Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa Walloo Kamiseetti mudateen namoonni ajjeefaman, qabeenyi barbadaa'e- jiraattota
Mootummaan Federaalaa humnoota addaa naannolee deebisee gurmeessuun miseensota isaanii gara caasaalee nageenyaa birootti akka makamaniif karoora akka qabu ibsuu hordofee, naannoo Amaaraatti mormiin adda addaa dhagahamaa jira.
Magaalota baayyee keessatti walitti bu'iinsi dhalatee lubbuu namaa fi qabeenyarras miidhaan ga'eera.
Kanaan walqabatee Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromootti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin namooonni nagaan ajjeefamuu fi manneen gubachuun, akkasumas loon saamamuu jiraattoonni BBCtti himan.
Godinicha aanaa Jiillee Dhummugaa haleellaa kan qaqqabsiise hidhattoota Faannoo fi humna addaa naannoo Amaaraa ta'uu himatu jiraattonni.
Jiraataa sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko haleellaan Wiixata ganamaa kaasee raawwataa jiraachuu BBCtti himeera.
''Hidhattoonni Faannoo hidhatanii dhufanii uummatarratti haleellaa banan. Kan miidhame uummatichuma,'' jechuun haala ture ibse.
Haata'u malee, walitti bu'iinsa Godina Addaa Saba Oromoo fi aanaa Ollaa Axaayyee keessatti mudateen gareen gama Axaayyee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himate.
Haleellaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbuu Ameeerikaatti Waldaan hawaasa Amaaraa ibseera, haleellaa qaqqabeefis hidhattoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo himateera.
Waraannii Bilisummaa Oromoo himannaa dhiyaate kanarratti haga ammaatti waan jedhe hin qabu.
Haleellaa Walloo Kamisee fi aanaalee ollaa jiran keessatti mudatuuf hidhattoota WBO himachuun kanaan duras tureera.
Haata'u malee, aanga'oota mootummaa godinichaa dabalatee, uummannis waraanni WBO akka achi hin jirree fi kan miidhamaa jiru uummata nagaa ta'uu yeroo gara graatti ibsaa turaniiru.
Jiraataan magaalaa Sanbatee BBCn dubbise kun, haleellaa alanaan lubbuun namoota dhibbaan lakkaa'amanii darbuu hime.
''Nama hedduutu du'e, lakkaa'uullee hin dandeenye. Kan miidhamanis hedduudha. Daandiin cufaa waan ta'eef yaalallee argachuu hin dandeenye,'' jedhe jiraataan kun.
Dabalataan qabeenyi hedduun barbadaa'uu, manni gubachuu fi beelladoonni saamamuu hime.
Wiixatarraa egalee lolli akka turee fi kaleessa (Wiixata Ebla 11, 2023 guyyaa keessa) raayyaan ittisa biyyaa gidduu seenuun tasgabbeessuu hime jiraataan kun.
''Utuu isaan magaalaa Sanbatee seenuuf jedhanii raayyaan ittisaa itti seene.''
''Maddi rakkoo mootummaan humna addaa bifa haaraan gurmeessuu ta'us, gareen hidhate kun nurratti haaloo ba'uuf dhufe,'' jedha jiraataan kun.
Jiraataan dubbisne biraa haleellaa kana hordofuun Sanbateerraa gara Kamiseetti baqachuu eeruun, sababii walitti bu'iinsa kanaan jiraattoonni naannoo Affaaritti baqataniillee jiraachuu himeera.
Haleellaa ''humni addaa Amaaraa fi Faannoon walta'uun uummatarratti banan'' jedhuun namoonni sagal ajjeefamuu fi 12 madaa'uu, akkasumas manneen hojii mootummaa dabalatee manneen namootaas gubuu hime.
''Hidhattoonni kunneen waldhabdee mootummaa federaalaa waliin qabu haaloo ba'achuuf jiraattota aanaa Jiillee Dhummuugaarratti haleellaa raawwatan,'' jedha.
Jiraataan akka jedhutti, hidhattoonni naannoo Amaaraa kunneen fuulaa fi fuulaan raayyaa ittisa biyyaa waliin walitti dhukaasaa turan.
Haata'u malee, ''mootummaan biyya bulchaa jiru [gosa keessan] jechuun nurratti haleellaa banan,'' jedha.
Haleellaawwan qaqqaban jedhaman kana ilaalchisuun qaamolee nageenyaa mootummaa fi qondaaltoota Godina Addaa Saba Oromoorraa mirkaneeffachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Mootummaan humna addaa garii gara raayyaa ittisaa, kaan gara poolisii federaalaa fi nananoleetti makuuf karoora qabu labsuu hordofee naannoo Amaaraatti mormii fi muddamni dhalatee jira.
Magaalota gurguddoo naannochaa keessatti hiriirri mormii, daandii cufuun, dhukaasi gurguddaan tureera.
Lubbuu namaa fi qabeenyarras miidhaan qaqqabeera.
Godina addaa saba Oromoon alatti magaalota naannoo Amaaraa Dabra Birhaan fi Qobbootti humnootiin Amaaraa fi raayyaan ittisaa walitti bu'aniiru.
Magaalota akka Gondar, Dabra Birhaan fi Daseetti daangaan sa'atii sochii uummataarra daangaan kaa'ameera.