Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubbii aanga'oota Indiyaa waa'ee Nabii Muhaammad biyyoota musliimaa dheekkamsiise
Qondaaltonni olaanoon paartii biyya Indiyaa bulchaa jiru lama dubbii walfalmisiisaa waa’ee Nabii Mohaammad dubbachuun biyyoota musliimaa hedduu dheekkamsiise.
UAE, Omaan, Indooneeshiyaa, Iraaq, Maaldiivs, Joordan, Liibiyaa fi Baahireen biyyoota dubbii aanga'oota olaanoo Indiyaa balaaleffatanitti dabalamanidha. Duraan Kuweet, Iraan fi Qaataar ambaasaaddaroota Indiyaa waamuun mormii isaanii ibsatanii turan.
Sa'udii Arabiyaan ammoo ibsa jabaa dubbii aanga'ootni paartii BPJ Indiyaa kana balaaleffatu baasteetti.
Aadde Nupur Shaarmaa, Dubbi-himtuu paartii leellistoota warra Hinduu Baratiyaa Janataa(BPJ) kan turte yoo taatu, falmii karaa fooddaa TV ji’a darbe keessa tamsa’aa turerratti waa'ee Nabii Mohaammad dubbatte.
Naviin Jindaal immoo Delhiitti hogganaa gartuu miidiyaa paartii BPJ kan ture yoo ta’u, dhimmicha ilaalchise tiwitara gubbatti maxxanse.
Dubbiin Aadde Nupur Shaarmaan keessattuu hawaasa musliimaa Indiyaa keessatti lakkoofsa xiqqaa qaban danuu dheekkamsisee, kutaalee bulchiinsota biyyattii muraasa keessatti hiriira balaaleffannaa hordofsiise.
Dubbiin Nupur Shaarmaan kennaan kan namoota mufachiisu waan ta’eef BBC’n irra hin deebi’u.
Qondaaltoonni biyyatti lamaan ifatti hawaasa dhiifama gaafataniiru, Paartiin BPJ Nupur Shaarmaan yeroof miseensummaarraa kan tursiise yoo ta’u, Aab Jindaal garuu paarticha keessaa baase.
Dubbiin qondaalota lamaanii loogii fi jibba musliimaa biyyattii keessatti dabalaa dhufe kan agarsiisudha jedhameera.
‘’BJP’n namoota amantii kamiyyuu arrabsuu cimsee balaaleffata. BJP’n ilaalcha amantii arrabsu kamiyyuu ykn xiqqeessu hin tumsu. Paartichi namoota ykn falaasama akkasii hin jajjabeessu,’’ jedhe ibsa baase keessatti.
Qeeqxonni akka jedhanitti, yaaadni Nupur Shaarmaa fi Aab Jindaal dubbatan garaagartummaa amantiirratti biyyatti keessatti waggoota muraasa as mul’atu gadii fagoo ta’uu agarsiisa jedhan.
Paartiin BJP bara 2014 erga aangoo qabatee asitti haasaan jibbiinsaa fi haleellaan muslimootarra qaqqabu saffisaan guddateera. Ogeeyyiin itti dabaluun akka himanitti, dhimmi keessoo biyyattii dhimma idil-addunyaa ta’ee boodayyuu paartiin BJP deebiin kenne gahaa mitii jedhan.
Sa’udii Arabiyaan dubbii aanga'ootni Indiyaa waa'ee Nabii Mohaammad Wixata dubbatan yoo balaaleffatteu. Qaatar dhiifama ifatti gaafatamu Indiyaarraa eegaan jira jette.
"Yaadni jibbaa amantii Islaamaa adabbii tokko malee akka itti fufu eeyyamuun haala eegumsa mirga namoomaa balaarra kan buusuufi cunqursaa fi moggaatti dhiibamuun akka itti fufu taasisu mala, kunis jeequmsaa fi jibbi akka itti fufinsa qabaatu taasisa,’’ jedhe Ministeerri Dantaa Alaa Quwaatar.
Quwaataritti Ambaasaddarri Indiyaa Deepak Mittal, yaadni namoota muraasaa kun mootummaa Indiyaa bakka hin bu’uu jedhaniiru. Qondaalonni gameeyyin paartii BJP fi dippiloomaatonni yaada falmisiisaa dhiyaate kana balaaleeffataniiru.
Muffiin kun dhiibba inni fidu
Miseensonni Dhaabbata Islaamik Konfireensi(OIC) 57 ta’anii fi Paakistaan Indiyaa qeeqan. Delhiin immoo lamaan isaaniiyyu qeeqxe.
Xinxaltoonni akka jedhanitti, qondaaltoonni olaanoon paartichaa fi mootummaan dhimma kanarratti tarii ibsa baasuutu irraa eegama. Kana gochuu dhabuun hariiroo Indiyaan biyyoota Arabaafi Iraan waliin qabdu balleesuu mala jedhan.
Indiyaan biyyoota miseensa Gulf Cooperation Council (GCC), kanneen akka Qaataar, Sa’udii Arabiyaa, Bahireenii, Oomaan fi UAE waliin daldala doolaara Ameerikaa biliyoona 87 bara 2020-21 baasu qabdi.
Kana maleees lammileen Indiyaa miliyoonaan lakkaa’aman biyyoota kanneen keessa kan jiraatan yoo ta’u, maallaqa doolara miliyoonaan lakka’amu hojjatanii argatan gara biyyaatti ergu.
Kana malees Indiyaan biyyoota kanarraa annisaa boba’aa galfatti.
Ministirri Muummee Inidyaa Nareendiraa Moodii erga bara 2014 aangoo qabatanii asitti irra deddeebiin biyyoota Arabaa kana daawwatu.
Indiyaa waligaltee daldala bilisaa UAE waliin mallatteesiteetti, biyyoota naannoo Gaalfiitti argaman biroo waliin mariitti jirti.
Aab Moodiin iddoo Waaqeffannaa Hinduu jalqabaa Abu Dhaabiitti bara 2018 wayita eebbifamu argamanii turan. Eebbi sun hariiroon Indiyaa fi biyyoota naannichaa guddachaa jiruuf akka akeektuutti ilaalamaa ture.
Hariiroon Indiyaan Iraan waliin qabdu garuu waggoota muraasa darban keessatti jijjirama guddaa hin mul’ifne.
Waldhabbiin mudate kun garuu Ministirri Dhimma Alaa Iraan Hosiin Amiir Abdollahiin, biyyattii daawwachuuf wayita jiranitti. Ogeeyyiin akka jedhanitti taateen kun milka’ina Indiyaa yeroo dhiyoon asitti argatte cilee diba.