Raashiyaafi Yukireen waliigalteerra gahuu yoo 'rakkisaa' godhan Ameerikaan keessaa baati - Tiraamp

Donaaldi Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Donaald Tiraamp Raashiyaa fi Yukireen waliigaltee nagaarra gahuuf yoo ''haala rakkisaa godhan,'' Ameerikaan jaarsummaa taa'uu 'ni dhiisti' jedhan.

Pireezidantiin Ameerikaa waajira isaanii Ovaal Ofiis irraa Jimaata kaleessaa yaada kennaniin waliigalteen nagaa guyyaa ''adda baafamee beekamu keessatti ta'a'' jedhanii akka hin eegne garuu ''dafee'' akka raawwatu akka barbaadan himan.

Ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo yoo mallattoon waliigaltee hin mul'anne Ameerikaan marii kana keessaa akka baatu himanii ture.

''Dhimma kana torbaniifi ji'ootaaf qabannee itti hin fufnu Ameerikaan waan dursa kennituuf biraa qabdi,'' jedhan Ruubiyoon.

Oduun kuni yeroo dhagahametti Raashiyaan magaalawwan Yukireen Kahaarkiifi Sumii haleeluun namoonni lama yoo ajjeefaman kanneen 100 tahan ammoo madaa'aniiru.

Pireezidant Vilaadmiir Puutiin dhukaasa dhaabuudhaaf ulaagaa baayyee kaa'aniiru.

Tiraamp waa'ee waliigaltee Raashiyaa fi Yukireen yoo gaafataman ''waa'ee namoota du'aa jiraniiti haasa'aa jirra. Ni dhaabsifna dha, yaadni keenya''

''Garuu qaamoleen lameen waan kana rakkisaa taasisan ''isin gowwaa, gowwoota, namootaa taatan miti, jennee itti dhiisna,'' jedhan.

Bulchiinsi Tiraamp jalqabarra waliigalteen dafee akka xumuramu amana ture, tahus waliigalteen dhukaasa dhaabuu guutuu tahe ammallee hin dhugoomne kanaafis qaamoleen lolatti jiran lameen komataa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ruubiyoon Kamisa darbe hogganoota Awurooppaa waliiin Paarisitti waa'ee dhukaasa dhaabuu marii'achuun booda ''dhimma kana dafnee murteessuu qabna -hin tahaafi hin tahuusaa guyyoota keessatti murteessuu qabna,'' jedhan.

''Kuni hin dhugoomu taanaan garuu ittuma dhiisna,'' jechuun waa'ee waliigaltee nagaa dubbatan.

Waliigaltee nagaa dhugoomsuun waan ulfaataa akka tahes amananiiru.

Tiraamp waajjiratti deebi'uun dura pireezidantii tahanii sa'atii 24 keessatti lola akka dhaabsisan himanii ture.

Dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimtrii Peeskoov waan Tiraamp jedhan irratti deebi akka kennaniif yoo gaafataman ''mariin adeemsifamaa jiru akkaan ulfaataa dha,'' jedhan.

''Gamni Raashiyaarraan jiru nagaa buusuufi faayidaa ofii eegsisuuf hojjetaa jira, maariidhaafis eeyyamamaa dha,'' jedhan.

Pireezidantiin ittaanaa Ameerikaa JD Vaans Xaaliyaanitti yeroo MM biyyattii Joorjiyaa Meloonii Roomitti arganii dubbisan waraana Yukireen dhaabuuf ammallee ''abdii qabna,'' jedhan.