Geediyoon.
Waliigaltee Ankaaraatiin booda rakkoon jiru mariin fala argataa dhufee hirmaannaan Itoophiyaa nageenya [Somaliyaa] kabachiisuu keessatti qabdu bifa qabateera kan jedhan Dr. Geediyoon, hariiroo gama dinagdeetiin jirus daran cimsuudhaaf daawwannaan MM Abiy kun baayyee bu'a qabeessa ture jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa.
Daawannaan MM Abiy kun qama marii hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru gara duraan turetti deebisuuf ji'oota muraasa durarraa kaasee gaggeeffamaa jiruu ta'uu ibsi waloo biyyoota lamaanii baasan eereera.
Hoggantoonni lamaanmariin tekinikaa Ankaaraa akkaataa Labsii Ankaaraatiin waliigalameen jalqabuumsaa jajjabeessaa ta'uu himanii, mariin wal ijaaruufi caalaa wal tumsuuf gargaaru barbaachisaa ta'uu cimsanii himaniiru.
Kana malees, ibsa waloo baasaniin nageenya cimsuufi nananicha keessatti tasgabbiin akka jiraatu gochuuf waliigaltee Humna Raayyaa Somaaliyaa (SNA) fi Humna Raayyaa Itisa Biyyaa Itoophiyaa giduutti irra gahanis tarkaanfii gaarii akka ta'etti simataniiru.