Maan Yunaayitid: Taphattoota haaraa sarara duraaf £201m baasee, sarara gidduuf maal yaade?

Maanchester Yunaayitid RB Leepizhingirraa jifataa Benjaamiin Seeshkoo paawondii miliyoona 74 basee mallatteessuun ganna kana sarara fuula duraa jabeeffachuuf baasii paawondii miliyoona 200 ol isa fudhateera.

Amma garuu gaaffiin sarara gidduurra (utubaa ta'uun) eenyuti taphata kan jedhudha.

Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Ruuben Amoorim taphattoota goolii lakkoofsisan irratti baasii guddaa baasuun ongee goolii bara darbe isa mudate furuu barbaada.

Bara darbe Piriimer Liigii keessatti goolii 44 qofa lakkoofsisuun erga bara 1973-74 Liigicha keessaa gadi bu'ee as goolii xiqqaa kan lakkoofsise kun yeroo jalqabaatiifidha.

Maatiwus Kuunyaa fi Biriyaan Imbeemoo booda sarara jifachuurratti Seeshkoo fudhacuun isanii gannuma kana keessa sadaffaadha.

Haata'u malee, sararri gidduu Maanchester Yunaayitidiif ammallee fala kan barbaadudha.

Kun ammoo taphataa sarara gidduu lammii Kaameruun Kaarloos Belbaa Biraayitanirraa fudhachuuf akka yaalu taasiseera.

BBC Sport dhimma wal xaxaa sarara gidduu Maanchester Yunaayitid ilaaleera.

Tooftaa Ruuben Amorim fi gahee haaraa Fernaandeez

Tokkoffaa, kanneen mariif hin dhiyaanne.

Tooftaa Amorim taphattoota sarara gidduu gadi fagoo lama, duubatti cinaa dirreen kan dhiiban, sarara fuula duraa keessaa lamaa gidduurraa kanna duratti oofan yoo ta'an tokko ammoo duratti deemee kan jifatudha.

Seeskoon taphataa sarara fuulduraa ykn jifataadha. Maatiwus Kuunyaa duuba isaatiin karaa bitaa, Biriyaan Imbeemoo ammoo mirgaatiin taphata.

Sunis amballii kilabichaa Biruunoo Fernaandeez gahee sarara gidduu gadi fagoo ta'e keessaa tokko fudhachuu jechuudha.

Amma, Fernaandeez bakka baayyee keessa socho'uu danda'a garuu taphataa sarara gidduu fiixee gamaafi gamanaatti socho'uun taphatan keessaa tokko miti.

Fernaandeez naanna'ee bakka kubbaan gahe gahee taphachuu jaallata. Kubbaa qabatee bakkee bilisaa soqachuun kubbaa mijeessee kennaa taphachuu jaallata.

Garuu taphataan lammii Poorchugaal umuriin isaa ganna 30 ta'e kun nama yaaddoo uumamuuf abdattuufi itti hirkattu miti. Nama fiigee bakka cufuun yaaddoo dhufu xiqqeessuuf fiigu miti.

Kun rakkoo Amorim torban lama dura waa'ee sarara gidduusaa Chikaagootti qabxii addaa irratti yeroon isa gaafadhe haale ta'us rakkoo waan ta'e fakkaata.

"Biruunoon baay'ee fiiga" jedhe. "Tarii fiigicha irratti taphataa adda ta'uu danda'a, baay'ee fiiga. Obsa guddaa qaba. Inni qaroodha. Kanaaf, waa'ee kanaa miti. Qaamni Biruunoo yaaddoo miti. Qaamaan, gadi fageenyaan taphachuuf ykn akka sarara gidduutti taphachuuf qophaa'aadha."

Osoo sun sirrii ta'ee Yunaayitid maaliif Baaleebaa irratti gaaffii dhiheessa?

Hundaafuu taphataan Biraayitan kun baayyee taphataa sarara gidduu saanduqa irraa gara sararaati deemuun, nama humnaa fi obsa qabu, kan kubbaa buusisuu danda'uufi kubbaa mijeessee kennuu danda'uudha. Caalaatti kan barbaachisaa ta'e, inni taphataa tooftaa taphaa Amorim keessatti barbaachisudha.

Ugaartee, Maayinoo fi Kashemiiroo - isaan garuu Fernaandeeziifi michuu sirriidhaa?

Sarara gidduurraa Amorim qaba kan jedhamu dhiyoon Maanu'eel Ugaartedha, garuu taphataan sarara gidduu Uraagaay kun Paawondii miliyoona 50.8 itti bahee Maanchester Yunaayitid PSG irraa fide ammallee hin agarsiisiin jira.

Tapha Yurooppaa Liigii Caamsaa darbe Tootenhaamiin mo'amerratti Ugaarteen guutummaatti eeggataa ta'ee dabarsuun ciminni taphataa waggaa 24 kun maal akka ta'e agarsiistuudha.

Dilbata darbe Atilaantaa keessatti, Ugaarteen osoo naannoo peenaaliitii keessaa kubbaa qabatee fiiguu takalamee kubbaa buuse.

Battalumatti Everten fudhatee Idirisaa Guyyee goolii wal isaan qixxeessu lakkoofsise.

Sun dogoggora Ugaartee ture. Yaaddoo/balaa dhufu argee bakka akka sana gareesaaf sodaachisaa ta'e akkasiitti of qophessee hin hambbisne.

Kashemiiroon ammoo isaan gadidhayyu. Taphataan lammii Biraazil kun muuxannoo ni qaba waan ta'eef Amorim isa ni barbaada. Tapha Bilbaa'oo waliin turerrattis Fernaadeez waliin akka taphatu hirees argatee ture.

Haata'u malee, inni amma umuriin isaa waggaa 33 guuteera. Kashemiiroon kanaan booda akka dirreerra fiigutti fiiguun isaa falmisiisaadha.

Yeroo umuriin isaa sirrii jirutti sarara gidduurra Luukaa Modirich fi Toonii Kiroos taphateerra.

Yunaayitid Koobii Maayinoo qaba. Garuu yeroo dhiyoo asitti waa'ee gareesaa Ameerikaatti yeroo dubbatetti Amorim gahumsa taphataa lammii Ingilaand kanaa kan Fernaandeez waliin wal bira qabee ilaaleera.

Humni Maayinoo dirree morkattootaa keessatti bakka argachuufi sodaachisuudha.

Tapha xumuraa Yuuroo 2024 irratti Maayinoon jalqaba sarara gidduurrati hiriiree waanuma Amorim jedhe agarsiisee ture.

Garuu bakka isaa kan taphatu Deeklaan Raayis yoo ta'u, taphattoota sarara gidduu gadi fagoo addunyaa kanaa keessaa isa tokkodha.

Taphataan garee Yunaayitid keessatti gahee kanaaf baay'ee mijatu dargaggeessa ganna 21 Toobii Kooliyer ture. Garuu Kooliyer fakkeenyaaf yeroo hunda Kaasheemiroo dursee filatamuu akka danda'u waan hin amansiifne yoo ta'u, haala kamiinuu taphataan akaadaamii duraanii Biraayitan kun ganna kun ergisaan deema.

Rakkoo kana furuuf ammas baasii gochuun isaan barbaachisa?

Kilabicha keessaa namni hojii kana hojjechuu danda'u yoo hin jiraanne Maanchester Yunaayitid nama fiduu qaba.

Haata'u malee, yeroon xumuraa seera fi Itti Fufiinsa itti aanu hanga Waxabajji 30, 2026tti osoo hin taane, nama tokkollee osoo hin gurgurin Seeshkoo mallatteessuu akka danda'an fudhatama kan qabu ta'us, Yunaayitid taphattoota hin barbaadamne ofirraa baasuu jalqabuu qaba - mallatteessisuun dabalataa ammoo dabalataan ofirraa gaggeessuun barbaachisa jechuudha.

Alehaandiroo Gaarnaachoo, Antoonii, Jaaden Saanchoo fi Tiirel Malaashiyaa kanneen taphattoota Maanchester Yunaayitid keessatti hin barbaachifne waan ta'eef hanga kilaboonni isaan fudhatan argamanitti qophaatti akka shaakalan taasifamaniiru.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Arjentiinaa Garnaachoon gara kilabii Landan, Cheslsii deemuuf kilabicha waliin mari'achaa jira.

Hundaa isaanii gaggeessuun salphaa waan hin taaneef waliigalteewwan isaan gaggeessuu adadumaan fulbaana 1tti ni xumurama jedhamee eegama.

Kana jechuunis Maanchester Yunaayitid taphataa itti aanee mallatteessifatuuf isaan deemuu eeguun barbaachisaa ta'a jechuudha.

Kun hundi gara Baaleebaatti nu deebisa. Biraayitan taphataa ganna 21 kanaaf kaffaltii guddaa akka barbaadan beeksiseera. Kunis Cheelsiin bara 2022tti Moosees Kaseedoo fudhachuuf baasii inni Paawondii miliyoona 115 waliin wal fakkaata.

Maanchester Yunaayitid ganna kana osoo taphatoota hin barbaadne ofirraa hin gaggeessiin baasii hanga kanaan taphataa fiduuf salphaa miti.

Garuu rakkoon jiru dhugaa waan ta'eef, yoo isa hin taane, gahee sarara gidduu rakkoo qabu eenyutu guutaaf?