Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hezbollaan 'gumaan gaggeessaa Hamaas ajjeefamee hin bahin hin haftu' jechuun Israa'elitti dhaadate
Gaggeessaa Hamaas Libaanos magaala Beerutitti ajjeefameef Israa'el gatii osoo hin kaffalin hin haftu jechuun gaggeessan garee Hezbollaa Hasan Nasrallaa dhaadatan.
Ittaanaa gaggeessaa Hamaas kan ta'e Saaleh al-Aruurii gaafa Kibxataa, Amajjii 2, 2024, haleellaa diroonin kibba Libaanos keessatti ajjeefame.
Ajjeechan Saaleh al-Aruurii irratti raawwate "yakka cimaafi hamaa callisanii bira darbuun hin danda'amneedha" jedhan Hasan Nasrallaa.
Dabaluunis, Israa'el Libaanos irratti waraana kan labsitu yoo ta'e Hezbollaan deebii cimaa akka kennus dubbatan.
"Nuti waraana hin sodaannu; kanneen nu waliin waraanatti seenuu fedhan ni gaabbu. Nu wajjin wal-loluun gatii guddaa nama baasisa" jedhan Nasrallaan haasaa taasisaniin.
Kanaan dura Libaanos keessatti ajjeechan [Israa'elin] raawwatamu kamuu sarara diimaa akka ta'e dubbatanii turan hogganaan Hezbaollaa kun.
Waraanni Israa'elifi Hamaas erga eegalee daangaa irratti Hezbollaafi loltoonni Israa'el waraana guututti galuu baatanis wal-hadhaa turan.
Humni Waraana Israa'el Roobii, Amajjii 3, 2024, haleellaa misaa'elaa Libaanos irraa itti dhukaafamu qolataa akka jiru beekisaa ture. Kuni erga gaggeessan Hamaas Beerut keessatti haleellaa diroonin ajjeefamee booda. Irsaa'el garuu ajjeechaa kana raawwachuushee ifatti waan dubbatte hin qabdu.
Saaleh al-Aruurii damee waraanaa Hamaas, Izaddiin al-Qasam Birgeed, keessatti nama ijoodha jedhama. Akkasumas michuu cimaa duree Hamaas kan ta'e Ismaa'el Hanniyyaati.
Kanaan dura muummen ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaniyaahuu gaggeessitoota Hamaas eessayyuu yoo jiraatan akka dhabamsiisan dhaatanii turan. Kanaaf, ittaanaa duree Hamaas kan ta'e Saaleh al-Aruurii namoota Israa'el ajjeechaf barbaaddu keessaa tokko ture jedhama.
Bara 2018 irraa kaasee US nama kana du'aaf barbaadaa turte; inumaayyuu nama bakka inni jiru eeref dolaara miliyeena shan nan kenna jechuun waadaa galtee ture.
Ajjeefamuu qondaala Hamaas hordofee Hezbollaan Israa'el irratti haleellaa gaggeessee waraanni akka hin babal'anneef Ministeerri Dhimma Alaa Libanos dubbatanii turan.
Ameerikaanis waraanni Gaazan alatti akka hin babal'anneef yaaddoo qabdu ibsiteetti.
Iraan gamasheen ajjeechaa Saaleh al-Aruurii balaaleffachuun Israa'elitti quba qabdeetti.
Hamaas ammoo ajjeefamuu qondaalasaa hordofee dhimma namoota butaman gadi lakkisuurratti Israa'el wajjin marii addaan kutuu beeksisuusaa Masiriifi Kaatar gurra buusera jedhama.
Qondaalonni Israa'el mariif gara Masirii imaluuf turan imallisaanii yeroo biraatti darbuus miidiyaalen Arabaa gabaasaniiru.
Gama biraan ammoo waraanni Gaazatti gaggeeffamu itti fufeera. Israa'el ammayyuu namoonni kaampii Khaan Yuunis keessa jiran akka bahaniif akeekkachiisaa jirti.