'Aayyoo, badhaasa Oskaar injifadhe' - Jireenya baqaa hanga badhaasa guddicha argachuutti

Kii Huwi Kuwaan

Madda suuraa, Reuters

Kii Huwi Kuwaan filmiiwwan bara 1980 keessa beekamoo ta'an; Indiana Jones fi The Goonies irratti taatoo daa'imaa bakka bu'ee gahumsa guddaan dalage.

Filmii Everything Everywhere All At Once jedhu irratti taatoo cimaa ta'ee hojjachuu isaaf ammoo badhaasa Oskaar mo'achuu danda'eera.

Badhaasa Oskaar fudhachuu isaa haadha isaatti gaafa himu maatin isaa hin amanne.

"Harmee badhaasa mo'adheera! Wanti akkanaa fiilmii irratti malee dhugaatti hin jiru jedhu. Anis kana nan argadha jedhee hin amanne," jechuun hime.

Haasaan sirna badhaasa Oskaar 95ffaa torban dura taasifame irratti taasise imimmaaniin kan guutame ture.

Seenaan ijoollummaa isaatti keessa dabarse ofiifuu fiilmii tokko kan ta'udha.

Seenaa qalbii nama harkisu

Kii Huwi Kuwaan Haarisan Foord waliin

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Kii Huwi Kuwaan Haarisan Foord waliin

Kii Huwi Kuwaan Veetinaamii yommuu baqatee bahu daa'ima waggaa torbaa ture.

Abbaa isaa wajjiin bidiruu caccabduun galaanarra deemanii Hong Kong qaqqaban. Haati isaafi obboloonni isaa sadii gara Maleezhiyaatti imalan.

Maatiin kan walitti makaman bara 1979 yeroo gara US'tti baqataniidha. Haala yeroo sana ture "suukaneessaa" jechuun ibsa.

"Nuti baqattoota turre. Namni nu fedhu hin turre. Warra reefu bidiruurraa bu'e jedhanii nutti qoosu.

''Mana baruumsaattis mata duree qoosaa nu godhatu ture. Sammuu daa'imaaf hangam akka cimu yaaduun hin ulfaatu," jechuun bara darbe gaazexaa The Gurdian'tti dubbatee ture.

Yeroo umurii 12 ta'u waan jireenya isaa gara fuulduraa jijjiiruu irratti hirmaate. Obboleessa isaa quxisuu gargaaruf fiilmii Indiana Jones irratti qooda fudhate.

Fiilmii Indiana Jones andthe Temple of Doom jedhurratti Kii Huyi Kuwaan hirmaateera. .

Filmiiwwan biroo irrattis hirmaatee bara 1990 gara dhumaa keessa dhiise.

Kii Huwi Kuwaaniifi Baarimor

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kii Huwi Kuwaaniifi Baarimor

Bara 2020'tti garuu hojii jireenya isaa jijjiirutu dhufe.

Waggaa dheeraa booda filmii Everything Everywhere All At Once jedhurratti abbaa warraa taatoo beekamtuu barana Oskaaf fudhatte, Misheel Yoon, ta'uun hirmaate.

Badhaasni Oskaar bara 2023 osoo hin gaggeeffamin dura BBC waliin turtii taasiseen milkaa'ina fiilmichaatti gammaduu isaa dubbate.

"Ergaan fiilmichaa waa'ee gaarummaa, jaalalaa, waa'ee maatiifi garaa namaa laafuuti," jechuun ibseera.

"Istiivan Ispeelbarg fi Joorj Luukas [fiilmii] Indiana Jones irratti Haarisan Foord wajjiin kan daa'ima lammii Eeshiyaa collee ta'ee hojjatu yeroo isaan barbaadan ani daa'ima waggaa 12 ture.

"Suni fiilmii koo jalqabaa ture, waggaa 38 dura. Fiilmin sun jireenya koo jijjiire," jedha Kuwaan.

Yeroo daa'imummaafi umrii dargaggummaa keessa hojii fiilmii irratti akka hirmaachisaniif bilbilli har'aa borii naa bilbilama jedhee eegaa akka ture yaadata.

"Tarii anatu nama bareedaa miti jedheen yaadaa ture, anaaf salphaa hin turre. Taatota Eeshiyaa irraa dhufaniif carraan baay'ee hin turre," jedha taaton badhaasa Oskaar bara kanaa mo'ate.

Hanga bara 2018 fiilmii Crazy Rich Asians jedhu argutti, abjuu taatoo ta'uu awwaalee bira kutee ture.

"Haalli jiru akka jijjiirame argeen guyyaa tokko haadha manaa kiyya waliin haasa'e. Taatoo ta'ee hojjachuutti deebi'uun qaba jedheen itti hime," jedhuun yaadata.

Torbee lama booda fiilmii Everything Everywhere All At Once jedhurratti akka hirmaatuf bilbilameef.

Kuwaan taatoo Waymoond ta'ee yeroo hojjatu

Madda suuraa, LIONSGATE

Ibsa waa'ee suuraa, Kuwaan taatoo 'Waymond' ta'ee yeroo hojjatu

Jireenya isaa keessatti deemsa biraa filatee osoo ta'ee fiilmicha irratti taatoo 'Waymond' sirnaan taphachuu akka hin dandeenye amana.

"Waggoota kana hundumaa keessatti muuxannoon jireenyaa keessa darbe hundi isaa na fayyadeera."

"Waggaa 60 ergan guutee booda fiilmitti deebi'uun na yaaddessee ture,"jechuun badhaasa Oskaar baranaa argachuu isaatti baay'ee akka gammade dubbate.

Badhaasni Akkaadaamii Awwaard yookiin Oskaar jedhamu badhaasa wagga waggaan namoota indastirii filmii keessa jiraniif kennamuufi kabaja guddaa qabudha.