MM Abiy ministiira dhimm alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin maal mari'atan?

MM Abiy fi Maarkoo Ruubiyoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahmed Ministiira Dhimma Alaa US kan ta'an Maarkoo Ruubiyoo waliin yeroo jalqabaaf bilbilaan mariyatan

MM Abiy Ahmad Ministiira erga Tiraamp aangoo qabatee Ministiira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin yeroo jalqabaaf ifatti guyyaa kaleessa mariyachuunsaanii ibsame.

Maarkooo Ruubiyoofi MM Abiy dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lamaanifi wantoota dursi kennamuufii qaburratti bilbilaan mariyachuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baasen beeksise.

Waa'en nageenya gaanfa Afrikaa dhimmoota mariisaanii keessaa tokko ta'uu kan eere ibsi kun, bulchiinsi Tiraamp Itoophiyaan akka nagaa taatufi misoomtu gochuuf deeggarsa akka taasisu Maarkoo Ruubiyoon MM Abiyyiif mirkaneessaniiru.

Tiraamp bara bulchiinsasaanii duraanii, Masiriin hidha guddicha Itoophiyaan ijaartu ni haleelti jedhanii dubbachuun Itoophiyaa mufachiisee ture.

Sadaasa darbe Doonald Tiraamp yeroo filannoo injifachuun aangotti deebi'uunsaanii mirkanaa'u, MM Abiy battalumatti ergaa baga gammaddee dhaamaniifii ture.

"Filannoo injifachuufi aangotti deebi'uu keessaniif baga gammaddan jechuun barbaada," jechuun fuula X gubbaatti Tiraampif ergaa baga gammaddee erganiifii ture.

Dabaluunis, "Bara bulchiinsa keessan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii caalmatti jabeessuf yeroo waliin hojjannu eegan jira," jedhanii ture.

MM Abiy waggoota jahaan darban keessatti, keessumaa bulchiinsi Baayidan sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen qoqqobbii garaa garaa Itoophiyaatta kaa'unsaa ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baayidan yeroo aangorra turan waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen wal-qabatee sarbamni mirga namoomaa hamaan raawwatame jechuun ajaja pirezidaantii mallatteessuun Itoophiyaarra qoqqobbii kaa'aa turan.

Qoqqobbiin isaan kaa'an mootummaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, qaamolee waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatan kanneen akka waraana Ertiraa, qondaalota naannoo Amaaraafi qondaalota Tiraamp irratti kan xiyyeeffate ture.

Gama biraan ammoo carraa biyyoonni Afrikaa Sahaaraa gadii daldala qaraxarraa bilisa ta'e akka fayyadamaniif qophaa'e (AGOA) keessaa Itoophiyaan akka baatus godhamee ture.

Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture, walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii laaffatee kan ture yoo ta'u, yakkoota waraanaa raawwataman jettu eerun Ameerikaan Itoophiyaa balaaleffataa turte.

Bulchiinsi Baayidan filannoon mo'amee bulchiinsi Tiraamp aangoo qabachuu hordofee, biyyoota akka Itoophiyaaf carraa haaraa fidee akka dhufu xinxaaltonni ni himu.

Waraanni Tigraay Waliigaltee Piritooriyaan xumuramus, waraana naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti itti fufe ilaalchisee ejjannoon bulchiinsa Tiraamp maal ta'a? kan jedhu gaaffidha.