Kopheen isniikarii Apple doolaara 50,000'n gurguramaa jira

Madda suuraa, STHEBY'S
Kopheen Apple caal-baasii Sotheby qopheessu irratti dhiyaate doolaara 50,000'n gurguramaa jira.
Kopheen kuni bara 1990'moota keessa hojjettoota Kompiitara Apple dhaaf tolfamee walgahii yeroos qophaa'e tokko irratti isaaniif kenname.
Kopheen kuni kana dura alatti bahee gurguramee hin beeku.
Manni caal-baasii gurgurtaa kana raawwatu Sotheby, ''kopheen irri keessi isaa gogaa tahe arrabasaafi funyoo biratti mallattoo Apple durii kan halluu sabbata Waaqaa qabu qaba, kunis akkaan akka barbaadamu,'' taasisaan jedhe.
Kopheen isniikarii kuni, ''jiraachuun isaayyuu hin beekamu ture,'' jechuun gabaa raabsaa irratti gatii qabaachuu danda'u ibse.
Kopheewwan kunneen ''haaraadhuma saanduuqa keessa jiraatanillee'' gidduu soolii isaaniirratti mudaa qabu, waan akka halluu keelloo wayii godhataniiru jedha.
Kopheen kuni koomee isaarraa waan akka qaawwaa kophichi akka hin ulfaanne taasisu qaba.
Lakkoofsi kophee kanaas 41 dha. Funyoo diimaa biraanis saanduqicha keessa jira.
Meeshaaleen Apple durii gatiin isaanii akkaan kan dabale yoo tahu - garuu hundumtisaanii gabaa guddaa jedhamu hin arganne.
Meeshaan geemii ittiin taphatan kan Pippin jedhamu kan akka malee gatii guddaa guddaa argatee ture, meeshaaleen kaanis turan.
Meeshaalee Apple keessaa kan dhiyeenya kana gurguramee bilbila iphone jalqabaa kan hin banamne kan abbaa 4GB yoo tahu, caal-baasii US'tti doolaara 190,000'n gurgurameera.
Apple kalaqa meeshaalee teekinoloojiin haa beekamuyyuu malee takka takka deeggartoonni oomisha kanaa uffataa fi waan miidhaginaa irraa bitaa turan.
Bara 2015 Apple dhaabbata faashinii qananii Hermès wajjiin hidhaa sa'aatii harkaa walitti qabaa ture.
Bara 2020'tti kabaja ayyaana, baatii seenaa gurraachotaa irratti gabaatti baasee ture.
Hojjettoonni dhaabichaa waajjira muummee Kaalifoorniyaa jiran jaakkeettii Apple Park jedhamu qabu ture.












