US barreessaa olaanaa UN basaasaa turuu sanadi icciitii Peentaagon jalaa miliqee bahe ibse

Barreessaa Olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez fedhii Raashiyaa keessummeessuu akka barbaadan US basaasan bira gahuu sanadi iccitii US jalaa dhiyeenya bahe ibse.

Sanadichi akka jedhutti, US sochii Antooninyoo Gutareez hordofaa turte. Sanadi kun ji'a Bitootessaa keessa Peentagon jalaa miliqee akka bahetu himama. Haa ta'u garuu eenyu akka baase hin beekamu.

US gama isheen sanadoota icciiti kana eenyu akka baase qoradhee adabuuf hojii eegaleera jette.

Sanadichi erga toora intarneetii gubbaatti baafamee as guyyaa guyyaan odeeffannoowwan haaratu bahaa jira.

Jalqaba waa'ee haleellaa waraanaa Yukireen yeroo dhiyootti Raashiyaarratti fudhattuu ilaalchisee meeshaalee waraanaa, baay'ina loltootaa, kutaalee waraanafi bakkeewwan haleellan itti raawwataman faatu bahe.

Ittaansun ammoo biyyoonni Lixaa loltoota jajjaboo gahuumsa cimaa qaban Yukireen keessa qubsiisaniiru kan jedhutu bahe.

Takka osoo hin turin odeeffannoon biraa Masiriin misaa'elota 40,000 Raashiyaaf dhiyeessufi kan jedhus gabaafame, Masiriin garuu "maqa balleessidha" jechuun haalte.

Amma immoo US barreessaa Olaanaa UN basaasaa akka turteefi Gutaarez fedhii Raashiyaa akka keessummeessan bira gahuu sanadi kun ibsa.

Odeeffannoo sanada kana keessatti Antooniyoo Gutarez Raashiyaf loogan jedhuun Yukireen midhaan gara biyyoota birootti akka ergituuf UNfi Tarkiin Raashiyaan Bilaak Sii akka bantu yeroo jaarsummaaf deddeebi'anitti Gutareez fedhiin Raahiyaas yaada keessa akka galu godhaniiru kan jedhuudha.

Kuni ammoo Raashiyaan humnaan Yukireen weeraruu isheetin itti gaafatamuu osoo qabduu loogufiin sirrii akka hin taanes ibsa sanadichi.

Raashiyaan irra deddeebin al-ergiin midhaanifi xaa'oo ishee qoqqobbii biyyoono lixaa irra kaa'aniin miidhamaa waan jirtuuf walii galtee Bilaak Sii Banuun midhaan Yukireen akka alatti gurguramu gochuu akka haqxu ibsaa turte.

Raashiyaan kana gochuun ishee fedhiin ishees ilaalcha keessa akka galuuf ture. Raashiyaan akkuma Yukireen weerarteen karra bishaanii Bilaak Sii Yukireenitti cufuun akka midhaan galaalaatti hin ergamne gootee ture.

Biyyoonni Afrikaa heddu midhaan Yukireenirraa kan galchan ta'uu isaanin UNfiTarkiin gidduu galuun Raashiyaan akka karra bantu taasisaa turan. Yeroo kanaadha Antooniyoo Gutareez Raashiyaaf looganiiru kan jetti US akka ragaan icciitii miliqee bahe ibsutti.

Antooniyoo Gutareez Raasiyaadhaf looganiiru jettee US fudhachuun ishee qondaaltota UN hin gammachiifne. Inumaayyuu Gutereez ifatti waraana Raashiyaan Yikireen irratti bante mormaniiru jechuun falmu.

Odu himaan nageenya biyyoolessaa US Joon Karbii BBCtyti akka himanitti sanada iciitii miliqee bahe kanarratti qorannoo gaggeessaa akka jirtu beeksisan.

"Kuni iciitii cimaa miliqee baheedha. Eenyu akka itti gaafatamu hin beknu, maalif [akka miliqfames] hin beeknu. Nageenya biyyooleessaarratti dhiibbaa inni fidu ilaalaa jirra," jedhan Joon Kirbii.