Jibbi sanyummaa Viniishiyees irra gahee Laa Liigaarratti dubbii kaase, Vaaleensiyaa adabsiise

Viniishiyees Juuniiyeer

Madda suuraa, Getty Images

Jifataa Riyaal Maadriid lammii Biraaziil Viniishiyees Juuneer irratti jibbi fi arrabsoon sanyummaa raawwatamuu hordofee Vaalensiyaan taphoota itti aanan shan istaadiyoomii gariin cufaa keessatti akka taphatu murtaahe.

Poolisiin Ispeen jibba sanyummaan Viinishiyees arrabsaniiru jedhee namoota sadii to'annoo jala oolchuu beeksiseera.

Istaadiyoomii kilaba Vaaleenshiyaa Maestallaatti arrabsoo Viinisiyees irra gaheef jecha kilabichi maallaqa yuuroo 45,000 adabameera.

Kilabichi adabbii irra gahee ol iyyachuuf guyyoota 10 qaba.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ispeen dargaggeessi ganna 22 lammii Biraaziil kun daqiiqaa 97'ffaa irratti kaardiin diimaa kennameefi ture akka haqamuufi tapha Maadriid har'a Riyaal Vaalekaanoo waliin qabu irratti hiriiruu akka danda'u ibseera.

Federeeshinichi abbaan murtii Viniishiyeesiif kaardii diimaa yeroo kennetti taphatichi dhugaan isaa yeroo itti mulqame waan ta'eef taphataan kun akka ta'utti wanna raawwate xiinxaluu hin dandeenye jechuun murteen kaardii diimaa isaa sababa ka'eef ibseera.

Itti dabaluunis deeggartoota biraa iyyi arrabsoo sanyummaa qabu Viniishiyees irratti dhageessifamaa ture jechuun adabbiin istaadiyoomii qullaatti taphachuu Valeensiyaarra kaahamu ibse.

Riyaal Maadriid arrabsoo sanyummaa Viniishiyees irra gahe waajira abbaa alangaa Ispeenitti dhiyeessee himata yakka jibbinsaa qabsiiseera.

Viniishiyees arrabsoo sanyummaan dirree keessatti yeroo miidhamu kun kan jalqabaa miti. Bara dorgommii kanayyuu itti deddeebi'eera. Kan alanaa kun garuu gurra guddaa horate.

Ta'iin kun hawaasa kubbaa miilaa jaalatuun baayyee balaaleffatamaa jira. Inummaayyuu haalli itti dhimmichi qabame mootummaa Biraaziil irraa osoo hin hafiin qeeqni isa mudateera.

Tapha Kibxataa Riil Vaaladooliid fi Baarseloonaa akkasumas Seeltaaviigoo fi Giiroonaa irratti taphattoonniifi kanneen taphicha hoogganan baanarii ''Sanyummaan, Kubbaa miilaa keessaa haa bahu'' ("Racism, out of football") jedhu qabatanii mul'ataniiru.

Taphataan lammii Biraaziil garee Baarseloonaaf tapahatu Raafinhaan boqonnaa booda jijiiiramee yoo bahu lammii biyya isaa arrabsoon sanyummaa irra gahe duukaa akka dhaabatu agarsiiseera.

Laa Liigaan mudannoowwan sanyummaa xiqqeessuuf ''adabbiin akka cimu'' akka gaafatu ibseera.

Tapha dura mormii ibsannaa taphattootaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee haalli ta'iiwwan akka kanaa itti qabaa jiru qeeqa guddaa kaaseera.

Viniishiyees mudannoo isaa Dilbataa booda yaada tiwiitara gubbaa barreesseen pireezidantii Laa Liigaa Jaaviyeer Teebaas waliin muggutii keessa galeera.

Viniishiyees Laa Liigaan ''kan warra jibba sanyummaa oofuuti'' jedhe. Itti dabaluunis ''Biraaziil keessatti, Ispeen biyya jibba sanyummaan beekamtuudha'' jedhe.

Tebaas yaada Viiniif deebii yoo kennan Viniishiyees si'a lama yeroo arrabsoon sanyummaa irra gahu maal gochuu akka qabu mariyachuuf gaafatamee hin argamne jedhan. Dabaluunis qeequu kee dura, La Liga maqaa balleessuu dura sirriitti of hubachiisuun si barbaachisa'' jedhan.

Yaadni Pireezidantii Laa Liigaa kun ammoo ammas hawaasa kubbaa miilaa aarseera.

Ittisni duraanii Maanchistar Siitiifi Ingilaand Miikaa Richaards, yaada Teebaas yeroon argu ''dhiiga kootu danfee'' jedhe.

''Dhiiga kiyya danfise, kun qaama rakkooti. Kuni dhimma kubbaa miilaa qofa miti, kuni jireenya namootni guyyuu keessa darbaniidha'' jedha.